Ijaarsi seenessa tokkummaa sabdaneessarratti xiyyeffate cimee ittifufeera-Dr. Biqilaa Hurrisaa - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsi seenessa tokkummaa sabdaneessarratti xiyyeffate cimee ittifufeera-Dr. Biqilaa Hurrisaa

Adoolessa 04/2017(TOI)-Ijaarsi seenessa tokkummaa sabdaneessarratti xiyyeffate Itiyoophiyaatti cimee ittifuuusaa hoogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa Paartii badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa dubbatan.
Dameen ummataa fi hariiroo idil addunyaa waajjira muummee Paartii badhaadhinaa raawwii bara bajataa 2017 fi karoora bara bajataa 2018 magaalaa Arbaa Mincitti qorachaa jira.
Hoogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa Paartii badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa wayita kana, Itiyoophiyaan damee dinagdee, siyaasaa fi dippilomaasiin addababayii addunyaarratti jijiirama hatattamaa galmeessisaa jirti jedhaniiru.
Kana milkeessuuf dirree siyaasaa tasgabbaa’aa uumuudhaan obbolummaa fi waggaa obboleettummaa umattoota jidduutti cimaa itti dhufedha jechuun ibsaniiru.
Qaamoleen guddina biyyaa boodatti deebisuuf dhama’an shirri isaan xaxan ummataa fi mootummaan fashalaa’aa dhufuu ibsaniiru.
Adeemsi ijaarsa seenessa tokkummaa sabdaneessummaa milkaa’inaan hojjetamaa jiraachuu kan kaasan Dr. Biqilaan, milkaa’inni amma ammaatti galmaa’e ittifufsiisuuf nihojjenna jedhaniiru.
Paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira damee naannoo kibba Itiyoophiyaa obbo Gabramasqal Caalaa gamasaaniin, paartichi badhaadhina waliigalaa mirkaneessaa jira.
Mirga sabaa fi sablammootaa kabachiisuun biyya tasgabboofte ijaaruuf haala gaariin raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Fuulduras misooma eegalaman ittifufsiisuun badhaadhina waliigalaa ummataa mirkaneessuuf xiyyeeffatamee akka hojjetamu eeraniiru.
Waltajji guyyoota lamaaf qophaa’e hooggantoonni hariiroo ummataa paartichaa fi ogeeyyonni hirmaachaa jiru.