Gamtaan Afriika Biyyoonni Riijinii Daldala Bilisaa danbii raawwii ijoo raggaassisanii hojiirra  akka oolchan waamicha dhiheesse

Adoolessa 04/2017(TOI)-Biyyoonni Gamtaa Afriikaa hammattoo seeraa hojiirraa oolmaa ijoo  ta’an raggaassisuun riijinii daldala bilisaa Ardiilee hojiitti akka galchan hubachiisan.

Yaa’iin Idilee 47ffaan Hojii raawwachiiftuu  Gamtaa  Afriikaa Ikuwatoraal Giinii Malaabootti  gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichi mata duree “Haqa kaasaa Afirikaanotaa fi  Qomoo Afrikaanotaaf ‘’ jedhuun gaggeeffamaa jira.

Dura taa’aan Komishiniin Gamtaa Afriikaa  Mahaammud Alii Yusuuf Ajandaan ijoo  marii Mana marichaa baajata gamtichaa bara 2026 A.L.A  ta’uu  ibsaniiru.

Gama Kanaan Bajata karoora gamtichaa ofiin danda’uuf hojii hojjetameen jijjiirama xiqqoo agarsiisus  hojiin hedduun akka hafu dubbataniiru.

Haa ta’u malee A.L.A. bara 2016 biyyoonni Miseensa Gamtichaa meeshaawwan filataman gara Afriikaa galan irratti qaraxa  dhibbantaa  0 tuqaa 2  muruun  humna Faayinaansii Ardichaa  jabeessuu kan dandeessisu  murteessanis  (Kigali Decision)  haala barbaadameen hojiirra oolaa akka hin jirre hubachiisaniiru.

Biyyoota Gamtichaa keessaa 17 qofaan waliigalticha hojiirra oolchaa jiru kan jedhan dura taa’ichi, birmadummaa faayinaansii Gamtichaa Mirkaneessuuf kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.

Sudaan, Demokiraatiik Rippaabilik Koongoo, Somaaliyaa, fi Riijinii Saahel dabalatee tas-gabbiin  Siyaasaa Adrichatti dhabamuun, rakkoon namoomaa fi rakkoon nageenyaa galma ga’insa Ajandaa Misooma Afriikaa gufachiisuusaa durataa’ichi ibsaniiru.

Hanqinni faayinaansii humna nagaa eegsisaa ergama deeggarsaa fi tasgabbeessuu gamtaa Afriikaa (AWUSOM) mudate xiyyeeffannoo addaa akka barbaadu dubbananiiru.   

Qormaanni kunneen jiraatanis walii galteen Demokiraatiik Rippaabiliik Koongoo fi Ruwaandaa gidduutti taassifame, Gaabon Gara Sirna Heera Mootummaatti Deebi’uu, fi   karoora cehumsa Giinii jijiiramoota  gaarii abdii kennan ta’uu akka fakkeenyaatti eeraniiru.

Komishiniin Gamataa Afriikaa hawaas-Dinagdee Riijinichaa, Mana maree Nageenyaa fi Nagaa Gamtichaa, fi  Mana maree Nageenya Dhaabbata  Mootummoota Gamtoomanii   waliin  tumsa itti fufinsa qabu cimsuun tattaaffiin nagaa deeggaruu akka itti fufu ibsaniiru.

Dabalataanis dura taa’ichi biyyonni miseensa Gamtichaa hojii riifoormii dhaabbataa akka saffisiisanii fi raawwachiisa danbii daldal Bilisaa Ardii mirkaneessuun gara hojiitti galchuun   walitti dhufeenya Riijiniif  gaheesaanii akka bahan waamicha dhiheessuu odeeffannoo  TOI dhaabbatichaarraa argate  ni mul’isa.   

Yaa’ii Idilee 47ffaa Mana Maree hojii raawwachiiftuu Gamtaa Afriikaa kaleessa eegalame hanga guyyaa booruutti itti fufa.

Walga’ii Mana Maree kana cinaatti  Adoolessa 7 bara 2017  walgahiin tumsaa  qooda fudhattootaa gamtichaa walakkaa waggaa7ffaan ni gaggeeffama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015