Angafoota Oduu
Gammoojjummaa ittisuuf tumsa Idil addunyaa barbaachisa-Doktar Indiriyaas Geetaa
Jun 10, 2023 15
Waxabajjii 03/2015(TOI)- Gammoojjummaa ittisuuf tumsi idil addunyaa barbaachisaa ta’uu de’eetaan ministiraa jallisii fi naannawa Gammoojjii doktar Indiriyaas Geetaa ibsan. Yaa’iin idil addunyaa sadaffaa guyyaa gammoojjummaa ittisuu 29ffaa sababeeffachuun qophaa’e kaleessa Chaayinaatti jalqabameera. Yaa’iin kun walta’iinsa akkaadaamii saayinsii Chaayinaa fi akkaadaamichatti inistiitiyuutii ikoloojii fi Ji’oogiraafii Shiinjiyaangiin kan qophaa’e ta’uun ibsameera. Jilli de’eetaa ministiraa jallisii fi naannawa gammoojjii doktar Indiriyaas Geetaan durfamu yaa’ii kanarratti hirmaachaa jira. De’eetaan ministiraa kun baniinsa yaa’ii kanarratti haasawa taasisaniin gammoojjummaa ittisuuf tumsa idil addunyaa barbaachisa jedhan. Doktar Indiriyaas Itiyoophiyaatti naannawoota gammoojjiitti gammoojjummaa ittisuuf hojiilee hojjetamaa jiran muuxannoof yaa’ii kanarratti dhiheessaniiru. Fooramii kana cinaatti ministeerri jallisii fi naannawa gammoojjii akkaadaamii Chaayinaa fi inistiitiyuutii Ikooloojii fi Ji’oogiraafii Shiinjiyaang sanada waliigaltee Itiyoophiyaatti gammoojjummaa ittisuuf dandeessisu akka mallatteessan ibsameera. Doktar Indiriyaas hooggantoota jiddugaleessa qorannoo waloo Siinoo Afriikaa waliin haalot hariiroo Itiyoophiyaa fi Chaayinaa jidduu jiru cimsuun danda’amurratti nimari’atu jedhameetu eegama. Biyyoonni addaddaa fooramii idiladdunyaa kanarratti muuxannoosaanii gammoojjummaa ittisuuf qaban akka dhiheessan ministeerri jallisii fi naannawa gammoojjii odeeffannoo fuula marsariitiisaarratti baaseen hubachiiseera. Kana malees ogeessonni biyyoota addaddaa, qorattoonnii fi jilli kunneen Chaayinaan gammoojjummaa ittisuuf Gammoojjii “Takilmakan”tti hojii raawwachaa jirtu akka daawwatan ibsameera.
Milkaa’inoota sagantaa Ashaaraa magariisaa Jalqabaatiin argaman boqonnaa lammaffaatiin dabaluun nibarbaachisa-Tajaaila komunikeeshinii mootummaa
Jun 10, 2023 13
Waxabajjii 03/2015(TOI)- Milkaa’inoota sagantaa Ashaaraa magariisaa Jalqabaatiin argaman boqonnaa lammaffaatiin dabaluuf tumsi taasifamaa akka jiru Tajaaila komunikeeshinii mootummaa beeksise. Baatiiwwan ganna kanaatti dhaabbilee baruu fi barsiisuuf mijeessuuf akka hojjetamu tajaajilli kun ibseera. Ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa doktar Laggasaa Tulluu haala yeroo ilaalchisuun dhimmoota addaddaarratti ibsa gaazexessummaa kennaniiru. Ibsa kanaanis milkaa’inoota sagantaa ashaaraa magariisaatiin boqonnaa tokkoffaatiin argame boqonnaa lammaffaatti dabaluun nibarbaachisa jedhaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa boqonnaa jalqabaatiin biqiltuuwwan biiliyoona 25 ol dhaabamuusaanii ibsanii, sagantaa boqonnaa lammaffaa waggoota sadiif hojeeffamuuf biqiltuuwwan biiliyoona 25 karoorfamuu ibsaniiru. Milkaa’ina kanaaf uummanni tumsa boqonnaa jalqabaarratti taasise dabaluu qaba jedhaniiru. Haala walqabateen baatii gannaatti dhaabbilee barnootaa baruu fi bariisuuf mijeessuuf akka hojjetamus ibsaniiru. Sosochiin kun dhiheenyatti akka ifoomu eeranii, milkaa’ina sosochii kanaaf qooda fudhattoonni hundi tumsuu akka qaban waamicha dhiheessaniiru. Qonni gannaa baatiiwwan itti aanan adeemsifamaniin maasaan akka lafa hinbaane hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Magaalaaleettis qonna magaalaa babal’isuun akka barbaachisu ibsaniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa boqonnaa lammaffaa ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad bakka argamanitti mta duree “egeree keenya har’a haadhaabnu” jedhuun naannoo Affaariti jalqabamuunsaa nibeekama.
Yaa’iin qorannoo fi qu’annoo tuuriizimii 11ffaa magaalaa Jiinkaatti adeemsifamaa jira
Jun 10, 2023 29
Waxabajjii 03/2015(TOI)- Yaa’iin qorannoo fi qu’annoo tuuriizimii kan waggaa 11ffaa walta’iinsa Inistiitiyuutii leenjii tuurizimii fii Yunivarsiitii Jiinkaan qophaa’e magaalaa Jiinkaatti adeemsifamaa jira. Yaa’iin qorannoo fi qu’annoo tuurizimii kan waggaa mata duree “hundagaleessummaa fi misoomni tuuriizimii egeree carraa hojii uumuuf” jedhuun adeemsifamaa jira. Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii leenjii tuurizimii obbo Geetaachoo Nagaash akka dubbatanitti, Inistiitiyuutichi hawaasa tuuriizimii fayyadamaa taasisuuf hojjechaa jira. Qabeenya dilbii damee tuurizimiin jiru faayidaarra oolchuuf leenjii ogummaa qulqullina qabu kennuun akka barbaachisu ibsaniiru. ''Dameen hoteelaa fi tuurizimii hmna namaa leenji’ee fi ga’oome barbaada”kan jedhan daarektarri olaanaan kun, humna namaa leenjiin ga’oomsuu fi teeknooloojiin deeggaruun damee kana guddisuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Jiinkaa doktar Kushee Guddishee gamasaaniin Yuunivarsiitichi aadaa heddummeessaa fi damee tuuriizimii akka jiddugaleessa ga’umsa tokkootti fudhachuun hojjechaarra jira jedhaniiru. Bu’aaleen qorannoo fi qu’annoo yaa’ii kanarratti dhihaatan yuunivarsiiticha hojiiwwan damee tuurizimiin raawwataman akka deeggaru dubbataniiru. Leenjicharratti mata dureewwan “carraalee fi qormaatilee damee tuurizimiin jiran” akkasumas “leenjiin ogummaa guddina tuurizimii egereef” jedhurratti mariin nitaasifama. Raawwachiiftonni federaalaa fi naannoo damichaa qooda fudhattoonni, dhaabbileen hoteelaa fi tuurizimii, dhaabbileen barnootaa fi leenjii fi bakka bu’oonni waldaalee ogummaa yaa’ii kanarratti argamaniiru.
Rippaabiliikiin Kooriyaa pirojektii damee oomisha kophee guddisuuf kaayyeffateef deeggarsa doolaara miiliyoona 10 taasisuufi
Jun 10, 2023 12
Waxabajjii 03/2015(TOI)-Rippaabiliikiin Kooriyaa pirojektii damee oomisha kophee guddisuuf kaayyeffateef deeggarsa doolaara miiliyoona 10 akka taasiftu beeksifteetti. Pirojektiin kun magaalaa Buusaan meetroopooliitaanitti ifoomeera. Pirojektiin karaa jiddugaleessa beeksisaa industirii kophee ‘ejensii Buusaan ikonoomiik ‘ hojiirra oolu kun damee oomisha kopheetiin dandeettii Itiyoophiyaa gabbisuurratti kan xiyyeeffate ta’uusaa ministeerri dhimma alaa beeksiseera. Pirojektichi akka lakkoofsa Awurooppaarraa bara 2023 amma 2027tti kan hojeeffamu yemmuu ta’u, oomishtoota kopheef deeggarsaa fi leenjii kennuun industiriin gogaa fi bu’aalee gogaa Itiyoophiyaa keessatti keessumaa dandeettii dorgomuu industiriin kophee dabaluuf akka kaayyeffate ibseera. Ejensiin misoomaa idil addunyaa Kooriyaa (Kooykaa) baasii pirojekticha raawwachiisuuf barbaachisu doolaara miiliyoona 10 akka danda’u ibsameera. Rippaabiliika Kooriyaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dasee Daalkee michooma seena qabeessa biyyoonni lamaan yeroo dheeraaf qaban kaasaniiru. Hariiroon biyyoota lamaanii gama siyaasaa fi dinagdeen cimuu akka danda’u ibsanii, pirojektichi oomishtummaa oomishtoota kophee Itiyoophiyaa guddisuuf murteessaa ta’uu himaniiru. Itiyoophiyaan humna namaa dargaggoo fi qabeenya namaa waan qabduuf industirii gogaa fi bu’aalee gogaatiin invastimantii biyya alaa hawachuuf akka dandeessu dubbataniiru. Ambaasaaddar Daseen ‘ejensiin ikonoomiikii Buusaan’ fi magaalaa Buusaan meetiroopooliitaaii pirojektichi akka dhugoomu deeggarsa taasisaniif galateeffataniiru. Sagantaa ifoomsuu ijaarsa pirojektii gabbisa dandettii cinaatti embaasii Itiyoophiyaa rippaabiliika Kooriyaatti argamuu fi jiddu galessi beeksisaa industirii kophee ejensii piroomooshinii ikonoomiikii ‘Buusaa’ sanada waliigaltee gamtoomina biyyoota lamaanii cimsuu danda’u waliimallatteessaniiru. Kana malees ambaasaaddar Dasee Daalkee warshaalee kophee magaalaa Buusaanitti argaman akkasumas hojjetanii agarsiisuu fi bakka leenjii jiddugaleessa kopheen itti beeksifamu daawwataniiru.
Waltajjiin maree waloon seera baaftotaa biyyaalessaa magaalaa Jigjigaatti adeemsifamaa jira
Jun 10, 2023 39
Waxabajjii 03/2015(TOI)- የWaltajjiin maree waloon seera baaftotaa biyyaalessaa magaalaa Jigjigaatti adeemsifamaa jira. Waltajjiin kun hariiroo mootummoota federaalaa fi naannoo, akkasumas walitti dhufeenya naannolee jidduu jiru ittifufsiisuuf, amantaa lammiileen dhaabbilee haqaarratti qaban fooyyessuun kan kaayyeffatedha. Akkasumas sanadoonni haala jijjiiramaa manneen murtee federaalaa, hariiroon federaalaa fi naannolee cimsuuf qaamoleen seera baaftotaa walitti dhihaatanii hojjechuu dandeessisan dhihaatanii mariin nitaasifama. Waltajjichi mootummoota federaalaa fi naannoo, akkasumas ciminootaa naannolee jidduu jiran ittifufsiisuu fi gufuulee amma ammaatti mudatan akkasumas fuuldura mudachuu danda’an furuuf nigargaara. Waltajjiin maree kun nageenya waaraa mirkaneessuuf, misoomaa fi bulchiinsa gaarii itti fufsiisuu fi gaaffilee ummataa deebisuuf nigargaara. Itiyoophiyaatti nageenya waaraa fiduuf, sirna demokiraasii wabii qabu mirkaneessuuf, misooma dinagdee fi hawaasummaa si’ataa itti fufsiisuuf faayidaan waltajjichaa olaanaa akka ta’u ni’eegama jedhameera. Af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo dabalatee af-yaa’iin mana maree federeeshinii Aganyoo Tashaagar, pirezidaantiin mana murtee waliigalaa federaalaa Tewoodiroos Mihirat, mana maree bakka bu’oota ummataatti ministirri itti waaamamaa mootummaa Tasfaayee Baljigee, Ministirri haqaa doktar Geediyoon Ximootiyoos, af-yaa’onni manneen maree federaalaa, naannolee fi bulchiinsota magaalaa lameenii waltajjii kanarratti hirmaachaa jiru.
Kan mul'ate

Beeksisa
ENA
Feb 7, 2023 1152
ENA
Siyaasa
Biyya fooyyee qabdu dhaloota dhufu dhaalchisuuf dhaloonni ammaa cimee hojjechuu qaba
Jun 9, 2023 224
Waxabajji 02/2015(TOI)- Biyya gama hundaan fooyyee qabdu dhaloota dhufu dhaalchiisuuf dhaloonni ammaa qorataawwaniifi carraawwan jiranitti fayyadamuun cimee hojjechuu qaba jedhame. Mariin Gumii Balal 32ffaan waajjira Pirezidaantii naannoo Oromiyaatti mata duree 'Jechaafi Gocha dhaloota hanga dhalootaatti'' jedhuun geggeeffameera. Marii kanarratti kan argaman Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannichaa obbo Hayiluu Addunyaa eenyummaafi maalummaa dhaloota tokko kan murteessan yeroo dhaloota isaa keessaatti qormaatawwaniifi carraawwan gaarii jiran fayyadamuun haala ittiin ce'uu yaalanidha jedhaniiru. Obbo Hayiluun akka himanitti biyyi wal harkaa fuudhinsa dhalootaan kan ijaaramtu yoo ta'u, biyya fooyyee qabdu dhaloota dhufu dhaalchisuun kan danda'amu dhaloonni ammaa rakkoowwaniifi carraawwan jiran fayyadamuun cimee yoo hojjetedha jedhaniiru. Waltajjii marichaa dursaa kan turan Ministirri deetaa ministeera Jallisiifi naannawwaa gammoojjii doktar Biraanuu Leenjisoo gama isaaniin duudhaa hawaasaa guddaa ijaaruuf ka'umsi waadaa namni ofii isaaf galudha jedhaniiru. Dhaloonnis jecha isaarratti hundaa'uun ijaarsa biyyaa kan raawwatu ta'uu eeraniiru. Maricharratti waraqaa yaada ka'uumsaa kan dhiheessan Barsiisaafi qorataan Yuunivarsiitii Barnootaa Kotobee doktar Yooseef Beekoo waadaan afaaniin galamee yoo gara gochaan hin agarsiifamu ta'e akka waadaa diigameetti ilaalama jedhaniiru. Waadaafi gochii akka cancalaatti walitti hidhamanii kan umamaniidha kan jedhan doktar Yooseef, dhaloonniis isa darbe,isa jiruufi isa itti aanuu waliin walitti kan hidhamedha jedhaniiru. Kanaaf dhaloonni ida'amuus bu'aa gaarii isa darberraa akka galaatti fudhachuun dhaloonni dhufu immoo waadaa isaa gara fooyyee qabuutti jijjiruu qaba jedhaniiru. Baratoota marii kanarratti hirmaatan keessaa Mana barnootaa Bultii sadarkaa laffaa Amboorra barattuu Tsihoon Humneessaa yaada kenniteen ''Nun dhaloonni ida'amuu kan jechaa qofaa osoo hin taane dhaloota gochaa ta'uu keenya jabaannee hojjennee ni mirkaneessina' jeteetti. Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad kitaaba isaanii Dhaloota Ida'uurratti dhaloonni tokko qoramaatawwaniifi carraawwan jiran fayyadamuun cu'uuf tattaaffii dhaloonni taasisuu jiddugala godhachuun waltajjii kanarratti dhihaataniiru.
Kitaabonni Ida’amuu ministirri muummee barreessan yaadota Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf dandeessisan kan qabatanidha-Artiist Dabbabaa Isheetuu
Jun 9, 2023 44
Waxabajjii 2/2015(TOI)- Kitaabonni Ida’amuu ministirri muummee barreessan sadan yaadota Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf dandeessisan kan qabatan ta’uu Artiist Dabbabaa Isheetuu ibsan. Waltajjiin maree tajaajilli oduu Itiyoophiyaa mata duree “imala Ida’amuu” jedhuun qopheesse magaalaa Bishooftuutti adeemsifamaa jira. Hooggantoonni mootummaa, ogeessonni miidiyaa fi qaamoleen biroon maree kanarratti hirmaataniiru. Carraaleen gaariin yaanni ida’amuu fidee dhufe, gufuulee adeemsa keessatti mudachaa jiranii fi dhimmoonni furmaata agarsiisan irratti mariin taasifameera. Hojii raawwachiisaan olaanaa tajaajila oduu Itiyoophiyaa obbo Seeyfee Darribee wayita kana akka jedhanitti, ministirri muummee Abiyyi Ahimad kitaabota yaadota faayidaa ida’amuu agarsiisan sadii ofkeessaa qaban dhiheessuusaanii ibsaniiru. Aadaa hojii gabbisuu fi gufuuwwan adeemsa keessa mudatan furmaata barbaaduuf taadota agarsiisan walii qooduun kaayyoo maree kanaa ta’uun hubachiisaniiru. Yaanni ida’amuu kan dhaabatu osoo hinta’iin adeemsa itti fufu akka ta’es dubbataniiru. Waltajjii kanarratti kan hirmaate aartistiin gameessi Dabbabaa Isheetuu imalaa fi muuxannoo bara darbee fi dhaloota ammaa dhiheessaniiru. Jibbiinsaa duuchaa fi qeeqa hinmallerraa fagaachuun kitaabota dubbisuu fi sirriitti hubachuun nibarbaachisa jdhaniiru. Kitaabonni ida’amuu ministira muummee Abiyyi Ahimad sadan carraa Itiyoophiyaa fuulduraa murteessuuf bu’uura kan kaa’an ta’uu dubbataniiru. Guddinaa fi badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf aadaa hojii fooyyessuun dirree misoomaa bu’a qabeessa uumuun akka barbaachisu maree Kanaan ibsameera. Lammiin hundi hojiisaarratti carraaqqii fi kaka’umsa horachuun qabeenya Itityoophiyaan qabdu misoomsuun itti fayyadamuun guddinaa fi badhaadhinashee itti fufsiisuun akka barbaachisu eerameera.

Hawaasummaa
Yaa’iin qorannoo fi qu’annoo tuuriizimii 11ffaa magaalaa Jiinkaatti adeemsifamaa jira
Jun 10, 2023 29
Waxabajjii 03/2015(TOI)- Yaa’iin qorannoo fi qu’annoo tuuriizimii kan waggaa 11ffaa walta’iinsa Inistiitiyuutii leenjii tuurizimii fii Yunivarsiitii Jiinkaan qophaa’e magaalaa Jiinkaatti adeemsifamaa jira. Yaa’iin qorannoo fi qu’annoo tuurizimii kan waggaa mata duree “hundagaleessummaa fi misoomni tuuriizimii egeree carraa hojii uumuuf” jedhuun adeemsifamaa jira. Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii leenjii tuurizimii obbo Geetaachoo Nagaash akka dubbatanitti, Inistiitiyuutichi hawaasa tuuriizimii fayyadamaa taasisuuf hojjechaa jira. Qabeenya dilbii damee tuurizimiin jiru faayidaarra oolchuuf leenjii ogummaa qulqullina qabu kennuun akka barbaachisu ibsaniiru. ''Dameen hoteelaa fi tuurizimii hmna namaa leenji’ee fi ga’oome barbaada”kan jedhan daarektarri olaanaan kun, humna namaa leenjiin ga’oomsuu fi teeknooloojiin deeggaruun damee kana guddisuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Jiinkaa doktar Kushee Guddishee gamasaaniin Yuunivarsiitichi aadaa heddummeessaa fi damee tuuriizimii akka jiddugaleessa ga’umsa tokkootti fudhachuun hojjechaarra jira jedhaniiru. Bu’aaleen qorannoo fi qu’annoo yaa’ii kanarratti dhihaatan yuunivarsiiticha hojiiwwan damee tuurizimiin raawwataman akka deeggaru dubbataniiru. Leenjicharratti mata dureewwan “carraalee fi qormaatilee damee tuurizimiin jiran” akkasumas “leenjiin ogummaa guddina tuurizimii egereef” jedhurratti mariin nitaasifama. Raawwachiiftonni federaalaa fi naannoo damichaa qooda fudhattoonni, dhaabbileen hoteelaa fi tuurizimii, dhaabbileen barnootaa fi leenjii fi bakka bu’oonni waldaalee ogummaa yaa’ii kanarratti argamaniiru.
Waltajjiin maree waloon seera baaftotaa biyyaalessaa magaalaa Jigjigaatti adeemsifamaa jira
Jun 10, 2023 39
Waxabajjii 03/2015(TOI)- የWaltajjiin maree waloon seera baaftotaa biyyaalessaa magaalaa Jigjigaatti adeemsifamaa jira. Waltajjiin kun hariiroo mootummoota federaalaa fi naannoo, akkasumas walitti dhufeenya naannolee jidduu jiru ittifufsiisuuf, amantaa lammiileen dhaabbilee haqaarratti qaban fooyyessuun kan kaayyeffatedha. Akkasumas sanadoonni haala jijjiiramaa manneen murtee federaalaa, hariiroon federaalaa fi naannolee cimsuuf qaamoleen seera baaftotaa walitti dhihaatanii hojjechuu dandeessisan dhihaatanii mariin nitaasifama. Waltajjichi mootummoota federaalaa fi naannoo, akkasumas ciminootaa naannolee jidduu jiran ittifufsiisuu fi gufuulee amma ammaatti mudatan akkasumas fuuldura mudachuu danda’an furuuf nigargaara. Waltajjiin maree kun nageenya waaraa mirkaneessuuf, misoomaa fi bulchiinsa gaarii itti fufsiisuu fi gaaffilee ummataa deebisuuf nigargaara. Itiyoophiyaatti nageenya waaraa fiduuf, sirna demokiraasii wabii qabu mirkaneessuuf, misooma dinagdee fi hawaasummaa si’ataa itti fufsiisuuf faayidaan waltajjichaa olaanaa akka ta’u ni’eegama jedhameera. Af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo dabalatee af-yaa’iin mana maree federeeshinii Aganyoo Tashaagar, pirezidaantiin mana murtee waliigalaa federaalaa Tewoodiroos Mihirat, mana maree bakka bu’oota ummataatti ministirri itti waaamamaa mootummaa Tasfaayee Baljigee, Ministirri haqaa doktar Geediyoon Ximootiyoos, af-yaa’onni manneen maree federaalaa, naannolee fi bulchiinsota magaalaa lameenii waltajjii kanarratti hirmaachaa jiru.
Dubartoonni nagaa fi nageenya ilaalchisuun qormaata isaan mudatu fi bakka bu’ummaan dubartootaa lakkoofsaan qofa fudhatamuu hin qabu-Pirezidaant Saahilawarq Zawudee
Jun 10, 2023 15
Waxabajjii 03/2015(TOI)- Dubartoonni nagaa fi nageenya ilaalchisuun qormaata isaan mudatu fi bakka bu’ummaan dubartootaa lakkoofsaan qofa fudhatamuu hin qabu jedhan Pirezidaant Saahilawarq Zawudee. Yaa’iin waggaa dhaabbata dubartoota hooggantoota siyaasaa 10ffaa fi paarlaamaa gamtaa Awurooppaa fi pa arlaamaa federaalaa Beeljiyeem mata duree “Bakka bu’ummaan murteessaadha” jedhuun waloon taasifameera. Pirezidaantiin RDFI Saahilawarq Zawudee jalbultii yaa’ii mata duree “bakka bu’ummaan murteessaadha” jedhuun jalqabamerratti haasawa baniinsaa taasisaniiru. Haasanasaaniitiin gufuuleen nagaa fi nageenya ilaalchisuun isaan mudatu fi bakka bu’ummaan dubartootaa lakkoofsaan qofa fudhatamuu akka hinqabne dubbataniiru. Pirezidaanti Saahilawarq Zawudee yaa’ii kanarratti beekamtiin “dubartii dursituu” kennameeraaf. Beekamtiin kun Pirezidaanti Saahilawarq Zawudeef kan kennameef yaa’ii waggaa dhaabbata dubartoota gaggeessitoonni siyaasaa paarlaamaa biyyoota heddii irratti hirmaatan Beeljiyeemitti adeemsifamerratti dha. Beekamtiin kun Itiyoophiyaatti pirezidaantii dubartii kan jalqabaa ta’uun filatamuusaanii dabalatee Kanaan duras dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti hojiiwwan addaddaan itti gaafatamummaa qabaii fi qooda gaggeessummaa olaanaa qabaniin dursituu ta’uusaaniitiin akka ta’e ibsameera. Pirezidaanti Saahilawarq Zawudee haasawa taasisaniin “badhaafni kun dubartoota cimoo, dahannoo keessa kan jiraniif, waldhaansarra osoo jiranii barachuuf hwwii akka qaban kan isaanitti himan, qofaasaanii maatii bulcuuf ittigaafatamni kan irratti dhiifamee fi dubartoota biyya koo kennaa qaban abdii nuukennaniif naaf haata’u” jedhaniiru. Dubartoonni nagaa fi nageenya ilaalchisee gufuu isaan mudatuu fi bakka bu’ummaan dubartootaa lakkoofsaan qofa ilaalamuu akka hinqabne dubbachuusaanii odeeffannoon waajjira pirezidaantiirraa argame nimul’isa. Yaa’ii baranaa kan keessummeessite Noorweey yeroo ammaa af-yaa’iiwwan dubartootaan durfamu manneen maree lama qabdi.
Namoota seeraan ala deddeebisuu ittisuu fi hambisuuf yaaliin taasifamu cimee itti fufeera-Ministeera dhimmoota dubartootaa fi hawaasummaa
Jun 9, 2023 183
Waxabajjii 2/2015(TOI)- Namoota seeraan ala deddeebisuu ittisuu fi hambisuuf yaaliin qooda fudhattoota waliin qindaa’uun taasifamu cimee itti fufuusaa Ministeera dhimmoota dubartootaa fi hawaasummaaibse Mariin idil addunyaa mata duree “ hirmaannaa hawaasaa cimaadhaan namoota seeraan ala deddeebisuu waliin haa ittifnu” jedhuun Dirreedawaatti adeemsifamaa jira. Ministeera dubartootaa fi dhimma hawaasummaatti hojii raawwachiisaan quunnamtii ummataa fi komunikeeshinii obbo Darajjee Taayyee TOItti akka himanitti, mariin kun hojii qindaa’aa godaansa seeraan alaa ittisuuf sadarkaa biyyaatti jalqabame caalaatti cimsuufidha. Carraan hojii biyya keessa osoo jiruulammiileen hojii barbaacha imala seeraan alaa filachuun rakkoolee hawaasummaa fi namoomaa hammaataaf saaxilamaa jiru jedhaniiru. Ministeerichi yaalii rakkoo kana ittisuu fi hambisuuf qaamolee dhimmi ilaalu waliin lammiileen gocha kana akka jibbanii fi carraalee hojii filmaataatti akka fayyadaman taasifamu cimee itti fufuu ibsaniiru. Qaamolee fi gareeleen namoota seeraan ala deddeebisuurratti hirmaatan karaa qindaa’een walitti hidhiinsasaanii kutuun seeratti dhiheessuuf dhaabbilee haqaa waliin hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Ministirri dubartootaa fi dhimmoota hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayee, kantiibaan bulchiinsa magaalaa Dirreedawaa Kadir Juhaar dabalatee hooggantoonni mootummaa federaalaa fi naannolee akkasumas bulchitoonni magaalaa, hooggantoonni mootummaa olaanoon, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa dargaggoonnii fi dubartoonni maree kanarratti hirmaachaa jiru.
Diinagdee
Rippaabiliikiin Kooriyaa pirojektii damee oomisha kophee guddisuuf kaayyeffateef deeggarsa doolaara miiliyoona 10 taasisuufi
Jun 10, 2023 12
Waxabajjii 03/2015(TOI)-Rippaabiliikiin Kooriyaa pirojektii damee oomisha kophee guddisuuf kaayyeffateef deeggarsa doolaara miiliyoona 10 akka taasiftu beeksifteetti. Pirojektiin kun magaalaa Buusaan meetroopooliitaanitti ifoomeera. Pirojektiin karaa jiddugaleessa beeksisaa industirii kophee ‘ejensii Buusaan ikonoomiik ‘ hojiirra oolu kun damee oomisha kopheetiin dandeettii Itiyoophiyaa gabbisuurratti kan xiyyeeffate ta’uusaa ministeerri dhimma alaa beeksiseera. Pirojektichi akka lakkoofsa Awurooppaarraa bara 2023 amma 2027tti kan hojeeffamu yemmuu ta’u, oomishtoota kopheef deeggarsaa fi leenjii kennuun industiriin gogaa fi bu’aalee gogaa Itiyoophiyaa keessatti keessumaa dandeettii dorgomuu industiriin kophee dabaluuf akka kaayyeffate ibseera. Ejensiin misoomaa idil addunyaa Kooriyaa (Kooykaa) baasii pirojekticha raawwachiisuuf barbaachisu doolaara miiliyoona 10 akka danda’u ibsameera. Rippaabiliika Kooriyaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dasee Daalkee michooma seena qabeessa biyyoonni lamaan yeroo dheeraaf qaban kaasaniiru. Hariiroon biyyoota lamaanii gama siyaasaa fi dinagdeen cimuu akka danda’u ibsanii, pirojektichi oomishtummaa oomishtoota kophee Itiyoophiyaa guddisuuf murteessaa ta’uu himaniiru. Itiyoophiyaan humna namaa dargaggoo fi qabeenya namaa waan qabduuf industirii gogaa fi bu’aalee gogaatiin invastimantii biyya alaa hawachuuf akka dandeessu dubbataniiru. Ambaasaaddar Daseen ‘ejensiin ikonoomiikii Buusaan’ fi magaalaa Buusaan meetiroopooliitaaii pirojektichi akka dhugoomu deeggarsa taasisaniif galateeffataniiru. Sagantaa ifoomsuu ijaarsa pirojektii gabbisa dandettii cinaatti embaasii Itiyoophiyaa rippaabiliika Kooriyaatti argamuu fi jiddu galessi beeksisaa industirii kophee ejensii piroomooshinii ikonoomiikii ‘Buusaa’ sanada waliigaltee gamtoomina biyyoota lamaanii cimsuu danda’u waliimallatteessaniiru. Kana malees ambaasaaddar Dasee Daalkee warshaalee kophee magaalaa Buusaanitti argaman akkasumas hojjetanii agarsiisuu fi bakka leenjii jiddugaleessa kopheen itti beeksifamu daawwataniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Ispoortii
Taphoonni xumuraa piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 25ffaa har’a nitaphatamu
May 23, 2023 221
Caamsaa 15/2015(TOI)- Taphoonni xumuraa Sagantaa piriimer liigii torbee 25ffaa har’a Istaadiyeemii yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatamu. Akkaataa sagantaa kanaatiin guyyaa keessaa sa’aatii 9:00tti magaalaan Hawaasaa Madin Itiyoophiyaa waliin nitaphatu. Magaalaan Hawaasaa qabxii 33’n sadarkaa 8ffaarratti yemmuu argamu, Madin Itiyoophiyaan qabxii 44’n sadarkaa 2ffaarratti argama. Magaalaan Hawaasaa taphoota liigichaa shan Kanaan dura taphateen homaa hinmo’anne . Al lma mo’amee, al lama mo’ameera, sadii ammoo walqixa baheera. Gama biraatiin Madin Itiyoophiyaan taphoota shan kanaan dura taphateen lama mo’atee lamaan mo’amee al tokko qabxii qooddateera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taasisaniin goolii malee walqixa xumuramuunsaa niyaadatama. Taphoonni xumuraa sagantaan piriimer liigii Beetkiing Itiyoophiyaa 25faa kan biraan Itiyoo elektiriikii fi Machaal jidduutti galgala sa’aatii 12:00tti nitaphatama. Itiyoo elektiriik qabxii 11’n sadarkaa xumuraa 16ffaa qabatee sadarkaa gadibu’aarratti argama. Machaal ammoo qabxii 32’n sadarkaa 11ffaarra jira. Itiyoo elektiriik taphoota shan walitti aanan taphateen homaa hinmo’annee. Afur mo’amee tokkoon walqixa baheera. Morkataansaa Machaal taphoota shan walitti aanan taphateen al sadii mo’atee, al lama mo’ameera. Itiyoo elektiriik tapha har’aatiin yoo mo’ame ykn walqixa yoo bahe piriimer liigiirraa gadi bu’uusaa kan mirkaneeffate kilaba lammaffaa nita’a. Lagaxaafoo Lagadaadhii dhihoo kana Piriimer liigiirraa gadi bu’uunsaa niyaadatama. Kilaboonni lamaan taphni marsaa jalqabaa taasisan qabxii tokkoo fi tokkoon walqixa xumuramuunsaa nibeekama. Haala walfakkaatuun taphoota torbee 25ffaa kaleessa taphatamaniin Bunni Sidaamaa Faasiil Kanamaa goolii 1 fi 0’n akkasumasa magaalaan Dirreedawaa magaalaa Walqixxee goolii 2 fi 1’n mo’ateera.
Taphoonni Piriimer liigiin Itiyoophiyaa torbee 25ffaa har’as nitaphatau
May 22, 2023 181
Caamsaa 14/2015 (TOI) – Sagantaa piriimer liigii torbee 25ffaan oolmaa guyyaa sadaffaatiin har’a taphoonni lama Istaadiyeemii Yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatamu. Guyyaa keessaa sa’aatii 9tti Faasiil Kanamaan Buna Sidaamaa waliin nitaphatu. Faasiil Kanamaan qabxii 37’n sadarkaa shanaffaa akkasumas Bunni Sidaamaa qabxii 30’n sadarkaa 12ffaarratti argama. Faasiil Kanamaan taphoota liigichaa shan Kanaan dura taphateen sadii mo’atee tokko mo’amee al tokko walqixa baheera. Morkataansaa Bunni Sidaamaa taphoota shan keessaa sadii mo’atee lama mo’ameera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taphataniin Faasiil Kanamaan goolii 4 fi 2’n mo’achuunsaa niyaadatama. Sagantaa Piriimer liigii Beetkiingii Itihioophiyaa torbee 25ffaa kan biraatiin magaalaan Walqixxee galgala sa’aatii 12tti magaalaa Dirreedawaa waliin nitaphatu. Magaalaan Walqixxee qabxii 29’n sadarkaa 13ffaarratti yemmuu argamu magaalaan Dirreedawaa qabxii 30’n sadarkaa 11ffaarra jira. Magaalaan Walqixxee taphoota liigichaa darbe shan taphateen lama mo’atee, tokkoon mo’amee al lama qabxii qooddateera. Morkataansaa magaalaan Dirreedawaa taphoota shan darbaniin al lama mo’atee sadii mo’atameera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taasisaniin goolii lamaa fi lamaan xumuramuunsaa niyaadatama. Haala wal fakkaatuun piriimer liigii Beetkiingii Itiyoophiyaa torbee 25ffaan Hadiyyaa Hoosaa’inaa magaalaa Bahaardaar akkasumas Liigicha dursaa kan jiru Qiddus Goorgis Walaayittaa Diichaa goolii Walfakkaataa 2 fi 1’n mo’ataniiru.
Taphoonni piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 25ffaa har’aa kaasee nitaphatamu
May 20, 2023 269
Caamsaa 12/ 2015 (TOI) – Sagantaan piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 25ffaa taphoota lama har’a taphatamaniin nijalqabama. Magaalaan Adaamaa magaalaa Arbaa Minci waliin guyyaa keessaa sa’aatii 9:00tti Istaadiyeemii Yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatu. Magaalaan Adaamaa qaxii 32’n sadarkaa 8ffaa akkasumas magaalaan Arbaa Minci qabxii 25niin sadarkaa 14ffaa qabatee sadarkaa gadu bu’aa keessatti argama. Magaalaan Adaamaa taphoota piriimer liigii walitti aansee taphate shaniin lama mo’atee, tokkoon mo’amee, al lama walqixa baheera. Morkataansaa magaalaan Arbaa Miinci taphoota shan taphateen homaa hinmo’anne. Al tokko mo’ateera, al afur ammoo qabxii qooddateera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taphataniin magaalaan Arbaa Minci goolii 1 fi 0’n mo’achuunsaa niyaadatama. Taphni piriimer liigii beetkiing Itiyoophiyaa torbee 25ffaa marsaa lammaffaa buna Itiyoophiyaa fi Lagaxaafoo Lagadaadhii jidduutti galgala sa’aatii 12:00tti taphatama. Bunni Itiyoophiyaa qabxii 34’n sadarkaa 5ffaa akkasumas Lagaxaafoo Lagadaadhii qabxii 11’n sadarkaa 16ffaa isa dhumaa qabatee sadarkaa gadi bu’aarratti argama. Bunni Itiyoophiyaa taphoota shaman darban taphateen lama mo’atee, tokkoon mo’ameera. Al lama ammoo Walqixa baheera. Morkataansaa Lagaxaafoo Lagadaadhii taphoota shan taasiseen homaa hinmo’anne. Afuriin mo’atee altokko ammoo qabxii qooddateera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taasisaniin goolii 2 fi 2 walqixa xumuramuunsaa niyaadatama. Bunni Itiyoophiyaa Lagaxaafoo Lagadaadhii mo’atee magaalaan Arbaa Minci magaalaa Adaamaa yoo mo’ate Lagaxaafoo Lagadaadhii taphni shan osoo hafuu kilaba piriimer liigiirra bu’u kan jalqabaa ta’a. Sagantaan piriimer liigii Beetkiing Itiyoophiyaa torbee 25ffaa amma Caamsaa 15 bara 2015tti nitura.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Gammoojjummaa ittisuuf tumsa Idil addunyaa barbaachisa-Doktar Indiriyaas Geetaa
Jun 10, 2023 15
Waxabajjii 03/2015(TOI)- Gammoojjummaa ittisuuf tumsi idil addunyaa barbaachisaa ta’uu de’eetaan ministiraa jallisii fi naannawa Gammoojjii doktar Indiriyaas Geetaa ibsan. Yaa’iin idil addunyaa sadaffaa guyyaa gammoojjummaa ittisuu 29ffaa sababeeffachuun qophaa’e kaleessa Chaayinaatti jalqabameera. Yaa’iin kun walta’iinsa akkaadaamii saayinsii Chaayinaa fi akkaadaamichatti inistiitiyuutii ikoloojii fi Ji’oogiraafii Shiinjiyaangiin kan qophaa’e ta’uun ibsameera. Jilli de’eetaa ministiraa jallisii fi naannawa gammoojjii doktar Indiriyaas Geetaan durfamu yaa’ii kanarratti hirmaachaa jira. De’eetaan ministiraa kun baniinsa yaa’ii kanarratti haasawa taasisaniin gammoojjummaa ittisuuf tumsa idil addunyaa barbaachisa jedhan. Doktar Indiriyaas Itiyoophiyaatti naannawoota gammoojjiitti gammoojjummaa ittisuuf hojiilee hojjetamaa jiran muuxannoof yaa’ii kanarratti dhiheessaniiru. Fooramii kana cinaatti ministeerri jallisii fi naannawa gammoojjii akkaadaamii Chaayinaa fi inistiitiyuutii Ikooloojii fi Ji’oogiraafii Shiinjiyaang sanada waliigaltee Itiyoophiyaatti gammoojjummaa ittisuuf dandeessisu akka mallatteessan ibsameera. Doktar Indiriyaas hooggantoota jiddugaleessa qorannoo waloo Siinoo Afriikaa waliin haalot hariiroo Itiyoophiyaa fi Chaayinaa jidduu jiru cimsuun danda’amurratti nimari’atu jedhameetu eegama. Biyyoonni addaddaa fooramii idiladdunyaa kanarratti muuxannoosaanii gammoojjummaa ittisuuf qaban akka dhiheessan ministeerri jallisii fi naannawa gammoojjii odeeffannoo fuula marsariitiisaarratti baaseen hubachiiseera. Kana malees ogeessonni biyyoota addaddaa, qorattoonnii fi jilli kunneen Chaayinaan gammoojjummaa ittisuuf Gammoojjii “Takilmakan”tti hojii raawwachaa jirtu akka daawwatan ibsameera.
Milkaa’inoota sagantaa Ashaaraa magariisaa Jalqabaatiin argaman boqonnaa lammaffaatiin dabaluun nibarbaachisa-Tajaaila komunikeeshinii mootummaa
Jun 10, 2023 13
Waxabajjii 03/2015(TOI)- Milkaa’inoota sagantaa Ashaaraa magariisaa Jalqabaatiin argaman boqonnaa lammaffaatiin dabaluuf tumsi taasifamaa akka jiru Tajaaila komunikeeshinii mootummaa beeksise. Baatiiwwan ganna kanaatti dhaabbilee baruu fi barsiisuuf mijeessuuf akka hojjetamu tajaajilli kun ibseera. Ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa doktar Laggasaa Tulluu haala yeroo ilaalchisuun dhimmoota addaddaarratti ibsa gaazexessummaa kennaniiru. Ibsa kanaanis milkaa’inoota sagantaa ashaaraa magariisaatiin boqonnaa tokkoffaatiin argame boqonnaa lammaffaatti dabaluun nibarbaachisa jedhaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa boqonnaa jalqabaatiin biqiltuuwwan biiliyoona 25 ol dhaabamuusaanii ibsanii, sagantaa boqonnaa lammaffaa waggoota sadiif hojeeffamuuf biqiltuuwwan biiliyoona 25 karoorfamuu ibsaniiru. Milkaa’ina kanaaf uummanni tumsa boqonnaa jalqabaarratti taasise dabaluu qaba jedhaniiru. Haala walqabateen baatii gannaatti dhaabbilee barnootaa baruu fi bariisuuf mijeessuuf akka hojjetamus ibsaniiru. Sosochiin kun dhiheenyatti akka ifoomu eeranii, milkaa’ina sosochii kanaaf qooda fudhattoonni hundi tumsuu akka qaban waamicha dhiheessaniiru. Qonni gannaa baatiiwwan itti aanan adeemsifamaniin maasaan akka lafa hinbaane hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Magaalaaleettis qonna magaalaa babal’isuun akka barbaachisu ibsaniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa boqonnaa lammaffaa ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad bakka argamanitti mta duree “egeree keenya har’a haadhaabnu” jedhuun naannoo Affaariti jalqabamuunsaa nibeekama.
Yaada Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiy Ahimad maddisiisaniin kan jalqabamee Sagantaan ashaaraa magariisaan milkaa'inni guddaan argameera.
Jun 9, 2023 37
Waxabajjii 2/2015 (TOI):- Yaada Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiy Ahimad maddisiisaniin kan jalqabamee Sagantaan ashaaraa magariisaan milkaa'inni guddaan argamuu Ministiroonni himan. Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad kaleessa Sagantaa ashaaraa Magariisaa marsaa lammaffaa naannoo Affaaritti mata duree "Boru har'a haa dhaabnu" jedhuun eegalchiisaniiru. Hoggantoonni naannolee, ministiroonni fi qondaaltonni mootummaa olaanoo biroon sagantaa kana irratti argamaniiru. Ministiroonni saganticharratti hirmaatan akka himaniitti, sagantaa ashaaraa Magariisaan hojiin hanga ammaatti hojjetameen milkaa'inni guddaan irraa argameera. Hogganaan Waajjira Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Kaabinee Obbo Alamtsahaay Paawuloos sirna kanarratti argamuun akka himaniitti, sagantaa ashaaraa magariisaa marsaa jalqabaan biltuun biliyoona 25 ol dhaabamaniiru. Hojii kanarraa bu'aan guddaan argamuu himaniiru. Marsaan lammaffaan sagantaa kanaa "Har'a boru haa dhaabnu" mata duree jedhuun kan eegalee yoo ta'u, dhaloota boriif ashaaraa guddaa kan ittiin keenyu ta'a jedhaniiru. Biyya itti fufiinsan, oomishtummaa qabduu fi jijjiirama qilleensaaf hin saaxilamne dhaloota dhufuutti dabarsinee kennuuf sagantaan kun qooda guddaa qaba jedhaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa irra caalaa biqiltuu nyaatamuu danda’u irratti kan xiyyeeffate ta’uus himaniiru. Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa gama isaaniin Sagantaan ashaaraa Magariisaa marsaa jalqabaa milkaa’inaan hojiirra ooluu isaa ibsaniiru. Sagantaa kanarraa haala hojii fi muuxannoo hedduun horatamuu himanii, hojiin kun lammiilee Itoophiyaa bal’inaan sochoose ta’uus yaadachiisaniiru. Qabeenyi bishaanii yeroo biqiltuun dhaabamu kan kan jiru ta'uu himanii, gama kanaan sagantichi gumaacha guddaa akka qabus eeraniiru. Itti dabaluunis gara fuula duraatti xiyyeeffannoon naannawwaa sulula lageeniitti kennamee kan hojjetamu ta'uu himaniiru. Ministirri Jallisii fi naannaawwaa gammoojjii Injinar Aayishaa Mohaammad Ioophiyaan hojii misooma magariisaan aadda duree ta'aa jirti jedhaniiru. Hojiileen kaka’umsa Ministira Muummee Abiy Ahimadiin hojjetamaa jiran jijjiirama qilleensaa addunyaa ittisuuf kan gargaaran ta’uus ibsaniiru. Sagantaan kun tokkummaa hawaasummaa fiduu fi guddina diinagdee kan saffisiisu ta’uu hubachuun hunduu milkaa’ina isaaf hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru. Ministirri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxee Mollaan hojiin sagantaa ashaaraa magariisaan marsaa jalqabaan hojjetame bu’aa gaarii agarsiiseera jedhan. Biqiltuu dhaabuu qofaa osoo hin taane kanneen dhabaman akka guddtan hordofiin godhamuu qaba jedhanii ministeerichis sooftiweerii kanaaf gargaaru qopheessuu himaniiru.
Bu’aalee gurguddoo sagantaa Ashaaraa magariisaa boqonnaa jalqabaan argame dabaluuf kutannoon nihojjetama- Pirezidaantota naannolee
Jun 9, 2023 25
Waxabajjii 02/2015 (TOI) - Bu’aalee gurguddoo sagantaa Ashaaraa magariisaa boqonnaa jalqabaan argame boqonnaa lammaffaan dabaluuf keessumaa qonna walmakaan kutannoon akka hojjetamu Pirezidaantonni naannolee dubbatan. Pirezidaantonni naannolee sagantaa jalqabsiisa ashaaraa magariisaa boqonnaa lammaffaarratti argamanii ashaaraasaanii kaa’an yaada kennaniin ashaaraa magariisaa baranaaf naannolee hundatti qophiin taasifameera jedhan. Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa milkaa’inoota boqonnaa jalqabaan argaman dabaluuf qophiin barbaachisu hundi taasifamuusaa eeraniiru. Sagantaa Ashaaraa magariisaa baranaatiin naannoon Oromiyaa sirna bosonaa, Bunaa fi fuduraa ykn qonna walmakaa hordofuun akka misoomsu ibsaniiru. Biqiltuuwwan naannichatti dhaabaman waliigalaa keessaa biiliyoonni 1 fi tuqaa 3 Buna, miiliyoonni 50 ammoo fuduraawwan dhaabuun dursee jalqabamuu mirkaneessaniiru. Pirezidaantiin nannoo Beeniishaangul Gumuuz obbo Ashaadilii Hasan gamasaaniin boqonnaa jalqabaatiin karooraa ola raawwatamuunsaa bu’aawwan hedduu fiduusaa dubbataniiru. Naannichi biqiltuuwwan jijjiirama haala qilleensaa damdamatan qofaa osoo hinta’iin biqiltuuwwan wabii nyaataa mirkaneessuu dandeessisan dhaabuuf haaldureen xumurameera jedhan. Biqiltuuwwan wayitii ganna jalqabametti dhaabamaniin ala biqiltuuwwan waggaa dhufu dhaabaman akka qopheeffamanis pirezidaantiin kun ibsaniiru. Hawaasni sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuu aadaa godhachuusaa ibsnii, fuuldura keessumaa hojiiwwan misooma magariisaa qonna walmakaa xiyyeeffannoo keessa galchan cimanii akka itti fufan dubbataniiru. Pirezidaantiin yeroo bulchiinsa naannoo Tigraay obbo Geetaachoo Raddaa gamasaaniin, naannoon Tigraay hojiiwwan eegumsa naannoon fakkeenya kan ture yaadatanii, haata’u malee hojiin eegumsa naannoo waraanaan miidhamuusaa kaasaniiru. Hojii eegumsa qabeenya naannoo gufate bakka buusuuf sagantaa ashaaraa magariisaa boqonnaa lammaffaan bal’inaan raawwachuuf haaldureen taasifamuusaa dubbataniiru. Haala walfakkaatuun pirezidaantiin naannoo Hararii obbo Ordiin Badrii, biqiltuuwwan nyaataaf oolanirratti xiyyeeffachuun kutannoon akka hojjetamu mirkaneessaniiru. Pirezidaantonni naannoo boqonnaan lammaffaa ashaaraa magariisaa naannoo Affaaritti wayita jalqabametti misoomni fuduraa yeroo gabaabaatti nannichatti guddina fide, humna kuusaa Itiyoophiyaan qabdu kan agarsiisu ta’uu dubbataniiru. Haala Kanaan iddoowwan gammoojjiitti kutannoon hooggansaa yoo itti dabalame dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa hir’isuu qofa osoo hinta’iin wabii nyaataa mirkaneessuun akka danda’amu agarsiiftuu akka ta’e eeraniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 1493
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa Marsariitii Afaan Faransaayii fi Tigreetiin odeeffannoo qaqqabaa taasisu jalqabsiise
Mar 4, 2023 1175
Guraandhala 25/2015 (TOI)- Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa marsariitii haaraa odeeffannoowwan biyya keessaa fi idil addunyaa afaan Faransaayii fi Afaan Tigreetiin qaqqabaa taasisu jalqabsiise. Hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbatichaa Ob. Seeyfee Darribee fi Itti aantuu hojii raawwachiiftuuejensii nageenyaa weebii infoormeeshinii Tigisti Haamiid marsariitii haaraa kana hojii jalqabsiisaniiru. Sdministireetariin marsariitii dhaabbatichaa Heenook Abiyyi sirna jalqabsiisaa kanarratti akka jedhanitti, marsariitiin haaraan afaanota addaddaan odeeffannoowwan qulqullina walfakkaatuun qaqqabsiisuu akka danda’utti kan hojjetamedha. Marsariitiin biraandii dhaabbatichaarratti hundaa’uun qophaa’e kun gama qulqullina odeeffannoo fi nageenyummaanis amansiisaa ta’ee tajaajila akka kennu karaa ejensii nageenya weebii infoormeeshinii hojjetamuusaa ibsaniiru. Marsariitiin kun afaan Ingilizii, Arabaa, amaaraa,fi afaan Oromoo Kanaan dura ittiin hojjetamaa ture dabalatee dhiheenya akka haaraatti kan jalqaban Afaan Faransaayii fi Tigree dabaluun tajaajila akka kennu taasifamee akka hojjetame beeksisaniiru. Hojii raawwachiisaa olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Ob. Seeyfee Darribee akka jedhanitti, TOI;n hojiiwwan dhimmoota biyyaa Itiyoophiyaa ijaaran hawaasa addunyaaf beeksisan hojjrchaa jira. Marsariitiin haaraan amma ifoome kaayyoo kana raawwachiisuuf kan deeggarudha jedhanii, amansiisummaa fi nageenyummaansaa eegamee tajaajila ammayyaa kennuu akka dandeessisu ejensii nageenya weebii infoormeeshinii hojjetamuusaa dubbataniiru. Fuula duras TOI’n hojiiwwan ejensii nageenya weebii infoormeeshinii waliin ta’uun misooma damee kanaa n hojjetu cimsee akka itti fufu dubbataniiru. Daarektarri itti aantuu muummee ejensii nageenya weebii infoormeeshinii Tigisti Haamiid gamasaaniin dhaabbannisaanii hojiiwwan nageenya dhaabbilee sabquunnamtii eegsisuuf dandeessisan hojjechaa akka jiru ibsaniiru. TOI waliinis rakkoolee quunnamuu danda’an qolachuuf waliin hojjechuurra darbee fuula duras dhimmoota biroorratti hojiiwwan hariiroo qaban guddisan akka cimsan ibsaniiru. Itti gaafatamtoonni olaanoo fi ogeessonni dhaabbilee lamaanii sagantaa jalqabsiisaa marsariitii kanarratti argamaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015