Miidiyaaleen yaa’ii sirna nyaataa Dh.M.G lammaffaa Itiyoophiyaan keessummeessitu beeksisuu qabu-Dr. Maandafroo Nugusee

Adoolessa 03/2017(TOI)- Miidiyaaleen yaa’ii sirna nyaataa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii lammaffaa Itiyoophiyaan keessummeessitu dursuunbeeksisuu akka qaban daarektarri olaanaa inistiitiyuutii tiraanisfoormeeshinii qonnaa Itiyoophiyaa Dr. Maandafroo Nugusee hubachiisan.

Yaa’iin sirna nyaataa dhaabbata mootummoota gamtoomanii lammaffaan Adoolessa 20 amma 21 bara 2017 qophheessummaa Itiyoophiyaa fi Xaaliyaaniin nigaggeeffama.

Bakka bu’oonni biyyoota 160 yaa’ii kanarratti akka argaman ni’eegama.

Xiyyeeffannoon yaa’ichaas Invastimantii tiraanisfoormeeshinii sirna nyaataa fi faayinaansiin,hunda galeessummaa cehumsa srna nyaataa fi sirna ittigaafatamummaa waada galama gama raawwachuutiin jiru cimsuu kan jedhanidha.

Mariin paanaalii Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa fi inistiitiyuutiin tiraanisfoormeeshinii qonnaa Itiyoophiyaa mata duree “mul’atarraa gochatti, imala cehumsa sirna nyaataa egeree fi hammataa Itiyoophiyaa” jedhuun qopheessan taa’amaa jira.

Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii tiraanisfoormeeshinii qonnaa Itiyoophiyaa Dr. Maandafroo Nugusee, itti aanaan daarektara olaanaa abbaa taayitaa qonnaa Itiyoophiyaa Wandaallee Habtaamuu, hojii raawwachiisaan olaanaa tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Seeyifee Darribee fi keessummoonni biroon waltajjicharratti argamaniiru.

Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii tiraanisfoormeeshinii qonnaa Itiyoophiyaa Dr. Maandafroo Nugusee wabiin nyaataa nama dhuunfaan, hawaasaan fi sadarkaa biyyaatti mirkaneessuun murteessaadha jedhaniiru.

Galmi guddaan akka biyyaatti qabame birmadumaa nyaataa mirkaneessuu akka ta’e himaniiru.

Birmadummaan nyaataa akkaataa nyaata itti oomishnu to’annaa keenya jala galchuu fi lammiileen kanneen biroorratti osoo hin hirkatiin ofiikenyaa sooruu danda’uu akka ta’e dubbataniiru.

Cehumsi sirna nyaataa birmadummaa nyaataa kan ofkeessatti qabate ta’uu eeranii, mootummaan dhimmicharratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru himaniiru.

Cehumsi nyaataa adeemsa oomishuurraa amma fayyadamtoota bira gahutti hojiin hundagaleessi hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Itiyoophiyaan muuxannoowwan cehumsa sirna nyaataarratti qabdu waltajjii addunyaarratti dhiheessaa akka jirtu ibsaniiru.

Yaa’iin sirna nyaataa Dh.M.G lammaffaan Itiyoophiyaatti taa’amuunsaa hojii Itiyoophiyaan cehumsa sirna nyaataaf raawwatteef beekamtii kan kennedha jedhan.

Miidiyaaleenis yaa’ii sirna nyaataa Dh.M.G lammaffaa Itiyoophiyaan keessummeessitu kana duranii akka beeksisan waamicha dhiheessaniiru.

Hojii raawwachiisaan olaanaa Tajaajila Oduu itiyoophiyaa Seeifee Darribee imalli badhaadhinaa Itiyoophiyaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf murteessaadha jedhaniiru.

Akka biyyaatti faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf oomishaan ofdanda’uurra darbee kanneen biroofis ta’uun birmadummaa nyaataa guutummaan mirkaneessuu qoonni qabu murteessaa ta’uu himaniiru.

Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa qonna dabalatee ajandaawwan biyyaalesaa garagaraa irratti mariiwwan paanaalii gurguddoo qopheessaa akka jiru himanii mariin har’aas qaama ergama biyyaalessaa bahuuti jedhaniiru.

Itiyoophiyaan riifoormiiwwan mandhalee tiraanisfoormeeshinii sirna nyaataan, wabii nyaataa irkaneessuu fi damee qonnaan taasifteen bu’aan galmeessifte yaa’icha akka keessummeessiftu filatamuusheef sababa ta’uun beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015