Yaa’iin sirna Nyaataa Dh.M.G Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu hojii Itiyoophiyaan Sirna soorataan hojjetteef beekamtii kan kennudha - ENA Afaan Oromoo
Yaa’iin sirna Nyaataa Dh.M.G Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu hojii Itiyoophiyaan Sirna soorataan hojjetteef beekamtii kan kennudha

Adoolessa 03/2017(TOI)-Yaa’iin sirna Nyaataa Dh.M.G Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu hojii Itiyoophiyaan Sirna soorataan hojjetteef beekamtii kan kennu Ta’uu Itti Aanaan Daarekteera Olaanaa Inistitiyuutii Tiranisfoormeeshinii Qonna Itiyoophiyaa Dr. Fireewu Tagany ibsan.
Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa Inistitiyuutii Tiranisfoormeeshinii Qonna Itiyoophiyaa waliin ta’uun mata duree “mul’atarraa gochatti, imala cehumsa sirna nyaataa egeree fi hammataa Itiyoophiyaa” jedhuun qopheessan irratti marii irna nyaataa Itiyoophiyaarratti Xiyyeeffate gaggeessaa jira.
Saganticha irrtti barreeffama ka’umsaa kan dhiheessan Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutii Tiraanisfoormeeshinii Qonna Itiyoophiyaa Dr.Fireewu Tagany akka jedhanitti, Itiyoophiyaan milkaa’ina galmoota misoomaa fulla’aaf qooda mataashee bahaa jirti jedhaniiru.
Itiyoophiyaan cehumsa sirna soorataa eegaluun biyya adda duree ta’uushee ibsaniiru.
Kanaanis Innisheetivoota Misoomaa adda addaa hojiirra oolchuu jalqabuu ishee eeruun , Maaddii Guutuu, Misooma Qamadii, Ashaaraa Magariisaa fi kanneen biroo akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Konfaraansiin Sirna Soorataa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 2ffaan Adoolessa 20 hanga 22/2017tti Qopheessummaa Itiyoophiyaa fi xaaliyaaniin Magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uuu ibsaniiru.
Yaa’ichi Itiyoophiyaatti gaggeeffamuunsaa maqaa qaarii biyyattii mul’isuuf faayidaa guddaa qabaachuu ibsuun, keessumattuu imala cehumsa sirna soorataa Itiyoophiyaan eegalteef beekamtii kan kennu ta’uu dubataniiru.
Iiyoophiyaan jijiiramaa asitti sagantaawwan biyyoolessaa adda addaa cehumsa sirna soorataa saffisiisan bocuun xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuun ishee ni beekama.
Innisheetivota Kanneen akka Sagantaa Maaddii Guutuu, Misoomaa Qamadii, Ashaaraa Magariisaa, Soorata barattootaa, Sosochii Itiyoophiyaan Haa omishituu fi waadaa saqoxaa akka fakkeenyaatti ni caqafamu.
Qopheessummaa Itiyoophiyaan kan gaggeefamu yaa’iin sirna soorataa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii milkaa’inaan keessummeessuuf hojiileen haaldureen hojjetamaa jiru.