Bulchiinsi gandaa bifa haaraan caaseffamee hojiitti gale tajaajiloota mootummaa dhiheenyatti akka arganu taasiseera - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsi gandaa bifa haaraan caaseffamee hojiitti gale tajaajiloota mootummaa dhiheenyatti akka arganu taasiseera

Waxabajjii 29/2017(TOI)- Naannoo Oromiyaatti bulchiinsi gandaa bifa haaraan caaseffamee hojiitti gale bu’aa ba’ii hambisuun tajaajiloota mootummaa dhiheenyatti akka argatan taasisuu jiraattonni godina Baalee aanaa Dalloo Mannaa ibsan.
Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa fi hooggantoonni olaanoo Naannichaa daawwannaa guyyaa shanaffaatiin hojiiwwan misoomaa garagaraa godina Baaleetti hojjetamaa jiran daawwachaa jiru.
Daawwannaa kanaa sochii hojii caasaa gurmaa’insa gandaa dhiheenya naannichatti caaseffame ilaalaniiru.
Jiraattonni aanaa Dalloo Mannaa TOI’n wayita kana dubbise bulchiinsi gandaa bu’aa bayii hambisuun tajaajila mootummaa si’ataa dhiheenyatti akka argatan taasiseera.
Hajjii Kaliif Abdullaahii fi Aliyyii Toree akka jedhanitti, caasaan gandaa naannawasaaniitti gurmaa’e qe’eesaaniirraa osoo hinfagaanne tajaajiloota mootummaa garagaraa dhiheenyatti akka argata taasisuusaa dubbataniiru.
Tajaajilli kun akka fulla’u qoodasaanii akka bahan mirkaneessaniiru.
Hawaasni tajaajiloota mootummaa dhiheenyatti akka argatu akkasumas rakkooleen bulchiinsa gaarii hatattamaan akka furamu yaaduun Mootummaan naannoo Oromiyaa caasaa kana gurmeessuunsaa nibeekama.
Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira dame naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa akkasumas hooggantoonni olaanoo naannichaa daawwannaa godina Baaleetti taasifamaa jirurratti hirmaachaa jiru.