Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Afriikaa guutuu addunyaan walitti fiduun qooda adda durummaa bahaa jira - ENA Afaan Oromoo
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Afriikaa guutuu addunyaan walitti fiduun qooda adda durummaa bahaa jira

Adoolessa 04/2017(TOI)- Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Afriikaa guutuu addunyaan walitti fiduun qooda adda durummaa bahaa akka jiru de’eetaan ministira geejjibaa fi lojistiksii Dhangee Boruu ibsan.
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa kaleeessa balallii haaraa Hanooy Veetinaamitti jalqabeera.
De’eetaan ministira geejjibaa fi loojistiksii Dhangee Boruu, hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo, hooggantoonno olaanoo daandii qilleensichaa bakka bu’oonni dhaabbilee daldalaa Veetinaam sagantaa jalqabsiisa balalliirratti argamaniiru.
Daandiin qilleensichaa torbanitti al Afur Hanooyi Veetinaamitti nibalali’a.
De’eetaan ministira geejjibaa fi lojistiksii Dhangee Boruu wayita kana akka ibsanitti, balalliin imaltootaa daandiin qilleensichaa Hanooyi Veetinaamitti taasisu hariiroo biyyoota lamaanii niguddisa.
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa agarsiiftuu milkaa’inaa ta’uu ibsanii, karoorri dinagdee akka biyyaatti qabaman akka milkaa’an gumaaacha taasisaa akka jiru kaasaniiru.
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Afriikaa addunyaa guutuu waliin walitti fiduun qooda adda durummaa bahachaa akka jiru dubbataniiru.
Hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo gamasniin, balalliin daandiin qilleensichaa eegale biyyoota lamaan jidduutti carraalee hedduu akka banu dubbataniiru.
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa hariiroo dippilomaasiif qooda olaanaa bahaa akka jiru kan ibsan ammoo ministeera dhimma alaatti daarektar jeneraalii dhimmoota jiddugaleessa bahaa, Isiyaa fi biyyoota Paasfiik Dawaanoo Kadir gamasaaniin, balallii jalqabame kun biyyoota lamaaniif faayidaa dinagdee olaanaa akka qabu himaniiru.