Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa bara Baajatichaatti Karoora Qabate Milkeessuuf Hirmaannaan Taassise Bu’aa Qabeessadha-Af-yaa’ii Taaggasaa Caafoo

Waxabajjii 30/2017(TOI)-Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa bara Baajataa 2017tti  Karoora  Qabate  Milkeessuuf  hirmaannaan taassisee bu’aa qabeessa akka ta’e Af-yayaa’ii Taaggasaa Caafoo ibsan.

Manni Marichaa Walga’ii addaa 3ffaa gaggeesseen gabaasa raawwii hojii bara baajatichaa  dhihaatee irratti mariin gaggeeffameera.

Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Taaggasaa Caafoo wayita kanatti,  manni maricha labsiiwwan baasu sirnaan hojiirra akka oolaniif mirkaneeffamuun dura Qorannoon  barbaachisaan akka taassifamu kaasaniiru.

 Seeronni erga Mirkanaa’anii boodas sirnaan hojiirra ooluu  isaa odiitii gochuun   jalqabamuus beeksisaniiru.

Manni Marichaa hojii to’annoo fi hordoffii haala kallattii taa’een gaggeeffamuu fi hojmaata itti gaafatamummaa hojiirra oolaa jiraachuu dubbataniiru.

 Manni Marichaa bara Baajatichaatti hojiiwwan karoorran qabatan milkeessuuf hirmaannaa taassisan bu’aa qabeessa ta’uu ibsaniiru. 

Itti fufuunis Manni Marichaa bara hojii waggaa 5ffaa ciminoota turan ittifufsiisuun   hanqinoota turan guutuun hojii fooyyee qabu raawwachuuf miseensonni hundi qooda  isaanii bahu akka qaban kaasaniiru.

Gabaasicha kan dhiheessan Itti Aantuun Af- yaa’ii Mana Maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo akka ibsanitti, Manni marichaa hojiiwwan karoorfame gahumsan raawwachuuf qindoominaan hojjechaa turuu ibsaniiru.  

Keessumaa manani marichaa ergamoota gurguddoo  afur seeraan kennameef  galmaan ga’uuf hojiiwwan hojjete bu’aa qabeessadha jedhaniiru.

Seeronni osoo hin Raggaassifamiin Dura Ogeeyyiin Kutaa Seeraa Mana Marichaa Sadarkaa Sadarkaan Jiranii fi miseensonni koree dhaabbii qorannoo bal’aa akka Gaggeessan Ibsaniiru.

Kanarra darbees waltajjii hubannaa fi Marii Hawaasaa Mijeessuun  Iftoomina Seerotaa  Keessatti akka Uumamu ta’eera jedhaniiru.

Bara Baajatichaatti Manni Marichaa walga’ii Idilee 43ffaa fi walga’ii addaan Labsiiwwan adda addaa 50 ol qorachuun raggaassisuu ibsaniiru.

Hojii Dippiloomaasii Paarlaamaan Jiloota Paarlaamaa biyyoota adda addaa waliin  Hariiroo Dippiloomaasii faayidaa biyyoolessaa cimsan  hojjetamaniiru jedhaniiru.  

 Gabaasichaan Manni Marichaa koreewwan dhaabbii 13n karoora qaama raawwachiiftuu  deeggaruu fi hordofuu ibsaniiru.  

Miseensonni mana marichaa hojiiwwan bakka bu’ummaa Filannoo Naannoo waggaatti  yeroo lama gaggeessan sirnaan gaggeeffamaa jiraachuu fi gaaffii hawaasni kaasu sadarkaa sadarkaan deebii argachuu isaanii kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015