Gamtaan Awuroppaa Tattaaffii nagaa Afrikaan durfamu akka deeggaru ibseera

Adoolessa 01/2017 (TOI)-Gamtaan Awuroppaa tattaaffiiwwan Gamtaa Afrikaa jalatti nagaa fi Araara  buusuuf taassifamaa jiran deeggaruuf kutannoo qabaachuusaa beeksiseera.

Durataa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf Bakka bu’aa addaa Gamtaa Awurooppaa Saahel Joohaa  Kiraaviinhoo fi  bakka bu’aa addaa Gamtaa Awrooppaa Gaanfa Afriikaa Dr. Anneet Weber waliin mari’ataniiru.

Gareen lamaan riijinii Saahel jijjiiramaa dhufee haala nageenya Afriikaa jijiiramaa jiru irratti  yaada wal jijjiiraniiru.  

Rakkoowwan Riijinichaa , furmaata riijinii  argachuuf tattaaffiin taassifamu deebii  biyyoota  hedduu  qindoomina qabuun deeggaramuu akka qabu kaasaniiru.

Dura taa’aan Komishiniin Gamtaa Awurooppaa walitti bu’insa ittisuun gaggeesuumaa  dippiloomaasi cimaa qaban leellisaniiru.

Gamtaan Awurooppaa Tattaaffii Araaraa Ardiilee, tasgabii fi waldhabdee hiikuu  Gamtaa Afriikaan durfamu deeggaruuf kutannoo  akka qabu  ibsuu isaanii odeeffannoon gamticha irraa argame  ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015