Itiyoophiyaan Bara bajatichaatti hojii dippilomaasii faayidaa biyyaalessaashee eegsisan cimaa hojjetteetti-Ministeera dhimma alaa

Adoolessa 03/2017(TOI)- Itiyoophiyaan Bara bajataa xumurametti hojii dippilomaasii faayidaa biyyaalessaashee eegsisan cimaa hojjechuushee Ministeerri dhimma alaa beeksise.

Dubbi himaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetachoo raawwii dippilomaasii bara bajatichaa ijoo ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Ibsa kennaniinis bara bajatichaatti dameelee dippilomaasii hundaan hojiileen dippilomaasii faayidaa biyyaalessaa eegsisanii fi maqaa gaarii biyyaa beeksisan hojjetamuu beeksisaniiru.

Biyyoota ollaa waliin hariiroo fayyadama waloo irratti hundaa’e humna elektiriikii fi bu’ura misoomaa daandiin caalaatti cimsuu fi nageenya waaraa gaanfa Afriikaatti buusuuf hojiileen milkaa’oon raawwatamuu ibsaniiru.

Bara bajatichaatti fayyadama haqa qabeessa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha ilaalchisee haqa Itiyoophiyaa hawaasa addunuyaaf hubachiisuun akka danda’ame dubbataniiru.

Bara bajatichaatti waliigalteewwan gamlamee fi gama hedduu biyyoota garagaraa waliin taasifamuu kaasaniiru.

Waliigalteewwan kunneen faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kan eegsisanii fi dhageettii fi fudhatama waltajjii addunyaarratti qabdu kan gabbisanidha jedhaniiru.

Dippilomaasiin lammiileerratti xiyyeeffateenis Itiyoophiyaanota biyyoota garagaraatti haala rakkisaa keessa turan fayyaa fi kabajnisaanii eegamee biyyatti akka deebi’an taasifamuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015