Lammiileen biyyoota garagaraa keessatti haala rakkisaa keessa turan kuma 131 caalan biyyatti deebi’aniiru-Minsteera dhimma alaa - ENA Afaan Oromoo
Lammiileen biyyoota garagaraa keessatti haala rakkisaa keessa turan kuma 131 caalan biyyatti deebi’aniiru-Minsteera dhimma alaa

Adoolessa 03/2017(TOI)- Bara bajataa xumurametti lammiileen biyyoota garagaraa keessatti haala rakkisaa keessa turan kuma 131 caalan biyyatti deebi’uusaanii Minstirri dhimma alaa beeksise.
Dubbi himaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetachoo hojiilee dippilomaasii ijoo bara bajataa 2017 ilaalchisuun galaalchotaaf ibsa kennaniiru.
Bara bajatichaatti Itiyoophiyaan hojiilee dippilomaasii hariiroo gamlamee fi gama hedduu faayidaa biyyaalessaa kabachiisan uumuun, walitti dhufeenya riijinii akkasumas tumsa ardii fi idil addunyaa cimsa raawwatteetti jedhan.
Itiyoophiyaan hojiilee dippilomaasii bu’a qabeessa hariiroo biyyoota ollaa waliin qabdu caalaatti cimsuu dandeessisanii fi walitti hidhamiinsa riijinii saffisiisan raawwachuushee himaniiru.
Hidha haaromsaa Ityoophiyaa guddicha ilaalchisuun haqa Itiyoophiyaan qabdu hawaasa addunyaa hubachiisuuf hojiin dippilomaasii cimaan hojjetamuusaas ibsaniiru.
Itiyoophiyaan Komishiniin sulula Naayil akka hundaa’u gochuun fedhii itti fayyadama haqa qabeessaaf qabdu qabatamaan agarsiifteetti jedhaniiru.
Itiyoophiyaan ollootashee waliin walitti dhufeenya ummattootaa cimsuuf lammiilee biyyoota garagaraa 968’f carraa barnootaa kennuushee dubbi himaan kun dabalanii himaniiru.
Bara bajatichaa waliigalteewwan faayidaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa kabachiisan 11 mallatteeffamanii paarlaamaan mirkanaa’uusaanii ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo ibsaniiru.
Dippilomaasii dinagdeetiinis hawaasni addunyaa waa’ee riifoormii dinagdee gooroo fi gaaffii ulaa galaanaa Itiyoophiyaa hubannoo argachuun deeggarsa akka taasisu gochuuf hojjetamuu eeraniiru.
Dippilomaasii lammiirratti xiyyeeffateen bara bajatichaa lammiileen biyyoota 21 keessatti rakkoo keessa turan kuma 131 biyyatti deebifamuu dubbataniiru.
Ministeerri dhimma alaa bara bajatichaatti nageenyaa fi kabaja lammiilee eegsisuurratti xiyyeeffatee hojjechuusaa himaniiru.
Dandeettiin Itiyoophiyaan konfaransii idil addunyaa keessummeessuuf qabdu guddachaa dhufuu eeranii, dhiheenyatti yaa’iiwwan idil addunyaa jajjaboon nitaa’amu jedhaniiru.
Kanneen keessaa yaa’iin sirna soorataa dhaabbata mootummoota gamtoomanii lammaffaa fi yaa’iin haala qilleensaa Afriikaa lammaffaan akka adeemsifaman eeraniiru.
Lammiileen Itiyoophiyaa Ameerikaatti argaman yeroo Viizaa eyyamameefiin olitti turuun waan isaan gaafachiisuuf ofeeggannoo gochuu akka qaban dubbi himaan kun ibsa kennaniin hubachiisaniiru.
Lammiileen biyya biroo Viizaa Itiyoophiyaa argatanii dhufan yeroo turtii kennameefiin olitti turuun akkaataa seera biyyattiin kan adabsiisuuf ta’uu hubachuun ofeeggannoo akka taasisan cimsanii dubbataniiru.