Raayyaan birmadummaa biyyaa kabachiisuun cinaatti tajaajiloota hawaasaarratti hirmaachuun tusaa jira - ENA Afaan Oromoo
Raayyaan birmadummaa biyyaa kabachiisuun cinaatti tajaajiloota hawaasaarratti hirmaachuun tusaa jira

Adoolessa 03/2017(TOI)- Raayyaan birmadummaa biyyaa kabachiisuun cinaatti tajaajiloota hawaasaarratti hirmaachuun tusaa isaa cimsaa akka jiru ajajaan olaanaa Izzii jiddugalaa Daalool letenaal jeneraal Zawudee Balaay ibsan.
Miseensonni raayyaa izzii jiddugalaa Daalol sagantaa xumuraa dorgommii feestivaalii Ispoortii guyyoota kudhan darban gaggeessaa turee fi dhiiga arjoomuu har’a gaggeesseera.
Wayita kana ajajaan olaanaa Izzii jiddugalaa Daalool letenaal jeneraal Zawudee Balaay, raayyaan hojii idileessaa birmadummaa biyyaa kabachiisuun ga’umsaan raawwachaa gootummaan ittifufuusaa dubbataniiru.
Kana cinaattis tajaajiloota hawaasummaarratti ga’umsaan hirmaachuun tumsa isaa cimsaa ittifufuusaa ibsanii, miseensonni Izzichaa gama Kanaan hojii jajjabeessaa hojjechaa akka jiran beeksisaniiru.
Feestivaaliin Ispoortii har’a xumurame raayyaa fi Ispoortiin tokko ta’uu hubata
nii qaamolee milkaa’ina dorgommichaaf oolmaa oolan galateeffamuu qabu jedhaniiru.
Hoogganaan waajjira Izzii jiddugaleessaa Daalool Koloneel Bazzaabih Yimar gamasaaniin, dorgommiin Ispoortii ga’umsa raayyaa caalaatti gabbisuuf kaayyeffate gaggeeffamuusaa dubbataniiru.
Kooronni Izzicha jalatti argaman dorgommii Ispoortiirratti hirmaachuusaanii kaasanii, dorgommichis milkaa’uusaa eeraniiru.
Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Jimmaa Xahaa Qamar wayita kana ergaa dabarsaniin, Izziin jiddugalaa Daalol naannawichatti nagaan cimee akka ittifufu qooda olaanaa bahachaa jira jedhaniiru.
Hojiin Izzichaa caalaatti akka milkaa’u bulchiinsichi waan irraa eegamu hunda akka raawwatu mirkaneessaniiru.
Qondaaltonni rayyaa olaanoon, pirezidaantiin akkaadaamii ga’ooma hooggantoota Afriikaa Zaadiig Abrahaa, bulchaan godina Jimmaa Tiijaanii Naasir fi keessummoonni waamaman sgantaa xumuraa kanarratti argamaniiru.