Magaalichatti pirojektoonni fayyadamummaa Uummaichaa mirkaneessan kuma 15 fi 960  tajaajilaaf gahaniiru

Adoolessa  04/2017(TOI)-Magaalichatti bara Baajataa 2017 xumurametti pirojektoonni  kuma 15 fi 960 Mootummaa fi Hirmaannaa Hawaasaan xumuramanii tajaajilaaf ga’uusaanii   Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee Ibsan.

Yaa’iin Idilee 4ffaa Mana Maree 3ffaa Bara Hojii  Waggaa 4ffaa Magaalaa Finfinnee Gaggeeffamuu Jalqabameera.

  Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee  gabaasa raawii karoora bara 2017 dhiheessaniiru.

Gabaasa Isaaniin Bara baajataa 2017tti fayadamummaa Hawaas-Diinagdee Uummatichaa  mirkaneessuuf hojiin misoomaa hedduun raawwatamuu ibsaniiru.

 Kanneen keessaa, Gidduu Gala Konveekshininii Idil Addunyaa Addis,  gidduugalawwan gabaa, Fayyaa, Barnoota, Aartii fi Bu’uuraalee Misoomaa biroon kan eeramanidha jedhaniiru.

  Ijaarsii fi haaromsi Mannen  harka qal’eeyyii  kuma 8 fi 786 tola ooltota qofaan kan ijaaraman yoo ta’u, Manneen Jireenyaa Baajata Bulchiinsa Magaalichaan ijaaraman kuma 5  fi 176  ta’uu ibsaniiru.  

Misooma kooriidaraan,  Kaazaanchis, Boolee, Lidataa, Laaftoo, Arat kiiloo fi kanneen  biroon hirmaanna dhuunfaa fi mootummaan suuqiiwwan  kuma 5 fi 563 xumuramuu kan kaasan  kantibittiin, sheediiwwan hojii  kuma 1 fi  64  gara tajaajilaatti galaniiru jechuun ibsan. 

Sosochii  ijoollummaan duraan Magaalaan Finfinneetti  Daa’imman guddisuuf  Magaala Mijattuu taassisuuf hojii eegalamaniin bakkeewwan daa’imman itti taphatan kuma 1 fi 155 ijaaramuu ibsaniiru.

Dargaggootaaf Dirreewwan Shaakala Ispoortii 122  xumuramanii  tajaajila eegaluu ibsaniiru.

Bara baajatichaatti boqonnaa jalqabaan Misooma Koriideraa dabalatee  bakkeewwan dhaabbii konkolaataa 153 fi  terminaalonni  xumuramanii tajaajila eegaluu ibsaniiru. 

Hojiiwwan misoomaa biroo dabalatee pirojektoonni  kuma 1 fi 960  ijaaramanii  tajaajilaaf ga’uusaanii kaasuun kanneen keessaa 16 pirojeektoota gurguddoodha jedhaniiru.

Kanarra darbee kuma 9 kan ta’an hirmaannaa Hawaasaa fi tajaajila tola oolotaan kan hojjetaman ta’uu, kaasaniiru.      

Hojii Bu’uuraalee Misoomaa dhaqababumaa daandii fi qulqullina qaban, sochii tiraafikaa magaalichaa fooyyessuu danda’an ijaaruuf hojii hojjetameen, Asfaaltii, kobilii, cirracha, fi daandii miilaa Km kuma 1 fi 392 ta’uu hojjetamuu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015