Magaalichatti dirreen ispoortii fi bakki Daa’imman itti tapahatan Baasii Birii Biiliyona 5 oliin  ijaarame eebbifamuun tajaajilaaf banameera 

Adoolessa 01/ 2017 (TOI)- Magaalaa Finfinneetti dirreen ispoortii fi bakki Daa’imman itti tapahatan Baasii Birii Biiliyona 5 oliin ijaarame eebbifamuun tajaajilaaf banamuusaa kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.

Dirreen ispoortii 122 fi bakkeewwan daa’imman itti tapahatan kuma 1 fi 155  kutaa Magaalotaa 11tti baasii birrii biiliyoona 5 oliin ijaaraan guyyaa hara’aa tajaajilaaf banamaniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebee  har’a ganama bu’uuraalee Misoomaa  dirreewwanIspoortii fi   bakkeewwan daa’imman itti taphatan Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Naannoo Kondeemineemii Marii Loqqee fi  Kolfee Qaraaniyootti  Ijaaraman  eebbisuun tajaajilaaf banaa goodhaniiru.

Saganticha irratti Kantiibaa Adaanech akka jedhanitti,  Bulchiinsi Magaalichaa bara Baajataa 2017tti  Pirojektoota  kuma 15 fi 960  ijaaruun Xumureera.

Bu’uuraalee Misoomaa Ijaaruuf Baasii Birrii Biiliyoona 5 bahe Keessaa Dhibbentaa 50 kan ta’u  Jiraattonni Magaalichaa akka buusan Dubbataniiru.

Bulchiinsi Magaalichaa waggoota lamaan darban bakka  Daa’imman kuma 3 fi dhibba 800 ol itti taphatan ijaaruusaa ibsaniiru.

Yeroo, Beekumsaa fi Hirmaannaa Hawaasaa Qindeessuun Daa’immanii fi dargaggootaaf dursa kennuun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Hojiiwwan kun daa’immanii fi dargaggoonni qaamaa fi sammuun  gahoomanii  akka guddataniif  kan isaan dandeessisu ta’uu  eeruun,  gara fuulduraatti  damee  Ispoortiin waltajjii Ardii fi Addunyaa irrattii bu’aa fooyya’aa fiduuf qooda akka qabu eeraniiru. 

Hogannaan biiroo Dargaaggoo fi Ispoortii  Bulchiinsa Magaalichaa Balaayi Dajan gama isaaniin,   bakkeewwan Shaakala Ispoortii Magaalichatti Ijaaraman dhaloota Qaamaa fi sammuun gahoomee biyya fudhatu ijaaruuf faayidaansaa olaanaadha jedhaniru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015