Naannoo Oromiyaatti oomishtummaa qabeenya beelladaa guddisuuf sanyii baay’isuurratti xiyyeeffatameera

Adoolessa 04/2017 (TOI)- Naannoo Oromiyaatti oomishtummaa qabeenya beelladaa guddisuuf sanyii baay’isuurratti xiyyeeffatamuu biiroon qonnaa Oromiyaa beeksise.

Itti aanaan hoogganaa biirichaa obbo Toleeraa Dabalaa TOI’f akka insanitti, misooma qabeenya beelladaa naannichaa fooyyessuuf waggoottan sadan darban Inisheetiiviin ddamee qabeenya beelladaa bocamee hojjetamaa jira.

Fooyyessa sanyii beelladaa Kanaan hojii hojjetameen bara bajataa xumurame saawwan aannanii miiliyoona 2 tuqaa 5 tooftaa namtolchee fi karaa idilee diqaalomsuun akka danda’amu dubbataniiru.

Bara bajataa xumurame jabbileen sanyii fooyya’aa kuma 738 dhalachuusaanii obbo Toleeraan dabalanii ibsaniiru.

Fooyyessa sanyii kana milkeessuuf qonnaan bulaaf hubannoo kennamuusaa fi mootummaan naannichaa, ministeerri qonnaa akkasumas ogeeyyonnii fi hooggantoonni biiroo qonnaa mootummaa naannichaa deeggarsaa fi hordoffii taasisuusaanii kaasaniiru.

Ministeera qonnaa waliin ta’uun teeknishaanota diqaalomsan leenjisuun godinoota Arsii, Arsii Lixaa, Baalee fi Baale Bahaa, Kaaba Shawaa, Kaaba Shawaa,Shawaa kibba lixaa Shawaa lixaa fi godinoota filataman birootti hojiin diqaalomsuu hojjetameera.

Sanyyn fooyya’uusaatiin oomishtummaan dabalee oomishni aannanii guddaan bara bajatichaa argamuusaa ibsaniiru.

Sagantaa maaddii guutuu naannichatti milkeessuun wabii nyaataa mirkaneessuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuuf galma kaa’uun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Fakkeenyaaf bara bajatichaa godina Wallagga Lixaatti saawwan aannanii kuma 30 fi 322 tooftaa namtolcheen diqaalomuu kan ibsan waajjira qonnaa godinichaatti ogeessa fooyyessa sanyii beelladaa obbo Takkaaliny Nagaash jedhamu.

Misooma beelladaa hojjetameen aannan liitira miiliyoona 78 tuqaa 6 oomishuun qonnaan bultoota kuma 20 fi 173 caalan fayyadamoo taasisuun akka danda’ame himaniiru.

Qonnaan bultoota hojii kana hojjetan keessaa jiraataan aanaa Gimcii adde Iftuu Boonsaa gamasaaniin, saawwan aannanii mala namtolcheen diqaaloman irraa guyyaatti aannan liitira 10 ta’u akka argatan dubbataniiru.

Godinichatti jiraataa aanaa Laaloo Assaabii kan ta’an Geetahuun Baayyuu gamasaaniin, saawwan diqaaloman aannan caalaa waan elmamaniif fayyadamaa ta’uusaanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015