Godina Shawaa Bahaatti lafti hektaara kuma 416 ol Qonna Gannaan Misoomaa jira

Adoolessa 04/2017(TOI)-Godina Shawaa Bahaatti Lafti Hektaarri Kuma 416 ol Qonna Gannaan Misoomaa Jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa Beeksise.

Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Waajjirichaa obbo Abinat Zagayyee TOI’f  akka ibsanitti, Godinichatti  Qonna Gannaa bu’aa qabeessa gochuuf qophiin haalduree xumuramee hojii qabatamaa keessa galameera.   

Bara omishichaatti  lafti hektaarri kuma 416 fi 771  sanyiin facafamuun , omisha  kuntaala  miiliyoona 19 tuqaa 7  galchuuf karoorfameera jedhaniiru. 

Karooricha milkeessuuf  galtee Fayyadamuu,  Deddebi’anii Qotuu,  Sararaan Facaasuu fi  Aramaa Ittisuu irratti xiyyeeffannoo kennuu kaasaniiru.

Dhiheessii galtee ilaalchisee xaa’oon  biyyee kuntaalli kuma 451 fi 314 Qonnaan bulaaf rabsamuu ibsuun  oomishtummaa biyyee eeguuf, xaa’oon uumamaa hojiirra ooluu dubbataniiru.

Godinichatti hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 417 fi 304 qotamuu eeruun, kana keessaa  Hektaarri Kuma 94 fi 669 Sanyiin faca’uu ibsaniiru. 

Aanaawwan Godinichaatti kilaastara Qonnaa Babal’isuun midhaan dheedhii, Biilaa, Agadaa, midhaan zayitaa akka isooman eeraniiru. 

Qonnaan bulaan Qonna Gannaan omishtummaa guddisuuf xaa’oo fi sanyii filatamaa dursanii fudhachuun, lafa isaanii deddeeebi’anii qotuun, xaa’oo uumamaa qopheessuunii fi itti fayyadamuun kutannoosaanii argisiisaa jiraachuu dubbataniiru. 

Omishtummaa guddisuuf qonnaan bulaa dabalatee hogantoonni Gandaa, Aanaa fi Godinaa  fi ogeessonni Qonnaa hordoffii fi deeggarasa gochaa jiraachuu Obbo Abinat Ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015