Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa magaalaa muummee Veetinaam Hanooyitti balallii imaltoonaa haaraa eegale

Adoolessa 03/2017(TOI)- Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa magaalaa muummee Veetinaam Hanooyitti balallii imaltoonaa haaraa eegaleera.

De’eetaan ministira geejjibaa fi loojistiksii Dhangee Boruu, hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo, hooggantoonni olaanoo daandii qilleensaa fi bakka bu’oonni dhaabbilee daldalaa Veetinaam sagantaa jalqabsiisaarratti argamaniiru.

Daandii qilleensaa Itiyoophiyaa torbanitti balallii imaltootaa al afur akka tasisu ibsameera.

Hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo wayita kana akka jedhanitti, balalliin kun hariiroo biyyoota lamaanii niguddisa.

Daandiin haaraan kun waljijjiirraa daldalaa, tuurizimii fi aadaa Itiyoophiyaa jidduu jiru kan guddisu ta’uu eeraniiru.

Toorri haaraan kun Afriikaa fi kibba baha Isiyaa jidduutti walitti hidhanni kallattii akka jiraatu gochuun babal’ina tarsiimawaa daandii qilleensaa Itiyoophiyaa cimsuun hariiroo idil addunyaa kan guddisu ta’uu dubbataniiru.

De’eetaan ministiraa geejjibaa fi loojistiksii Dhangee Boruu, daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa dhaabbata agarsiiftuu milkaa’inaa ta’uu ibsaniiru.

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa karoorri dinagdee akka biyyaatti karoorfaman akka milkaa’an gumaacha taasisaa akka jiru kaasaniiru.

Balalliin kun hariiroo biyyoota lamaanii akka guddisu dubbataniiru.

Ministeera dhimma alaatti daarektar jeneraaliin dhimmoota biyyoota jiddugaleessa bahaa, Isiyaa fi paasfiikii Dawaanoo Kadir gamasaaniin, daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa hariiroo dippilomaasiif qooda olaanaa bahaa akka jiru ibsaniiru.

Balalliin biyyoota lamaan jidduutti eegalame faayidaa dinagdee olaanaa akka qabu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015