Dargaggoonnii fi hojii uumtonni Afriikaa walitti dhiheenyasaanii akka cimsan foramichi haala mijataa uumeera-Ministira Mufarihaat Kaamil

Adoolessa 02/2017(TOI)-Dargaggoonnii fi hojii uumtonni Afriikaa walitti dhiheenyasaanii akka cimsan foramiin hojii uumuu Afriikaa haala mijataa uumuusaa Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil ibsan.

Sagantaan xumuraa foramii hojii uumuu Afriikaa ministeerri hojii fi ogummaa qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun qopheessee fi yaadannoo injifannoo Adwaatti taa’amaa ture gaggeeffamaa jira.

Sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti ittigaafatamaan jiddugala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi ittiaanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah dabalatee hooggantoonni mootummaa olaanoon saganticharratti argamaniiru.

Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil waltajjicharratti akka ibsanitti, Itiyoophiyaan fayyadama dargaggootaa mirkaneessuuf hojjehaa jirti.

Dargaggoonni biyyattii kan hojii uumanii fi fayyadamoo carraa hojii akka ta’an hojii hojjetameen bu’aan gaariin galmaa’uu eeraniiru.

Keessumaa carraalee hojii filmaataa bal’isuu, teeknooloojiiwwan fooyya’an damee garagaraan hubachiisuu fi hirmaannaa sochii dinagdee dargaggoo guddisuuf isaan ijoo ta’uu eeraniiru.

Haala Kanaan foramiin carraa hojii uumuu guyyoota sadan darban taa’amaa ture dargaggoonnii fi hojii uumtonni Afriikaa walitti dhufeenyasaanii akka cimsan haala mijataa uumuusaa beeksisaniiru.

Waltajjichi muuxannoo waliiqooduun gufuulee damee knaan mudataniif furmaata waloo barbaaduuf haalli dandeessisu akka uumaman gochuusa ibsaniiru.

Foramichi kallattii fuulduraas akka kaa’e dabalanii dubbataniiru.

Afriikaan misooma fulla’aa akka mirkaneessitu dinagdee, misoomaa fi bu’ura misoomaan walitti fiduun tumsa waloo fi carraaqqii  akka gaafatu ibsaniiru.

Haala Kanaan Itiyoophiyaan tumsa carraa hojii fi dameewwan garagaraan biyyoota Ardii Afriikaa waliin qabdu cimsitee akka ittifuftu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015