Tattaaffii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf taasuftuuf deeggarsi idil addunyaa cimuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Tattaaffii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf taasuftuuf deeggarsi idil addunyaa cimuu qaba

Adoolessa 02/2017(TOI)-Tattaaffii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf taasuftuuf deeggarsi idil addunyaa cimuu akka qabu ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa ibsan.
Ministeerri pilaanii fi misoomaa qophii yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa lammaffaa Itiyoophiyaan gamtaa Afriikaa waliin ta’uun Qaam’ee 3 amma 5/2017tti jiddu gala konveenshinii Addis Intarnaashinaalitti keessummeessitu ilaalchisuun komishinii dinagdee Afriikaatti mari’achaa jira.
Dhaabbileen idil addunyaa garagaraa fi bakka bu’oonni qaamolee deeggartootaa waltajjii marichaarratti hirmaachaa jiru.
Ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa wayita kana akka jedhanitti, tattaaffii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf taasiftuuf deeggarsi idil adunyaa cimuu qaba.
Gumaachi Afriikaan faalama jijjiirama haala qilleensaaf taasiftu xiqqaa ta’us dhiibbaa uumamaa jiruun garuu giddaa miidhaman ta’uushee dubbataniiru.
Sababa Miidhaawwan ongee, lolaa fi jijjiirama haala qilleensaa biroon gahaniin Afriikaan akka malee miidhamaa akka jirtu ibsaniiru.
Afriikaa dhiibbaa kana qolachuuf tattaaffii gootuuf dhaabbileen idil addunyaa faayinaansii, teeknooloojii fi kanneen biroon deeggaruu qabu jedhaniiru.
Itiyoophiyaan teessoo gamtaa Afriikaa waan taateef hojii jijjiirama haala qilleensaa qlachuuf hojjechaa jirtu biyyoota biroof muuxannoo qooduun deeggarsa taasisaa jirti.