Hojiileen bu’a qabeessi damee gabbisa aadaan galmaa’an sadarkaa olaanaati guddisuun itti fufuun nihojjetma

Adoolessa 03/2017 (TOI)- Hojiileen bu’a qabeessi damee gabbisa aadaan galmaa’an sadarkaa olaanaati guddisuun cimee akka itti fufu waajjira muummee paartii badhaadhinaatti hoogganaan damee ijaarsa aadaa demokiraasii Mallas Alamuu ibsan.

Dameen ijaarsa aadaa demokiraasii paartii badhaadhinaa waltajjii qorannoo raawwii karoora 2017 fi karoora bara 2018 magaalaa Hararitti guyyoota lamaaf gaggeessaa ture har’a Xumureera.

Hooggantoonni federaalaa fi naannoo damee ijaarsa aadaa demokiraasii paartii badhaadhinaa akkasumas qaamni dargaggootaa fi dubartoota paartichaa  waltajjicharratti hirmaataniiru.

Waajjira muummee paartii badhaadhinaatti hoogganaan damee ijaarsa aadaa demokiraasii Mallas Alamuu wayita kana akka jedhanitti, bara bajataa 2017 duudhaa ijaarsa aadaa demokiraasii cimsuun hojiin bu’a qabeessi hojjetamaniiru.

Paartileen siyaasaa waliin hojjechuun naannolee fi bulchiinsota magaalaa hundatti mana maree walooj gurmaa’uun aadaan waliin hojjechuu gabbachaa dhufuu eeraniiru.

Hojiileen paartilee siyaasaa waliin eegalaman aadaa f
i barbmaata haaraa fidaa akka jiran kaasaniiru.

Hojiileen waloo ciminaan akka ittifufan ibsanii, paartileen siyaasaas ijaarsa aadaa demokiraasiif hojii hojjetan ciminaan akka ittifufan himaniiru.

Yeroo ammaa qaamoleen mootummaa fi hawaasni siviilii sadarkaan jiran qindoominaan hojjechuuf calqabbiin gaariin uumamuusaa eeraniiru.

Keessumaa gumaacha dargaggootaa fi dubartootaaga’oomsuu fi caalaatti guddisuuf akkasumas ittifayyadamasaanii gabbisuuf waltajjichi haala mijataa uumuusaa kaasaniiru.

Fuulduras akkaataa kallattii kaa’ameen dhimmoota xiyyeeffannoo barbaachisan irratti xiyyeeffannoo kennamee aadaa godhachuun akka hojjetamu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015