Waldaan fannoo diimaa Itiyoophiyaa ofiin kan hundeeffame ashaaraa namoomaa kaa’uuf xiyyeeffannoo kennuu qaba-irezidaant Taayyee Atsqasillaasee

Adoolessa 01/2017(TOI)- Waldaan fannoo diimaa Itiyoophiyaa ofiin kan hundeeffame ashaaraa namoomaa kaa’uuf xiyyeeffannoo kennuu akka qabu pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee hubachiisan.

Waldichi waggoottan 90 darban hojiilee namoomaa fi gootummaa wayitii Itiyoophiyaan rakkinarra turte raawwateef maqaa mootummaa Itiyoophiyaan galateeffataniiru.

Ayyaanni hundeeffama waggaa 90ffaa waldichaa mata duree “shaaraa tajaajila namoomaa waggaa 90 irra cehe” jedhuun kabajameera.

To’ataan olaanaa waldichaa pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee, pirezidaantonni duraanii Saahilawarq Zawudee fi Dr. Mulaatuu Tashoomaa, itti aantuun af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo dabalatee hooggantoonni mootummaa, ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa, bakka bu’oonni dhaaabilee idil addunyaa fi keessummoonni waamaman saganticharratti hirmaataniiru.

To’ataan olaanaa waldichaa pirezidaant Taayyee Atsqasulaasee ergaa dabarsaniin, wayita Itiyoophiyaan qormaatarra jirtu kan dhalate ibsituu garalaafinaa fi tola ooltummaati jedhaniiru.

Gochi waldichaas gocha birmadummaa fi namoomaa Itiyoophiyaa waliin kan walitti hidhate ta’uu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan waliigalteewwan namoomaa idil addunyaa osoo hinfudhatiin duras hawaasichi hojii namooma qabatamaan kan jiraate duudhaa namoomaa fi garalaafinaa ibsituusaa kan godhate ta’uu dubbataniiru.

Waldichi tumaalee idil addunyaa fudhatee kan hundaa’e ta’uu eeranii, qormaata birmadummaa akkuma hundaa’een Itiyoophiyaa mudate damdamachuuf carraaqqii taasifamumiseensonni waldichaa aarsaa qaamaa fi lubbuu kaffaluun maqaansaanii gootummaan akka kaafamu dubbataniiru.

Ummanni fi mootummaan Itiyoophiyaa ashaaraa namoomaa kanaaf galata guddaa akka qabu ibsaniiru.

Wayitii ammaa akka Addunyaatti Al-Seerumaa fi namoomaaa ala ta’uun dabalaa akka jiru, kan ibsan pirezidaantichi, gargaarsi namootaa laafuun agarsiistuudha jedhaniiru.

 Kana gidduugaleeffachuun Waldaan Qaxxaamura Diimaa Itiyoophiyaa xiyyeeffannoo isaa fuuldura deeggarsa namoomaa ofiin raawwachuuf Dandeettii  itti fufinsa qabu cimsachuun hojii hojjetamu ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Sadarkaa biyyoolessaatti nyaataan of danda’uuf, innoveeshiniinof gahoomsuuf halkanii fi  guyyaa akkuma tattaafannu, gargaaramummaa dhiisuun fi  lammiiwwan keenya miidhaman humna ofiin deeggaruuf dhimma birmadummaa godhannee yaaduu qabna jedhaniiru.

Kanaafis hirkatummaa gargaarsaa jiru irraa adda bahuun  ofiin raawwachuu danda’uun    barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Kanaafis sirna hirmaanaa fi  iftoomina qabu, itti gafatamumaa qabu, qulqullina yaada  hawwii keenya madaalu hordofuu qabna jedhaniiru.

Fuulduratti waldichi wagga 100ffaa yeroo kabaju, bu’uura hawaasummaa babal’isuun, qulqullina yaadaan, qarshii fi beekumsaan of danda’ee, bu’uura seeraa yericha gitu  qopheessee,  Itiyoophiyaarra darbee Sabummaa Afriikaaf fakkeenya kan ta’e dhabbata guddaa ta’ee akka argamu xiyyeeffannnoon kennameera.

Mootummaan Itiyoophiyaa deeggarsa waldichaaf taaassisu kaayyoo namoomaa duudhaa biyya keenya jiruun kan wal simu waan ta’eefi kan jedhan pirezidaantichi gargaarsi barbaachisu hunda kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Waldaan fannoo Diimaa Itiyoophiyaa caasaa isaa guutuu biyyaatti babal’isuun hojiiwwan namoomaa garaagaraa raawwachaa jiraachuu  Pirezidaantiin waldichaa Abarraa Tolaa  ibsaniiru.

Waldichi  kaayyoo isa galmaan ga’uuf gahumsa uumaa akka jiru  eeruun, kanaafis deeggarsi mootummaa gudda ta’uu kaasaniiru.

waldichi waggoota itti anaan kurnanitti lakkoofsa miseensotaa  Miiliyoona 20n ga’uun   baasii isaa mataa isaan danda’uuf karoora qabachuu beeksisaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015