Itiyoophiyaan gamaTeekinooloojiin Hojiin Hojjechaa Jirtu Dinqisiisaadha-Ministiroota  Foramii Kalaqa Hojii Afrikaa Irratti Hirmaatan

Adoolessa 02/2017(TOI)-Itiyophiyaan guddina ishee saffisiisuuf gama Teekiniooloojiin hojii hojjechaa jirtu dinqisiisaa fi biyyoonni Afriikaa biroon muuxannoo kan irraa fudhatan ta’uu  Ministiroonni Fooramii kalaqa hojii Afriikaa 3ffaa irratti hirmaatan ibsan.

fooramii kalaqa hojii 3ffaa Ministeerrii hojii fi kalaqaa qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun qopheesse Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Ministiroonni, Dippiloomaatonni, Hayyoonni, Qorattoonni, Hojii Uumtonnii  Biyyoota Afriikaa adda addaa irraa dhufanii fi  bakka bu’oonni dhaabbilee Idila Addunyaa waltajjicha irratti hirmaachaa jiru.

Hirmaattooni kaleessa waaree booda yaadannoo Injifannoo Adwaa, golambaa Saayinsii , Ministeera Hojjetaa fi ogummaa jala jiran daawwataniiru. 

Namoota daawwannichaa irratti yaada kennan keessaa Ministira Hojjetaa, hojii fi bobbii hojii  Gaanaa  Abdul- Rashiid  Pelipuwoo,  Magaalaan Finfinnee guddina Si’ataa irra jiraachuushee Arguusaanii dubbataniiru.

Ijaarsi bu’uuraalee Misoomaa guddina magaalittii saffisiisan ta’uu eeruun, Itiyoophiyaan hojiiwwan guddina ishee saffisiisuuf eegalte Biyyoota Afriikaa biroof fakkeenyadha jedhaniiru.

Ministirri Hojjeta Sudaan Kibbaa Jeneraal Jemsi Hoot Maayi  gama isaaniin, Hojii teeknooloojii Itiyoophiyaan golambaa Saayinsii  keessatti  hojjechaa jirtu daawwachuu isaanii dubbataniiru.

Hojiiwwan Daawwataman Itiyoophiyaan Omishtummaa caalaatti guddisuuf  Qonna Ammayyaa irratti karoora qabdu kan agarsiisanidha jedhaniiru.

 Hojii Itiyoophiyaan eegalte wabii nyaataa Afriikaa waliin wal qabatee rakkoowwan ka’an furuu kan danda’an ta’uu ibsaniiru.

Itiyophiyaan hojii Misoomaa Biyyoota Afriikaaf muuxannoo ta’u raawwachaa jiraachuu 

Kan dubbatan ammoo walitti qabduu Boordii dhaabbata misooma Intarpiraayizoota xiqqaa fi jiddugaleessaa Maalaawii BonfiiskaaZamiiraadha.

Dhaabbata Misooma Itarpiraayizoota xixiqqaa fi  gidduugaleessaa Maalaawwiitti dura teessuun boordii Boonfiskaa Zaamiiraa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015