Waancaa Afriikaa dubartootaan Maaliin Taanzaaniyaa Mo’atte

Adoolessa 01/2017(TOI)- Tapha ramaddii sadii Waancaa Afriikaa dubartootaa 13ffaan Maaliin Taanzaaniyaa 1 fi 0’n mo’atteetti.

Tapha Istaadiyoomii Berkanne Munisipaalitti taphatameen taphattuun sarara duraa Saraatuu Turaa’oree sa’aatii dabalataa tapha walakkaa jalqabaatiin goolii lakkoofsifteettii.

Maaliin taphaan caalamtus goolii lakkoofte eegsisuun  xumurteetti.

Akkaataa qabxii kanaatiin Maaliin ramaddii sadiin qabxii sadiin sadarkaa lammaffaa qabattetti.

Tapha jalqabaa ramaddii Kanaan gaggeeffameen waancaa Afriikaa ammatti kan ofharkaa qabdu Afriikaan Kibbaa Gaanaa 2 fi 0’n mo’atteetti. Garichas dursaa jirti.

Itti fufuun ramaddichaan Gaanaan Maalii Waliin, Taanzaaniyaan Afriikaa Kibbaa waliin nitaphatu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015