ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Fiigichi kiiloo meetira 10 ayyaana hundeeffama human qilleensaa FDRI 90ffaa boru Bishooftuutti gaggeeffama
Nov 29, 2025 67
Sadaasa 20/2018 (TOI)- Fiigichi kiiloo meetira 10 idil addunyaa Bishooftuu daandiirraa ayyaana hundeeffama human qilleensaa FDRI 90ffaa sababeeffachuun qophaa’e boru Bishooftuutti gaggeeffama. Humni qilleensaa FDRI ayyaana hundeeffamasaa 90ffaa qophiilee garagaraan kabajaa jira. Fiigichi daandiirraa km. a0 daandiirraa idil addunyaa Bishooftuu qama hundeeffamaa ta’e kun boru Sadaasa 21 bara 2018 ni gaggeeffama. Namoonni kuma 25 caalan dorgommii kanarratti akka hirmaatan federeeshiniin atileetiksii Itiyoophiyaa beeksiseera. Atileetonni biyya alaa fiigicha daandiirraa kanarratti akka hirmaatan ibsameera. Saala lamaanuu dorgommicha kan mo’atan badhaasa walfakkaataa birria kuma 500 shan nibadhaafamu. Atileetota 2ffaa bahaniif birrii kuma 250, 3ffaa kan bahaniif birrii kuma 100, 4ffaa kan bahaniif birrii kuma 50, 5ffaa kan bahaniif immoo birrii kuma 25 akka badhaafaman beeksifameera. Federeeshinichi sadarkaa kilabichaatti atileetonni saala lamaaniinuu sadarkaa tokkoffaa bahan badhaasa birrii kuma 100 akka argatan beeksiseera. Humna qilleensaa Federaala Dimookiraatawaa Itiyoophiyaatti ajajaan olaanaa letenaal jeneraal Yilmaa Mardaasaa kabaja guyyaa ayyaana waggaa 90ffaa humna qilleensaa Itiyoophiyaa ilaacisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin ‘humna qilleensaa Itiyoophiyaaf humna koo guutuun nan fiiga’ dhaadannoo jedhuun fiigichi dorgommii kiloomeetira 10 akka adeemsifamu ibsaniiru. Fiigichi kun waggaa waggaan kan gaggeeffamu ta’uu fi namni hundi fiigicha kana irratti hirmaachuu akka danda’u hubachiisaniiru.
Nageenya Godinaaleetti bu’een Hawaasni gara misoomaatti debi’uu danda’eera
Nov 29, 2025 90
Sadaasa 20/2018(TOI)-Nannoo Oromiyaa Godinaalee wallagaa sadiitti nageenya bu’een hawaasni fuulasaa gara misoomaatti deebisee hojii bu’aa qabeessa akka hojjetu taa’uusaa Hoggantoonni Godinaalee ibsan . Hoggantoonni Godina wallagga Lixaa, Bahaa fi Horroo guduruu wallaggaa Turtii TOI waliin taassisaniin akka ibsanitti, nageenyi naannichatti bu’een hojii misoomaaf haala mijataa uumeera. Itti Aanaan Bulchaa Godina Wallagga Lixaa Obbo Gammadaa Tafarraa, Godinichatti hawaasni qaamolee nageenyaa waliin qindoomee hojjechuun nageenyi bu’uu ibsaniiru. Waggoottan darban rakkoo nageenyaa godinichatti mudachaa tureen hojii misoomaa hojechuun rakkoo akka ture eeruun, nageenya bu’een xiyyeeffannoon hawwasaa misoomara ta’eera jedhaniiru. Haalli mijataan uumame hojii misooma qonnaa Idilee xiyyeeffannoon hojjechuun olitti hojii bu’uuraalee misooma addaan citanii turan irra deebi’anii akka eegalaman ta’uu dubbataniiru. Dabalataanis Godinicha haala mijataa Invastimentiif qabu fayyadamuun dureeyyiin misooma Albuudaa dabalatee hojiiwwan misoomaa adda addaarratti hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru. Godinichatti Hojiiwwan misoomaa Abdachiisoon Magaalaa fi Baadhiyaatti eegalaman cimanii akka itti fufaniif nageenya argame fulla’aa taassisuun ittifufa jedhaniiru. Itti Aanaan Bulchaa Godina wallagga bahaa Obbo Dassuu Lammii gamasaaniin, rakkoon Godincha ture dhabamsiifamee nagaan bu’eera jedhaniiru. Godinichatti hawaasa hirmaachisuun hojiin misooma qonnaa bal’inaan hojjetamaa jiraachuu eeruun, hojiin Albuudaa,misooma Bakkeewwan gahumsa Turiizimii fi hojiiwwan biroon hojjetamaa jiru jedhaniiru. Godina Horroo Guduru Wallaggaa Bulchaan Aanaa Amuruu Obbo Darajjee Warquu, Aanichatti nageenyi bu’uun hawaasni hojii misoomaa humnasaa guutuun raawwachaa jira jedhaniiru. Hojiiwwan misooma Aanichatti raawwatamaa jiru abdachiisaa ta’uu ibsuun, hojiin bu’uuralee misoomaa hojjetamaa jira jedhaniiru. Hidhattoonni duraanii waamicha nageenya fudhatan leenjii haaromsa fudhatanii hojii misoomaa adda addaarratti hirmaachaa jiraachuusani ibsaniiru.
Misoomni bakkeewwan hawata turizimii damichaaf gumaacha olaanaa buuseera
Nov 29, 2025 48
Sadaasa 20/2018(TOI)-Mootummaan xiyyeeffannoo misooma bakkeewwan hawwata turizimiif kenneen damicha haala olaanaan dadammaksuun,guddina diinagdeef shoora olaanaa bahachaa jira. Dameewwan Itiyoophiyaan yeroo dhiyoo asitti diinagdee adda addaa ijaaruu irratti xiyyeeffattee hojjechaa jirtu keessaa tokko turizimiidha. Kanaanis bakkeewwan haaraa hawwaata turizimii ta’an misoomsuufi kan kanaan dura turan haaromsuun bal’inaan hojiirra oolaa kan jiru yoo ta’u, kunis yaa’insa turistootaa dabaluun cinatti guddina diinagdee biyyaafis shoora olaanaa bahachaa jiraachuu ibsameera. Pireezidaantiin Waldaa Tuur Opereetar Itiyoophiyaa obbo Fitsum Gazaanyi TOItti akka himanitti, mootummaan damee turizimii utubaawwan diinagdee shanan keessaa tokko taasisee fudhachuun hojiin hojjete bu'aa argamsiisaa jira. Kunis dameen turizimii diinagdee biyyaa keessatti gaheen inni qabu guddachuu eeraniiru. Turizimii biyya keessaa babal’isuun barbaachisummaa hawaasummaa fi diinagdee damichaa guddisuu qofa osoo hin taane, hariiroo hyawasummaa cimsuuf gumaacha olaanaa qaba jedhan. Itiyoophiyaan bakkeewwan hawwata turizimii misoomsuu fi beeksisuuf hojiiwwan hojjette biyyoota biroof muuxannoo ta’uu kan danda’u raawwachuu akka dandeesses ibsaniiru. Kunis dorgomtummaa damee turizimii fi faayidaan diinagdee namoota damee kanarratti hirmaatan akka dabalu taasiseera jechuun ibsaniiru. Akka abbaan qabeenyaa fi hoji gaggeessaan dhaabbata ‘Teemaa Tuur Itiyoophiyaa’’ Tewoodiroos Solomoon jedhanitti, misoomni bakkeewwan hawwata turizimii qabeenya turizimii Itiyoophiyaa addunyaaf beeksisuuf gargaareera. Itti dabaluunis, misoomni bakkeewwan hawwata turizimii carraa hojii damichaa babal’isuuf haala mijataa uumeera jedhan. Ministeera Tuurizimiitti Daarektarri Olaanaa Damee Piroomooshinii obbo Tashoomaa Takiluu akka ibsanitti, mootummaan damee turizimii haaromsuu fi gumaacha dinagdee keessatti qabu guddisuuf tarkaanfii fudhachuu isaa ibsaniiru. Xiyyeeffannaan damee turizimiif kenname carraa hojii uumuu fi yaa’insa turistootaa dabaluu keessatti gumaacha olaanaa kan qabu yoo ta’u, galiin damicharraa argamu akka dabalu taasiseera jedhan.
Godinichatti qonna jallisii qamadii Boneen lafti heektaarri kuma 16 ol sanyiin uwwifameera
Nov 29, 2025 38
Sadaasa 20/2018(TOI)- Godina Harargee Lixaatti qonna jallisii qamadii Boneen lafti heektaarri kuma 16 ol sanyiin uwwifamuu waajjirri qonna godinichaa beeeksise. Akka Waajjirri Qonnaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa godinichaa ibsetti, misooma qamadii jallisii Boneen misoomsuuf lafa heektaara kuma 81 ol marsaa lamaan karoorfamee hojjetamaa jira. Waajjirichatti dursaan garee misooma qamadii obbo Habiib Abdulkariim TOItti akka himanitti, baatii Fulbaana darberraa eegalee lafti heektaara kuma 24 ol qotuun sanyiif kan qophaa’e ta’uu eeruun, kana keessaa heektaarri kuma 16 ol sanyiidhaan kan uwwifame ta’uu ibsaniiru. Lafti hanga ammaatti sanyiidhaan uwwifame irra caalaan isaa, qonnaan bultoota waldaadhaan gurmaa’anii fi paampii ykn motora bishaaniin hojjetu fayyadamuun kilaastaraan kan misoomsaman ta’u himaniiru. Erga misoomni qamadii jallisii Bonee godinicha keessatti eegalamee kaasee hammi lafa misooma kanaan uwwifamee fi hirmaannaan qonnaan bultootaa waggaa waggaan dabalaa dhufeera jedhan. Waajjirichatti dursaan garee itti fayyadama jallisii fi hirmaannaa uummataa obbo Abdallaa Muzammiil akka jedhanitti; bara kana qonnaan bultoota misooma kanarratti hirmaataniif paampii ykn motoroota bishaan harkisan kuma lamaa ol raabsuuf kan karoorfame yoo ta’u, hanga ammaatti walakkaa ol kan raabsame ta’uu ibsameera. Itti aanaan bulchaa aanaa Gammachiis obbo Ramadaan Abdurahamaan akka jedhanitti, Aanichatti bara kana lafa heektaara kuma 10n misooma qamadii jallisii Boneen misoomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti heektaara kuma lamaa ol sanyiin facaafamuu himaniiru. Inishiyeetiiviin Misooma Qamadii Jallisii Bonaa aanichatti erga hojiirra oolee as misooma qonnaa keessatti haaromsi akka mul’atee fi qonnaan bultoonni yeroo isaanii guutuu itti fayyadamuun, bishaan lafa jalaa paampiin harkisuun misooma qonna jallisii Bonee irratti hirmaachaa jiraachuu eeraniiru. Godina Harargee Lixaatti bara darbe lafa heektaara kuma 80 qamadii jallisii Boneen misoome irraa kuntaala miiliyoona lamaa ol argameeera.
Godina Iluu Abbaa Booritti lafa hektaara kuma 17 ol irratti mi’eessituuwwan adda addaa misoomaa jira
Nov 29, 2025 43
Sadaasa 20/2018(TOI)- Godina Iluu Abbaa Booritti lafa hektaara kuma 17 ol irratti mi’eessituuwwan adda addaa misoomu waajjirri qonnaa Godinichaa ibse. Itti Gaafatamaan waajjira Qonnaa Godina Iluu Abbaa Boor obbo Chaalaachoo Addunyaa Godinichatti lafa hektaara kuma 17 oliirraa calla kuntaala Kuma 800 ol walitti gabuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Godinichi misooma Qonnaaf humna qabu gara bu’aatti jijjiiruun fayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuuf galtee fi sanyii filatamaan dhihaachuu dubbataniiru. Godinichatti misooma mi’eessituuwwaniif haala mijataa jiru fayyadamuun Qonnaan Bulaan Kororimaa, Barbaree,gijinbilaa fi Irdii misoomsuun Dinagdeesaa akka guddisuuf deeggarsaa fi hordoffiin taassifamaa jira. Qonnaan Bultoota Misooma mi’eessituuwwan adda addaarratti bobba’an keessaa jiraataa Aanaa Mattuu ganda Burruusaa Obbo Jamaal Usmaan akka jedhanitti lafa qabanirratti Kororimaa Misoomsuu eegaluun waggoota muraasa keessatti fayyadamaa ta’uu dubbataniiru. Waggaa darbe kororimaa misoomsanirraa galii birrii kuma 100 ol waan argataniif hojicha babal’isuun bara omishaa kanatti garii birrii kuma 300 ol argachuuf cimanii hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Godinichatti jiraataan Aanaa Buree obbo Bafiqaaduu Abdiisaa gamasaaniin, lafa hektaara walakkaarratti barbaree omishuun birrii kuma 100 ol argachusaanii dubbataniiru. Fayyadamummaa misoomicharraa argatan guddisuuf hojicha caalatti babal’isuun akka hojjetan kaka’umsa isaaniif uumuu ibsaniiru. Obbo Usmaan Taaffasaa gamasaaniin hojii misooma Barbareen jireenya Dargaggootaa fi jiraattota hawaasa naannichaa hedduu jijiiraa jiraachuu kaasuun kunis hojichaaf xiyyeeffannoo akka kennan isaan taassisuu dubbataniiru. Hojii barabaree bara darbeerraas galii birrii kuma 200 tti dhihaatu argachuusaanii dubbataniiru.
Siyaasa

Milkaa’ina Marii Biyyaalessaaf hirmaannan qooda fudhattootaa cimee itti fufeera- Komishinicha
Nov 29, 2025 48
Sadaasa 20/2018(TOI)- Milkaa’ina Marii Biyyaalessaaf hirmaannan qooda fudhattootaa cimee itti fufaa jiraachuu komishinarri komishinii marii biyyaalessaa Malaakuu W/Maariyaam ibsaniiru. Waltajjiin hubannoo uumuu har'a magaalaa Gaambeellaatti mata duree "Gahee Dubartootaa, Dargaggootaa fi Qaama Miidhamtootaa Milkaa’ina Marii Biyyaalessaaf " jedhuun gaggeeffamaa jira. Komishinarichi waltajjii hubannoo uumuu kana irratti akka jedhanitti furmaata waaraaf hirmaannaan qooda fudhattoota hundaa cimee itti fufuu isaa eeraniiru. Dubartoonnii fi qaama miidhamtoonni milkaa’ina marii biyyaalessaa kanaaf qooda olaanaa qabaachuu himaniiru. Mariin biyyoolessaa eegalame dandeettii dubartoota, dargaggootaa fi qaama miidhamtootaa fayyadamuun nageenyaa fi misooma itti fufiinsa qabu biyyattiif mirkaneessuun galma ga’uu akka qabus ibsaniiru. Mariin hawaasa keessatti aadaa ta’ee itti fufuu akka qabu taasisuun, ijaarsa nageenyaa kaayyeffame milkeessuun xiyyeeffannoon hojjetamu akka qabus hubachiisaniiru. Waltajjiin har'aa kun marii biyyoolessaa keessatti hirmaannaa dargaggootaa, dubartootaa, qaama miidhamtootaa fi kutaalee hawaasaa biroo cimsuuf kan kaayyeffate ta'uus eeraniiru. Hirmaattonni waltajjii marii kanaas yaada bilisaa fi dhugaa irratti hundaa’e gumaachuun itti gaafatamummaa lammummaa isaanii akka bahatan Komishinarichi dhaamaniiru. Dubartoonni, dargaggoonni, qaama miidhamtoonnii fi qooda fudhattoonni biroo waltajjii marii hubannoo uumuu guyyoota lamaaf magaalaa Gaambeellaatti qophaa’e irratti hirmaachaa jiru.
Manni maree ministirootaa walgahii idilee gaggeesseen murtoo garagaraa dabarse
Nov 29, 2025 48
Sadaasa 20/2018(TOI)-Manni maree ministirootaa walgahii idilee 50ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota garagaraa irratti mari’atee murtoo dabarseera. Murtoo walgahii idilee mana maree ministirootaa 50ffaa Manni maree ministirootaa walgahii idilee 50ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtoo dabarseera. 1. Manni Marichaa jalqaba Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 irratti mari’ateera. Tarsiimoon kun lammiileef carraalee haaraa uumuu, dandeettii teeknooloojii guddisuu fi bu’uuraalee misoomaa babal’isuu, bulchiinsa gaarii dagaagsuu, guddina diinagdee saffisiisuuf hojiileen eegalaman irra caalaa fooyyessuun milkeessuuf kan akeekedha. Manni Marichaa Tarsiimoo kana irratti marii bal’aa erga taasisee booda guyyaa raggaasifame irraa eegalee hojiirra oolchuuf sagalee guutuun murteesseeera. 2. Itti aansuunis Manni Marichaa waliigalteewwan gargaarsa maallaqaa lama Waldaa Misooma Idil-addunyaa waliin mallattaa’an irratti mari’ateera. Inni jalqabaa waliigaltee liqii SDR 294,900,000 Sagantaa Ce’umsa Annisaa Itti Fufiinsa Qabuu fi Qulqulluu hojiirra oolchuuf kan oolu yoo ta’u, yeroo eeggannaa waggaa 6 dabalatee waggoota 38 keessatti xumurama. Inni lammataa immoo waliigaltee liqii SDR dabalataa 20,000,000 kan hojiirra oolmaa Pirojektoota tiraanisfoormeeshinii ogummaa baha Afrikaa fi hojiirra oolmaa piroojektoota walitti makaminsa riijinii Baha Afrikaa yoo ta’u, yeroo eeggannaa waggaa 6 dabalatee waggoota 31 keessatti xumurama. Liqiin lamaanuu dhala irraa bilisa kan ta’an yoo ta’u, kaffaltii tajaajilaa %0.75 qabu. Manni Marichaas waliigalteewwan liqii gara Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti akka darban murteessee, tarsiimoo bulchiinsa liqaa biyya keenyaa wajjin kan walsimu ta’uu isaas ibseera. 3. Itti aansuunis Manni Marichaa wixinee dambiiwwan lama irratti kaffaltiin tajaajilaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo fi Tiyaatira Biyyoolessaa Itiyoophiyaan tajaajila adda addaa kennaniif kaffaltii kaffalamuu qabu murteessuuf qophaa’e irratti mari’ateera. Dhaabbileen baasii isaanii uwwisuu fi galii isaanii guddisuun tajaajila qulqullina qabu kennuu fi itti quufinsa maamilaa dabaluu waan qabaniif, safartuun kaffaltii tajaajilaa haala dandeettii maamilaa tilmaama keessa galchuun qophaa’ee dhiyaateera. Manni marichaa wixinee dambiiwwan irratti bal’inaan erga mari’atee booda guyyaa Gaazexaa Nagaarii Federaalaa irratti maxxanfamee kaasee hojiirra oolchuuf sagalee guutuun murteesseera. 4. Itti fufuun manni marichi kan mari’ate Walii galtee gam-lamee Afur irrattidha. Inni jalqabaa Mootummaa Rippaabilikii ummata Chaayinaa waliin dhimmoota yakkaarratti tumsu seera waloo gochuuf kan ta’edha. Walii galteewwan biroon mootummaa Rippaabilika uummata Chaayinaa fi Mootummaa Federaala Rippaabilikaa Biraazil waliin kanneen murtiin itti murtaa’e dabarsanii kennuuf kan taassifamedha. Inni biroon walii galtee dabarsanii kennuu Mootummaa Rippaabilikii Afriikaa Kibbaa waliin taassifamedha. Manni marichi walii galtichi yoo ragga’e Itiyoophiyaan biyyoota kanneen waliin hammattoo seeraa hojii yakka ittisuu bu’aa qabeessa tumsa gamlamee uumuuf kan ishee dandeessisu ta’uu hubachuun wixineen labsii kun bakka bu’oota uummataatti akka gaggeeffamu sagalee guutuun murteesseera. Inni biroon manni marichi Ajandaawwan marii’ate wixinee labsi mallattoo melektiroonikiiti. 5.Mallattoo elektiroonikii labsii lakk.1072 /2010 guutummaa gutuutti hojiirra oolchuuf sirnoota barbaachisan labsichaa fi bu’uura labsii mallattoo elektiroonikii foyya’e lak.1358/2017 iftoominaa fi itti gaafatamummaa haala qabaateen hojiirra oolchuuf haala dandeessisuun labsiin qophaa’e dhihateera. Manni marichi labsicharratti gadi fageenyaan erga mrii’atee booda guyyaa Gaazexaa Nagaarita Federaalaan maxxanfamee bahee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutun raggaaseera. 6. Dhumarratti manni marichi kan marii’ate mana maree ministeerotaa Immigireeshinii labsii lakk. 114/1997 fooyyessuuf labsii dhihaate irratti. Dhaabbatichi hojii fi itti gaafatamummaa labsiitiin kennameefii bahuuf akka dandeessisuuf labsiin bahee qophaa’ee dhihaateera. Manni marichi labsicharratti gad-fageenyaan erga marii’atee booda Gaazexaa Nagaarita Federaalaan guyyaa maxxanfamee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun mirkaneesseera.
Itiyoophiyaan qaama daandii daldala idil-addunyaa ta'uu qabdi- Ajajaa humna lafoo Faransaay Jeneraal Piyeer Shiil
Nov 29, 2025 87
Sadaasa 20/2018(TOI)- Itiyoophiyaan qaama daandii daldala idil-addunyaa ta'uu akka qabdu ajajaan humna lafoo Faransaay Jeneraal Piyeer Shiil ibsaniiru. Dhiyeenya kana dhimma waraanaa biyyoota lamaanii irratti Ajajoota Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Federaala Dimokiraatawaa Itiyoophiyaa waliin kan mari’atan Jeneraal Piyeer Shiil, dhaabbilee adda addaa daawwachuun, dabalataanis ajajaa humnoota waraanaa Waliigalaa Itiyoophiyaa Fiildii Maarshaal Birhaanuu Juulaa waliinis mari’ataniiru. ‘Fedhii Gaaffii Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf karaa nagaa gaafachaa jirtu akkamiin ilaaltu kan jedhu gaazexeessitoota Miidiyaa Raayyaa Ittisa biyyaa irraa gaafatamaniif ajajaan humna lafoo Faransaay Jeneraal Piyeer Shiil “Itiyoophiyaan biyya baay’ee guddoo taatee fi humna dinagdee guddaa qabdu akkasumas biyya uummata hedduu qabdu waan taateef qaama daandii daldala idil-addunyaa ta'uu qabdi” jedhan. Hariiroon tumsa waraanaa Itiyoophiyaa waliin taasisaa jirru inni guddaan, tumsa Faransaay Itiyoophiyaa waliin qabdu fooyyessuu akka ta’e ibsuun, magaalaa Finfinneetti argamuu isaaniittis baay’ee akka boonan dubbataniiru. "Kanaaf tumsi keenya irra caalaa gama deeggarsa meeshaalee waraanaa, hojii nagaa eegsisuu, hojiiwwan dhuka’aa fashaleessuu, leenjii humna namaa fi kanneen biroo irratti kan xiyyeeffate dha” jedhan. Jeneraal Piyeer Shiil Itiyoophiyaan nageenya riijinichaa eegsisuu keessatti qooda guddaa akka qabdu ibsuun, hirmaannaan Itiyoophiyaa baay’ee barbaachisaa akka ta’es eeraniiru. Akkasumas akka bakka bu’aa waraana Faransaayitti waraana Itiyoophiyaa akka deeggaran ibsaniiru. Hirmaannaa Waraana Itiyoophiyaa dinqisiifachuun, "Itiyoophiyaan biyya baay’ee guddaadha, waraana baay’ee cimaa fi guddaa qabdu, waraana kana irraas waan baay'ee barachuu dandeenya" jechuun ibsuu isaanii odeeffannoon Miidiyaa Raayyaan Ittisa Biyyaa TOIf erge ni mul'isa. Dhiheenya kana Waajjirri muummee Raayyaa Ittisa Federaalaa hooggantoota waraanaa biyyoota gurguddoo dabalatee biyyoota adda addaa irraa dhufan magaalaa Finfinneetti keessummeesseera.
Nageenya, Tokkummaa fi Badhaadhina Afrikaa mirkaneessuuf ijaarsi sirna heera mootummaa fi ijaarsi mootummaa bu’a qabeessa ta’e barbaachisaa dha
Nov 28, 2025 259
Sadaasa 19/2018(TOI)- Nageenya, Tokkummaafi Badhaadhina Afrikaa mirkaneessuuf ijaarsi sirna heera mootummaa fi ijaarsi mootummaa bu’a qabeessa ta’e barbaachisaa ta’uu pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaaseen himaniiru. Simpooziyeemii Idil Addunyaa 4ffaan Manneen Murtii Heera Mootummaa Afrikaa fi dhaabbilee kana fakkaatan irratti xiyyeeffate magaalaa Finfinneetti adeemsifamaa jira. Pireezidaanti Taayyee Asqasillaaseen haasaa baniinsaa taasisaniin sirni heera mootummaa seera baasuu qofa osoo hin taane, olaantummaa seeraa kabachiisuu, itti gaafatamummaa mirkaneessuu, mirgoonni bu’uuraa akka kabajaman taasisuudha jedhan. Heerri mootummaa sirna aangoo siyaasaa itti gaafatamummaan akka hojiirra oolu eeyyamu diriirsuuf kan yaadame ta’uu ibsaniiru. Afriikaan bulchiinsa heera mootummaa diriirsuuf tattaaffii taasiftu keessatti qormaatileen adda addaa akka ishee mudachaa jiranis hubachiisaniiru. Aangoo argachuuf sirna heera mootummaafi filannoo uummataatti amanuurra, karaa fonqolcha mootummaafi hokkaraan qofa jedhanii yaaduun rakkoolee Ardii Afrikaa mudatan keessaa tokko ta’uu eeraniiru. Akkasumas tasgabbii dhabuun siyaasaa, gahumsa dhabuu dhaabbilee fi aangoo heera mootummaa hin hordofne gonfachuun imala heera mootummaa ardii kanaaf qormaata ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan gama kanaan biyya muuxannoo addaa qabdu ta’uu hubachiisuun, sirnoonni seera mootii fi bulchiinsaa kan biyya keessaa abbootiin hojiirra oolchaa ittiin walbulchaa turan, kanneen akka sirna Gadaa keessa turan seera sirna guddaa hawaasni ittiin bulaa akka jiran hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan biyya jaarraa 20 irraa jalqabdee heera mootummaa mataashee qabdu ta’uu eeraniiru. Afrikaa nuti hawwinu, kan nagaa fi badhaadhinni ishee mirkanaa’e uumuuf dhaabbilee mootummaa haqa qabeessaa fi amanamummaan tajaajilan ijaaruun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru. Kanaafis ijaarsi sirna heera mootummaa gahee olaanaa akka qabu eeruun, barnoonni lammummaa fi sirni kenniinsa haqaa cimuu akka qabu ibsaniiru. Nagaa, tokkummaa fi badhaadhina ardii kanaa mirkaneessuuf ijaarsi sirna heera mootummaa fi mootummaa bu’a qabeessa ta’e murteessaa waan ta’eef, namni hundi xiyyeeffannoo kennuu akka qabu ibsaniiru.
Guyyaan sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa kabajamuunsaa duudhaa waliin jireenyaa gabbiseera-Bulchaa Ordiin Badrii
Nov 28, 2025 132
Sadaasa 19/2018(TOI)- Guyyaan sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa kabajamuunsaa tokkummaa sabdaneessummaa fi obbolummaa cimsuun duudhaa waliin jireenyaa gabbiseera jedhan bulchaa naannoo Hararii Ordiin Badrii. Guyyaan sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa sadarkaa naannoo Harariitti kabajameera. Bulchaan naannichaa Ordiin Badrii, af-yaa’iin mana maree naannoo Hararii Sulxaan Abdusalaam, af-yaa’iin mana maree magaalaa Dirree Dawaa Fathiyaa Aden, af-yaa’iin mana maree naannoo Somaalee Ayaan Abdii fi hooggantoonni olaanoo biroon akkasumas jaarsoliin biyyaa fi kutaaleen hawaasaa garagaraa sirnicharratti argamaniiru. Bulchaan naannichaa Ordiin Badrii wayita kana dubbii dubbataniin akka ibsanitti, guyyaan sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa kabajamuunsaa tokkummaa sabdaneessummaa fi obbolummaa cimsuun duudhaa waliin jireenyaa gabbiseera. Waggoottan jijjiiramaa darban ibsituu naannichaa kan ta’e duudhaan nagana waliin jireenyaa naannichaa caalaa akka gabbatu hojjetamaa turuu dubbataniiru. Akkasumas hojiileen misoomaa fayyadama dinagdee fi hawaasummaa guddisanii fi badhaadhina hunda galeessaaf bu’uura kaa’an raawwatamuu eeraniiru. Af-yaa’iin mana amaree naannoo Hararii Sulxaan Abdusalaam gamasaaniin, guyyaan kun sadarkaa naannootti aanaalee fi waajjiraalee sekteraatti torbee sadiif akkaataa tokkummaa sabdaneessummaa cimsuun kabajamaa turuu dubbataniiru. Saboonnii fi sablammoonni naannicha keessa bakka garagaraa waloomaan kan jiraatan waan ta’eef misoomaaf human guddaa ta’uu ibsaniiru.
Badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuuf hoggansi ‘qajeelfama ariitiinii fi kalaquu jedhuun ’ carraaquu qaba - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Nov 27, 2025 288
Sadaasa 18/2018(TOI)- Badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuuf hoggansi ‘qajeelfama ariitiinii fi kalaquu’jedhuun carraaquu aka qabu Kantiibaan magaalaa Finfinne aadde Adaanech Abeebee ibsan. Leenjiin hoggantoota olaanoofi giddugaleessaa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Finfinneetti kennamaa ture karaa milkaa’aan goolabamuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee himaniiru. Leenjichi mata duree “Ilaalcha Mootummaa Ida’amuun, Guddina Dameelee” jedhuun kennamaa turuu yaadachiisuun, hoggansi hundi leenjicharraa hubannoo argateefi hojiilee qabatamaa lafarra jiran kan daawwate ta’uu himaniiru. Milkaa’ina damee maraan argaman itti fufsiisuun qormaatilee gara injifannootti jijjiiruun Itiyoophiyaa fakkeenya Badhaadhinaa taate ijaaruuf ni hojjetama jedhaniiru. Kallattiiwwan qonnaafi ce’umsa baadiyyaa, damee indastirii, akkasumas turizimiifi misooma magaalaan raawwii gaarii galmeessuuf waliigalteerra ga’uu Kantiibaa Adaanech miidiyaa hawaasaa isaaniin ibsaniiru. Qajeeltoo “Kalaqaafi Saffisaan” hojjechuun badhaadhina Itiyoophiyaa ni mirkaneessina jechuunis ergaa dabarsaniiru. Kantiibaan magaalattii Aadde Adanech Abeebee xumura leenjichaa irratti akka jedhanitti; hoggansa Paartii Badhaadhinaa jalatti damee hawaasummaa, diinagdee, fi siyaasaa magaalaa guddoo keessatti bu’aa gaariin hedduun argameera. Damee indaastirii hedduun oomisha bakka bu’aa oomishaa akka jiran kan ibsan yoo ta’u, indaastiriiwwan magaalaa guddoo keessatti argaman 3,800 ol keessaa 2,094 oomisha bakka bu’aa oomishaa akka jiran hubachiisaniiru. Kanaanis bara baajataa 2017tti oomishaaleen doolaara miiliyoona 975 ol biyya keessatti oomishamuu danda’uu isaanii eeruun, milkaa’ina kana daran guddisuuf tattaaffiin taasifamu cimuu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Intarpiraayizoota 1000 ol ta’aniif bakki hojii kennamuu, dhaabbilee huccuu, oomisha daabboo, fi dameelee adda addaa irratti bobba’aniif walitti hidhamiinsi gabaa uumamuu ibsaniiru. Magaalaa Finfinnee mallattoo badhaadhina misooma magaalaa taasisuuf tattaaffii taasifamaa ture kan dinqisiifatamu ta’uu kantiibaan Adaanachi ibsuun, misooma koriidarii, ijaarsa mana jireenyaa fi dhiyeessii, akkasumas iddoowwan qulqulluu fi jireenyaaf mijatoo ta’an uumuu irratti bu’aan dinqisiisaan galmaa’uu isaa hubachiisaniiru. Rakkoolee kenniinsa tajaajilaa keessatti mudataniif furmaata waaraa kennuuf sirni ammayyaa, teknooloojiin deeggarame hojiirra oolaa jiraachuus ibsaniiru. Kantiibaan Adaanech akka jedhanitti, dhaabbileen 13 tajaajila 107 karaa wiirtuu tajaajilaa tokkoo Addis Mesoobitti kennaa akka jiran eeruun, tajaajila kana daran babal’isuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan. Magaalaa Finfinneetti bu’aa dameelee tokkoon tokkoon argame daran guddisuuf hoggansi qajeelfama ariitiinii fi kalaquu jedhu hordofuun firii olaanaaf carraaquu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru kenniinsa tajaajilaa fooyyessuuf kutannoon hojjechuu akka qabus cimsanii dubbataniiru.
Hirmaannan Itiyoophiyaa yaa’ii biyyoota Garee 20 irratti taasifteen bu’aa dippiloomaasii olaanaa argatte
Nov 27, 2025 216
Sadaasa 18/2018(TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii miseensota biyyoota Garee 20 irratti taasifteen bu’aa dippiloomaasii olaanaa galmeessifteetti jedhan dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaassaaddar Nabiyaat Geetaachoon hojiilee damichaan hojjetaman ilaachisee ibsa torbee kennaniin. Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaassaaddar Nabiyaat Geetaachoo hojiilee gurguddoo dippiloomaasii ilaachisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniin, Itiyoophiyaan yaa’ii jijjiirama qilleensaa addunyaa 32ffaa(COP32) qopheessuuf filatamuun ishee bu’aa dippiloomaasii isa olaanaa ta’uu eeraniiru. Kunis Itiyoophiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaan beekamtii idl addunyaa argachaa dhufuusheef agarsiiftuu guddaadha jedhan. Itiyoophiyaan misooma koriidaraan,magaalota qulqulluufi magariisummaa qabdu babal’isuun, tarkaanfiiwwan gurguddaa fudhatte beekamtii kenneeraafii jedhan. Itiyoophiyaan yaa’ii 2ffaa haala qabeeyna qilleensa Afrikaa milkaa’inaan keessummeessuun ishees milkaa’ina birooti jedhaniiru. Kunis Itiyoophiyaan dhagahamummaan ishee idil addunyaatti dabalaa jiraachuu kan agarsisudha jedhan. Kunis turizimii Itiyoophiyaa beeksisuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu imaniiru. Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiyoos Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti yaa’ii qabeenya qilleensa (COP 32) pireesidaantii bakka bu’aa ta’anii filatamuun isaanii milkaa’ina Itiyoophiyaa kan biroo ta’uu ibsaniiru. Muummichi Ministiraa Dr. Abiy Ahmad yaa’ii Garee 20 irratti haasaa taasisaniin ajandaa Afrikaanota hundaa ta’uu ibsameera. Hoggantoota dureewwan biyyootaafi dhaabbileewwan hedduu waliin marii kan taasisan ta’uu eeruun,kanaanis hariiroon biyyoota lameenii akka guddatu ta’eera jedhan. Kanaanis michummaa misoomaa, dhimmoonni naannoofi idil addunyaa dabalatee dhimmoota hedduu irratti mari’atameera. Kunis dippilomaasiin Itiyoophiyaa sadarkaa olaanaa irra gahuu isaaf agarsiiftuu ta’uu himaniiru.

Hawaasummaa
Badhaasni Miidiyaa “IGAD” sadaffaan har'aa fi boru magaalaa Finfinneetti gaggeeffama
Nov 29, 2025 51
Sadaasa 20/2018(TOI)- Sirni Badhaasaa IGAD Miidiyaaf qopheesse marsaa 3ffaan bara 2025 har'aa fi boruu magaalaa Finfinnee Hoteela Iskaaylaayititti gaggeeffama. .Badhaasni baranaa kun mata duree "Gabaasa haala qilleensaa bu’a qabeessa ta’e, riijinii nageenya, jabinaa fi tasgabbii qabuuf’" jedhuun kan qophaa’e ta’uun himameera. IGAD sagantaa badhaasaa baranaa kana mootummaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun kan qopheesse yoo ta’u, dameewwan 10 irratti dorgomtoota injifatan ni badhaasa jedhameera. Miidiyaan ‘Pulse of Africa’(POA)n michuu miidiyaa addaa badhaasichaati. Baankiin Afrii’egziim sagantichaaf deeggarsa taasisuu beeksiseera. Badhaasni bara kanaa gaazexeessitootaa fi ogeessota fiilmii jijjiirama qilleensaa bu’a qabeessa ta’e Gaanfa Afrikaa keessatti galmeessaniif beekamtii kenna. IGAD ibsa TOIf ergeen, sagantaa guyyoota lamaaf turu kana keessatti gabaasaalee fi yaadota haala qilleensaa ciccimoo, akkasumas tumsa naannoo irratti xiyyeeffachuun gabaasni kan dhiyaatuu fi ilaalaman ta’uu ibseera. Badhaasni Miidiyaa IGAD bara 2025 dameelee 10n kan gaggeeffamu yoo ta’u, gosoonni badhaasichaa Gaazexeessummaa Maxxansaa, Gaazexeessummaa Raadiyoo, Gaazexeessummaa Televizhiinii, Miidiyaa Dijitaalaa, Suuraa kaasuun, Gabaasa Afaan Dhalootaa/Biyyoolessaa, dhiibbaa uumaa waggaa/kalaqa qabiyyeen, Dhiibbaa uumtota Miidiyaa Hawaasaa, fi Badhaasa Ga’umsa Umurii guutuu ta’uu ibsameera. Badhaasni Miidiyaa IGAD bara 2023 irraa eegalee waggaa waggaan kan gaggeeffamu yoo ta’u, badhaasni bara 2023 Jibuutiitti, badhaasni bara 2024 immoo Keeniyaa Naayiroobiitti kan gaggeeffame ta’uun isaa ni yaadatama.
Dhukkuba Kalee akkamitti ittisuun danda’ama?
Nov 28, 2025 140
Ispeeshaalistii kalee kan ta’an Dr. Lejaa Hamzaa turtii TOI waliin taasisaniin akka himanitti, tarkaanfiiwwan dadhabina kalee ittisuuf fudhataman ibsaniiru. Haaluma kanaan: 👉 Dadhabbina kalee ittisuuf 📌 Dhibee kaleef sababa kan ta’an beekuu fi irraa fagaachuu 📌 Dhukkuba Sukkaraa fi dhiibbaa dhiigaatiif hordoffii gahaa gochuu. 📌 Hir’ina dhiigaa, dadhabbii, goginsa gogaa fi hooksisuu, fedhii nyaataa dhabuu fi ol ol jechisiisuu, dhiita’uu qaamaa, fi hammi fincaanii hir’achuu yoo uumame hatattamaan yaala barbaachisu argachuu 📌 Fudhannaa qorichaa sirreessuu fi qoricha kalee miidhuu danda’u fudhachuu dhiisuu 📌 Furdina garmalee hir’isuu; araada hamaa irraa of eeguu 📌 Haala soorata ofii sirreessuu (qulqullinni isaa kan eegame; nyaata madaalawaa; soorata manatti qophaa’an soorachuu) 📌 Ashaboo (soogidda), cooma, bu’aalee foonii, bu’aalee aannanii fi soorata saamsaman soorachuu hir’isuu
Itiyoophiyaan yaa’ii walii galaa wagga dhaabbata poolisii idil addunyaa Intarpool 96ffaa A.L.A bara 2028 gggeeffamu akka qopheessitu filatamte
Nov 27, 2025 202
Sadaasa 18/2018(TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii walii galaa wagga dhaabbata poolisii idil addunyaa Intarpool 96ffaa A.L.A bara 2028 gggeeffamu akka qopheessitu sagalee guutuun filatamteetti. Sagalee guutuun kan filatamte yaa’ii wagga walii galaa Intarpool 93ffaa Morookoo Marakaashitti gaggeeffamaa turerratti ta’uu poolisiin federaalaa ibsa TOI’f ergeen beeksiseera. Itiyoophiyaan konfaransii Intarpoolii riijinaalaa Afriikaa 26ffaa Afriikaa Kibbaa Magaalaa Keeptaawunitti gaggeeffamerratti konfaransii riijinaalaa Afriikaa Intarpoolii A.L.A bara 2027 gaggeeffamu akka qopheessitu filatamuunshee niyaadatama.
Itiyoophiyaan balaa ibiddaa gamoo bulchiinsa addaa Chaayinaa Hongi Koongirra gahetti gadduushee ibsite
Nov 27, 2025 178
Sadaasa 18/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan balaa ibiddaa gamoo bulchiinsa addaa Chaayinaa Hongi Koongirra gahetti gadduushee ibsiteetti. Ministirri dhimma alaa ibsa baaseen maatilee miidhamtootaa fi lammiilee balaa gaddisiisa kanaaf saaxilamaniif jajjabina akka hawwu ibseera. Yeroo rakkinaa kana Itiyoophiyaan ummataa fi mootummaa Chaayinaa cinaa akka dhabattu ibseera.
Diinagdee
Misoomni bakkeewwan hawata turizimii damichaaf gumaacha olaanaa buuseera
Nov 29, 2025 48
Sadaasa 20/2018(TOI)-Mootummaan xiyyeeffannoo misooma bakkeewwan hawwata turizimiif kenneen damicha haala olaanaan dadammaksuun,guddina diinagdeef shoora olaanaa bahachaa jira. Dameewwan Itiyoophiyaan yeroo dhiyoo asitti diinagdee adda addaa ijaaruu irratti xiyyeeffattee hojjechaa jirtu keessaa tokko turizimiidha. Kanaanis bakkeewwan haaraa hawwaata turizimii ta’an misoomsuufi kan kanaan dura turan haaromsuun bal’inaan hojiirra oolaa kan jiru yoo ta’u, kunis yaa’insa turistootaa dabaluun cinatti guddina diinagdee biyyaafis shoora olaanaa bahachaa jiraachuu ibsameera. Pireezidaantiin Waldaa Tuur Opereetar Itiyoophiyaa obbo Fitsum Gazaanyi TOItti akka himanitti, mootummaan damee turizimii utubaawwan diinagdee shanan keessaa tokko taasisee fudhachuun hojiin hojjete bu'aa argamsiisaa jira. Kunis dameen turizimii diinagdee biyyaa keessatti gaheen inni qabu guddachuu eeraniiru. Turizimii biyya keessaa babal’isuun barbaachisummaa hawaasummaa fi diinagdee damichaa guddisuu qofa osoo hin taane, hariiroo hyawasummaa cimsuuf gumaacha olaanaa qaba jedhan. Itiyoophiyaan bakkeewwan hawwata turizimii misoomsuu fi beeksisuuf hojiiwwan hojjette biyyoota biroof muuxannoo ta’uu kan danda’u raawwachuu akka dandeesses ibsaniiru. Kunis dorgomtummaa damee turizimii fi faayidaan diinagdee namoota damee kanarratti hirmaatan akka dabalu taasiseera jechuun ibsaniiru. Akka abbaan qabeenyaa fi hoji gaggeessaan dhaabbata ‘Teemaa Tuur Itiyoophiyaa’’ Tewoodiroos Solomoon jedhanitti, misoomni bakkeewwan hawwata turizimii qabeenya turizimii Itiyoophiyaa addunyaaf beeksisuuf gargaareera. Itti dabaluunis, misoomni bakkeewwan hawwata turizimii carraa hojii damichaa babal’isuuf haala mijataa uumeera jedhan. Ministeera Tuurizimiitti Daarektarri Olaanaa Damee Piroomooshinii obbo Tashoomaa Takiluu akka ibsanitti, mootummaan damee turizimii haaromsuu fi gumaacha dinagdee keessatti qabu guddisuuf tarkaanfii fudhachuu isaa ibsaniiru. Xiyyeeffannaan damee turizimiif kenname carraa hojii uumuu fi yaa’insa turistootaa dabaluu keessatti gumaacha olaanaa kan qabu yoo ta’u, galiin damicharraa argamu akka dabalu taasiseera jedhan.
Godinichatti qonna jallisii qamadii Boneen lafti heektaarri kuma 16 ol sanyiin uwwifameera
Nov 29, 2025 38
Sadaasa 20/2018(TOI)- Godina Harargee Lixaatti qonna jallisii qamadii Boneen lafti heektaarri kuma 16 ol sanyiin uwwifamuu waajjirri qonna godinichaa beeeksise. Akka Waajjirri Qonnaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa godinichaa ibsetti, misooma qamadii jallisii Boneen misoomsuuf lafa heektaara kuma 81 ol marsaa lamaan karoorfamee hojjetamaa jira. Waajjirichatti dursaan garee misooma qamadii obbo Habiib Abdulkariim TOItti akka himanitti, baatii Fulbaana darberraa eegalee lafti heektaara kuma 24 ol qotuun sanyiif kan qophaa’e ta’uu eeruun, kana keessaa heektaarri kuma 16 ol sanyiidhaan kan uwwifame ta’uu ibsaniiru. Lafti hanga ammaatti sanyiidhaan uwwifame irra caalaan isaa, qonnaan bultoota waldaadhaan gurmaa’anii fi paampii ykn motora bishaaniin hojjetu fayyadamuun kilaastaraan kan misoomsaman ta’u himaniiru. Erga misoomni qamadii jallisii Bonee godinicha keessatti eegalamee kaasee hammi lafa misooma kanaan uwwifamee fi hirmaannaan qonnaan bultootaa waggaa waggaan dabalaa dhufeera jedhan. Waajjirichatti dursaan garee itti fayyadama jallisii fi hirmaannaa uummataa obbo Abdallaa Muzammiil akka jedhanitti; bara kana qonnaan bultoota misooma kanarratti hirmaataniif paampii ykn motoroota bishaan harkisan kuma lamaa ol raabsuuf kan karoorfame yoo ta’u, hanga ammaatti walakkaa ol kan raabsame ta’uu ibsameera. Itti aanaan bulchaa aanaa Gammachiis obbo Ramadaan Abdurahamaan akka jedhanitti, Aanichatti bara kana lafa heektaara kuma 10n misooma qamadii jallisii Boneen misoomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti heektaara kuma lamaa ol sanyiin facaafamuu himaniiru. Inishiyeetiiviin Misooma Qamadii Jallisii Bonaa aanichatti erga hojiirra oolee as misooma qonnaa keessatti haaromsi akka mul’atee fi qonnaan bultoonni yeroo isaanii guutuu itti fayyadamuun, bishaan lafa jalaa paampiin harkisuun misooma qonna jallisii Bonee irratti hirmaachaa jiraachuu eeraniiru. Godina Harargee Lixaatti bara darbe lafa heektaara kuma 80 qamadii jallisii Boneen misoome irraa kuntaala miiliyoona lamaa ol argameeera.
Godina Iluu Abbaa Booritti lafa hektaara kuma 17 ol irratti mi’eessituuwwan adda addaa misoomaa jira
Nov 29, 2025 43
Sadaasa 20/2018(TOI)- Godina Iluu Abbaa Booritti lafa hektaara kuma 17 ol irratti mi’eessituuwwan adda addaa misoomu waajjirri qonnaa Godinichaa ibse. Itti Gaafatamaan waajjira Qonnaa Godina Iluu Abbaa Boor obbo Chaalaachoo Addunyaa Godinichatti lafa hektaara kuma 17 oliirraa calla kuntaala Kuma 800 ol walitti gabuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Godinichi misooma Qonnaaf humna qabu gara bu’aatti jijjiiruun fayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuuf galtee fi sanyii filatamaan dhihaachuu dubbataniiru. Godinichatti misooma mi’eessituuwwaniif haala mijataa jiru fayyadamuun Qonnaan Bulaan Kororimaa, Barbaree,gijinbilaa fi Irdii misoomsuun Dinagdeesaa akka guddisuuf deeggarsaa fi hordoffiin taassifamaa jira. Qonnaan Bultoota Misooma mi’eessituuwwan adda addaarratti bobba’an keessaa jiraataa Aanaa Mattuu ganda Burruusaa Obbo Jamaal Usmaan akka jedhanitti lafa qabanirratti Kororimaa Misoomsuu eegaluun waggoota muraasa keessatti fayyadamaa ta’uu dubbataniiru. Waggaa darbe kororimaa misoomsanirraa galii birrii kuma 100 ol waan argataniif hojicha babal’isuun bara omishaa kanatti garii birrii kuma 300 ol argachuuf cimanii hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Godinichatti jiraataan Aanaa Buree obbo Bafiqaaduu Abdiisaa gamasaaniin, lafa hektaara walakkaarratti barbaree omishuun birrii kuma 100 ol argachusaanii dubbataniiru. Fayyadamummaa misoomicharraa argatan guddisuuf hojicha caalatti babal’isuun akka hojjetan kaka’umsa isaaniif uumuu ibsaniiru. Obbo Usmaan Taaffasaa gamasaaniin hojii misooma Barbareen jireenya Dargaggootaa fi jiraattota hawaasa naannichaa hedduu jijiiraa jiraachuu kaasuun kunis hojichaaf xiyyeeffannoo akka kennan isaan taassisuu dubbataniiru. Hojii barabaree bara darbeerraas galii birrii kuma 200 tti dhihaatu argachuusaanii dubbataniiru.
Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa bu’ura seena fi seera kan qabudha – Hayyoota
Nov 29, 2025 50
Sadaasa 20/2018(TOI)- Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa bu’ura seena fi seera kan qabu ta’uu Yunivarsiitii wallootti hayyoonni seenaa fi saayinsii siyaasaa ibsan. Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa dhimma birmadummaa fi dhalootaa akkasumas bu’ura seenaa fi seeraa kan qabu akka ta’edha kan dubbatan. Gaaffii abbummaa ulaa galaanaa ilaalchisuun TOI’n Yunivarsiitii Wallootti barsiisaa seenaa fi qorataa Dr. Gaashawu Mahaammad fi barsiisaa saayinsii siyaasaa fi hariiroo idil addunyaa Indiriis Huseen haasofsiiseera. Hayyoonni kunneen akka ibsanitti, Itiyoophiyaan abbummaa ulaa galaanaa shiraan dhabde bu’ura seeraa kan qabu dhimma jiraachuuti. Guddina si’ataa amma dhufe itti fufsiisuu fi dhageettii addunyaarratti qabdu caalaa guddisuuf abbummaan ulaa galaanaa qooda olaanaa qaba jedhaniiru. Guddina baay’ina ummata Itiyoophiyaa dabalaa dhufe keessummeessuu danda’uu itti fufsiisuu fi biyyoota riijinichaa waliin misoomuuf akka deeggaru ibsaniiru. Haala Kanaan gaaffiin kun seena qabeessaa fi bu’ura seeraa kan qabu akkasumas haqa lammiileen tumsaafii jiran ta’uu kaasaniiru. Fedhiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma jiraachuu dhalootaa ta’uu ibsanii, waliin tumsinee yeroon abbaa ulaa galaanaa itti taanu as dhihoodha jedhan. Dhimmoota seenaa fi seeraa biyyoottanii walitti hidhuun abbummaa ulaa galaanaa milkeessuuf adeemsi jiru dinqisiisaa ta’uu eeranii, ammas taanaan tumsa dippilomaasii fi dinagdee bu’uureffachuun itti fufuu akka qabu dubbataniiru. Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hundi qoodasaa bahu akka qabu hayyoonni kunneen ibsuuni, gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa fala akka argatu waan nurraa barbaadamu hunda gochuuf qophofneerra jechuun mirkaneessaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Naannoo Harariitti lammiileen kuma 7 fi 500 leenjii Itiyoo Koodarsi xumuranii waraqaa ragaa argataniiru
Nov 25, 2025 229
Sadaasa 16/2018(TOI)-Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Harariitti lammiileen kuma torbaa fi 500 leenjii Itiyoo Koodarsi fudhatanii xumuranii waraqaa ragaa argachuu isaanii Ejansiin Innoveeshinii fi Teekinooloojii naannichaa ibseera. Hogganaa Ejansichaa obbo Jamaal Ibraahiim TOItti akka himanitti, naannichatti laanjii Itiyoo Koodarsi kan fudhatan hanga ammaatti lammiilee kuma 16 ta’uu eeraniiru. Lammiileen kuma 7 fi 500 leenjii Itiyoo Koodarsi xumuranii waraqaa ragaa argataniirus jedhan. Bara bajataa kanatti dargaggoota naannichaa kuma 15 ol fayyadamoo taasisuuf karoorfamuukan ibsan obbo Jamaal, ji’oota afran darban keessatti dargaggoonni kuma 6 fi 500 ol leenjii kanaan fayyadamoo ta’uu himaniiru. Sagantaa kanaan pirogiraamiingii, saayinsii daataa, Andirooyidii, hubannoo namtolchee(AI) fi dhimmoota kanaan walqabatan irratti leenjiin akka kennamus ibsaniiru. Leenjichi dargaggoota ogummaa gonfachiisuun dabalatatti, dorgomtootaa fi kalaqa irratti akka hirmaataniif carraa hojii haaraa akka uumaan taasisa jedhan. Sagantaan leenjii Itiyoo Koodarsi miliyoona shan naannichatti akka karoorfametti hojiirra oolaa jiraachuus akeekaniiru. Dargaggoonni leenjii naannichatti hin fudhannes gara fuulduraatti galmaa'anii leenji'uun carraa argame irraa fayyadamoo akka ta'an itti gaafatamaan naannichaa waamicha dhiyeessaniiru. Leenjiin koodaroota miliyoona shan kun dargaggoonni sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa akka ta’an taasisaa akka jirus ni beekama.
Qulqullina Tajaajila fayyaa eegsisuuf dhaabbileen Barnota olaanoo hojii Qorannoorratti xiyyeeffachuu qabu
Nov 24, 2025 227
Sadaasa15/2018(TOI )-Qulqullina tajaajila fayyaa eegsisuuf dhaabbileen Barnota olaanoo hojii Qorannoorratti xiyyeeffachuu akka qaban Barsiisonni damee fayyaa hubachiisan. Waltajjiin marii Kenninsa Barnoota Fayyaa Ammayyeessuun ogeeyyii gahomani horachuurratti xiyyeeffate magaala Ambootti gaggeeffameera. Waltajjii marii kanarratti kan hirmaatan Kolleejjii Fayyaa Yunvarsiisttii Ambootti Gargaaraan Piroofeesaraa Muluu Kitaabaa, tajaajila fayyaa Qulqullina qabu hawaasaaf dhaqqabamaa taassisuuf damichaan humna namaa gahoomee fi dorgomaa ta’e horachuun barbaachisaadha jedhaniiru. Hojiirra oolmaasaatiif qooda fudhattoota Dhaabbilee Barnoota Olaanoo waliin qindoomuun humna namaa horachuuf hojii qorannoo fi qo’annoo qabatamaan deeggarame hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru. Kenninsa Barnoota fayyaa ammayyeessuun hojii fayyaa dhukkuba ittisuu fi yaalanii fayyisuu Mootummaan hojiirra oolche milkeessuuf bu’uura ta’uu dubbataniiru. Waltajjiin marii Qopheessummaa Yunvarsiitii Amboon gaggeeffame qaama kanaa ta’uu eeruun Yunvarsiitiin Amboo gama Kanaan kenninsa Barnoota fayyaa qorannoo fi qo’annoon deeggaruun yericha wajjin wal-simsiisuurratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru. Kessumaa Yunvarsiitiin Amboo, Yunvarsiitii Jimmaa fi yuunvarsiitii Noorweey V.I.D. waliin hojjechuun barattoota damee fayyaa Digirii 2ffaa fi 3ffaa baratan hojii qorannoo fi qo’annoo gaggeessan rakkoo hawaasaa qabatamaan akka furaniif hojiin gorsaa waloon raawwatama jedhaniiru. Yunvarsiitii Kolleejjii fayyaa Jimmaatti Gargaaraan pirofeesaraa Abbabaa Abarraa gamasaaniin, Barnoota fayyaa bu’aa qabeessa taassisuuf tumsi hayyootaa fi qooda fudhattootaa murteessaa ta’uu ibsaniiru. Waltajjiin marii qopheessummaa Yunvarsiitii Amboon gaggeeffame kenninsa barnoota fayyaa qabatamaan deeggaruunii fi hojii qorannoo fi qo’annoo sagantaa guutuun olitti rakkoo hawaasaa kan furan yaada galtee imaammataa akka ta’aniif kan deeggaru ta’uu eeraniiru. Barsiisaa fi qorataa Yunvarsiitii Noorweey Dr.Tasfaayee Lataa kenninsa barnoota fayyaa teekinooloojii Ammayyaa yericha gituun deeggaruun kennamuun ogeeyyii cimoo fi gahumsa qaban horachuuf akka deeggaru ibsaniiru. Kanaanis tumsi Yuunvarsiitonni eegalan damicha fooyyessuun gumaacha gaarii qabaata jedhaniiru.
Tajaajilli wiirtuun tokkoo Masoob magaalaa Jimmaa ifaajii fi dadhabbii hambisuun, yeroo fi humna keenya nuuf qusateera-Tajaajilamtoota
Nov 20, 2025 348
Sadaasa 11/2018(TOI)- Wiirtuun tajaajila tokkoo (MESOB),magaalaa Jimmaa ifaajiifi dadhabbii hambisuun, yeroofi humna nuuf qusateera jedhan tajaajilamtoonni magaalaa Jimmaa. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob sirna teeknooloojiin deeggaramuun, dhimmoota kenniinsa tajaajilaa irratti komii fi hudhaalee gama kanaan hawaasni kaasaa ture, hojmaata itti fufiinsa qabuun furuuf kan qophaa’e dha. Kenniinsa tajaajilichaa ilaalchisee turtii TOI waliin kan taasisan fayyadamaan wiirtuu sanaa obbo Mo’aaz Jihaad lakkoofsa gibiraa baafachuuf akka dhaqan himuun, tajaajila argatanitti gammaduun yeroo isaanii kan qusateef ta’uu dubbataniiru. Fayyadamaan tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob dargaggoo Asras Yohaannis, gama isaatiin, eeyyama konkolachisaa haaromsachuuf gara dhaabbatichaa kan deeme ta’uu eeruun, kanaan dura kenniinsa tajaajilaa waliin walqabatee hudhaaleen turan, wayita ammaa yeroo gabaabaa keessatti keessummeeffamuu ragaa baheera. Kenniinsi tajaajilichaas ammayyaa fi si’ataa waan ta’eef itti fufuu akka qabus dhaameera. Fayyadamtoota biroo aadde Indiyaa Mohaammad Amiinii fi aadde Kamiilaa Jamaal, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob yeroo fi rakkina odeeffannoo barbaaduu fooyyesseera jedhan. Tajaajilli kanaan dura ture beellama yeroo dheeraa qabsiisuu ture, ifaajii fi rakkoo hamaaf nu saaxilaa ture, amma garuu tajaajila si’ataa argachuun, yeroo fi maallaqa nuuf qusateera jedhan tajaajilamtoonni kunniin. Kenniinsa tajaajilaa argatanittis gammadoo ta’uu isaanii himaniiru. Tajaajilii si’ataa fi ariifataan akkanaa jalqabame itti fufuu akka qabu dhaamaniiru. Magaalaa Jimmaa tajaajila wiirtuu tokkoo Masoobitti , itti aanaa hojii gaggeessaa obbo Jamaal Saaliin akka jedhanitti, tajaajilli ammayyaa kun bifa guutuu ta'een, ogeessota leenji'anii fi teeknooloojiin deeggaramee kennamaa jira. Itti dabaluunis tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob kun waajjiraalee 25 keessatti tajaajila gosa adda addaa 130 ol ta’een, teeknooloojiin deeggaramuun kennamaa jira jedhan. Kunis hojmaata badaa hambisuunii fi itti quufinsa tajaajila maamilaa guddisuun shoora olaanaa bahataa jira jedhaniiru obbo Jamaal.
Baankiiin Daldala Itiyoophiyaa aggaammii saayibarii dursanii to’achuuf isa dandeessisu horachaa jiraachuu beeksise
Nov 20, 2025 324
Sadaasa11/2018- Baankiiin Daldala Itiyoophiyaa aggaammii saayibarii dursanii to’achuuf isa dandeessisu horachaa jiraachuu beeksiseera. Baankichi baatii 2ffaa Nageenya Saayibarii yeroo kabajutti, Pirezidaantiin itti aanaa Tajaajila Korporeetii Baankichaa obbo Efreem Makuriyaa akka jedhanitti, Itiyoophiyaan misooma dijitaalaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennaa jirti. Kanumaan wal qabatee, boqonnaa jalqabaa tarsiimoo Dijitaalaayizeeshiniin gaggeeffamu (2020-2025) milkaa'inaan xumuruun gara boqonnaa Tarsiimoo Dijitaalaayizeeshinii 2ffaa (2025-2030)tti ce’uu ibsaniiru. Bittaa fi gurgurtaa waliigalaa baankichaa keessaa %90 gama dijitaalaan taasifamuu eeruun, kanas caalaatti guddisuuf hojjatamaa jiraachuu himaniiru. Kutaaleen nageenya saayibarii Tarsiimoo Nageenyaa hubannoo namtolcheen (AI)n deeggaramu hojiirra oola jedhaniiru. Aggaammii Saayibarii ittisuuf tumsi akka barbaachisu dhaamaniiru. Haleellaa saayibarii ittisuun hojii qaama tokkoo qofa akka hin taane eeruun, qaamotni dhimmi ilaallatu tumsa isaanii cimsuu akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.
Ispoortii
Fiigichi kiiloo meetira 10 ayyaana hundeeffama human qilleensaa FDRI 90ffaa boru Bishooftuutti gaggeeffama
Nov 29, 2025 67
Sadaasa 20/2018 (TOI)- Fiigichi kiiloo meetira 10 idil addunyaa Bishooftuu daandiirraa ayyaana hundeeffama human qilleensaa FDRI 90ffaa sababeeffachuun qophaa’e boru Bishooftuutti gaggeeffama. Humni qilleensaa FDRI ayyaana hundeeffamasaa 90ffaa qophiilee garagaraan kabajaa jira. Fiigichi daandiirraa km. a0 daandiirraa idil addunyaa Bishooftuu qama hundeeffamaa ta’e kun boru Sadaasa 21 bara 2018 ni gaggeeffama. Namoonni kuma 25 caalan dorgommii kanarratti akka hirmaatan federeeshiniin atileetiksii Itiyoophiyaa beeksiseera. Atileetonni biyya alaa fiigicha daandiirraa kanarratti akka hirmaatan ibsameera. Saala lamaanuu dorgommicha kan mo’atan badhaasa walfakkaataa birria kuma 500 shan nibadhaafamu. Atileetota 2ffaa bahaniif birrii kuma 250, 3ffaa kan bahaniif birrii kuma 100, 4ffaa kan bahaniif birrii kuma 50, 5ffaa kan bahaniif immoo birrii kuma 25 akka badhaafaman beeksifameera. Federeeshinichi sadarkaa kilabichaatti atileetonni saala lamaaniinuu sadarkaa tokkoffaa bahan badhaasa birrii kuma 100 akka argatan beeksiseera. Humna qilleensaa Federaala Dimookiraatawaa Itiyoophiyaatti ajajaan olaanaa letenaal jeneraal Yilmaa Mardaasaa kabaja guyyaa ayyaana waggaa 90ffaa humna qilleensaa Itiyoophiyaa ilaacisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin ‘humna qilleensaa Itiyoophiyaaf humna koo guutuun nan fiiga’ dhaadannoo jedhuun fiigichi dorgommii kiloomeetira 10 akka adeemsifamu ibsaniiru. Fiigichi kun waggaa waggaan kan gaggeeffamu ta’uu fi namni hundi fiigicha kana irratti hirmaachuu akka danda’u hubachiisaniiru.
Maanchistar Siitiin Liidsi Yuunaayitid waliin ni taphatu
Nov 29, 2025 67
Sadaasa 20/2018(TOI)-Sagantaan Pireemer Liigii Ingliz torban 13ffaan har’a eegala Taphoonni shan yerichatti gaggeeffamu. Maanchister siitii fi liidis yuunaayitid waliin Istaadiyeemii Itihaaditti Galgala sa’aatii12:00 ni taphatu. Tartiiba sadarkaa liigichaan Maanchister siitiin qabxii 22n sadarkaa 3ffaa irratti argama. Liidis yuunaayitid qabxii 11n sadarkaa 18ffaa qabatee sadarkaa gadiirratti argama. Maanchister siitiin Liigichatti taphoota 12 gaggeesseen, yeroo 7 injifatee yeroo 4 mo’ameera. Tapha tokko hafeen qixaan adda baheera. Taphicharratti galchii 24 yoo lakkoofsisu galchii 10 keessummeesseera. Morkataansaa Liidis Yuunaayitid taphoota liigichaa 12 keessaa 3 yoo injifatu , yeroo 7 mo’ameera. Taphoota lamaan immoo qixaan adda baheera. Galchii 11 yoo lakkoofsisu galchiin 22 keessummeesseera. Gareewwan lamaan Piriimer Liigii Ingilizitti walitti kan dhufan kun yeroo 21ffaa dha. Taphoota ammaan dura 20 gaggeessaniin Maanchister siitiin yeroo 8 yoo injifatu , Liidis yunaayitid yeroo 7 injifateera. Taphoota shaniin qixa adda bahaniiru. Maanchistar siitiin taphoota 20 irratti galchii 32 yoo lakkoofsisu , Liidis Yuunayited galchii 24 lakkoofsiseera. Kilaboonni lameen yeroo dhumaaf liigichatti kan walitti dhufan A.L.A bara 2023 yoo ta’u tapha wayita sana gaggeessaniin Maanchister siitiin 2 fi 1 injifateera. Tapha har’aan Maanchister siitiin yoo injifate garagarummaa qabxii dursaa liigichaa Arsenaal waliin qabu gara 4tti gad busa. Faallaasaan Liidis Yuunaayitid taphichaan qabxii sadii yoo argate sadarkaa gad bu’aa keessaa ni baha. Sagantaawwan biroon Bireentifordi Bernileeyi fi Senderlaandi Bornimawuz waliin haaluma wal-fakkaatuun galgala sa’aatii 12:00 taphatu. Everteen nuwuukaastil yuunaayitid waliin galgala sa’aatii 2:30 taphatu. Tootenihaam, hotispersi fuulhaamitti galgala sa’aatii 5:00 taphasaanii gaggeessu.
Tapha eegamuun Arsenal Baayer munikiin Mo’ate
Nov 27, 2025 161
Sadaasa18/2018(TOI)-Sagantaa shaampiyoonsi liigii Awurooppaa eegamuun Arsenaal Baayer Muniikiin 3 fi 1 injifate. Liiverpuul gamasaan Injifatameera. Tapha Shaampiyoonsi liigii Awurooppaa galgala Istaadiyeemii Emireetis gaggeeffame Yuuriyen tiimber daqiiqaa 22ffaatti galchiin lakkoofsise Arsenaaliin dursaa taassiseera. Dargaggeessi waggaa 17 Leenarti Karli daqiiqaa 32ffaa tti galchii walqixaa lakkoofsiseera. Noonii Maduweekee daqiiqaa 69ffaa fi Gabri’eel Martiineelii daqiiqaa 76ffaatti galchii lakkoofsiseen injifannoo Arsenaal mirkaneesseera. Kilaboonni kun taphicharratti daawwattootaaf sochii bashannansiisaa argisiiseera. Arsenaal qabxii 15 dursummaa shaampiyoonsi liigii yeroo qabatu Baayer muniik qabxii 12n sadarkaa 2ffaa qabateera. Arsenal shaampiyoonsi liigicharratti yeroo jalqabaaf gooliin yoo keessummeessu BaayerMuniik bara dorgommii kanaa otoo hin mo’amiin ture gufateera. Sagantaa biroon abbaa geeba yeroo 15 Riyaal maadriid dirreen Ala Olompiyaakoosin 4 fi 3 mo’ateera. Kiiliyaan mibaappee goolii Afranuu riyaal maadiriidiif lakkoofsiseera. Chikuwiniho,Mehiidii Tahiremii fi Ayubii Elikabii olompiyaasiif galchii lakkoofsiseera. Abbaan waanchaa morkichaa yeroo ammaa PSG,tootanaam Hootisparsiin 5 fi 3n injifateera. Viitiniyaan galchii sadii lakkoofsisuun hatirikii yeroo hojjetu faabiyaansi ruwiizi fi wiiliyan poottoo galchii hafan lakkoofsisaniiru. Tootinihaamiif Raandaal kolo muwani goolii lama yeroo lakkoofsisu Richarlisen goolii hafan lakkoofsiseera. Lukaas Hernandeez kan PSG, daqiiqaa 93ffaa irratti kaardii diimaan dirree keessaa Arii’ameera. Liiverpuul dirree isaarratti PSV Aayindiven 4 fi 1 mo’ateera. Kohohayib diru ‘ech galchii lama yeroo lakkoofsisu Gusteel taphaa fi Ivan pireesich rukkuttaa Adabbii gooliiwwan hafan lakkoofsisaniiru. Doomnik sibozilaay goolii tokkicha liiverpuliif galcheera. Taphoota biroo keessatti inter miilaan Atileetikoo Maadiridiin 2 fi 1 injifateera. Atilaantaan Aayintiraakti Firaankifertiin, ispoorting liizban kilab Biruuj wal walfakkeenyaan 3 fi 0n injifataniiru. Taphoota har’a dura gaggeeffaman keessatti, koopanhaagen kaayiraat Almaatiin 3 fi 2 yoo injifateera, paafos fi monakoon immoo 2 fi 2n wal-qixaa bahaniiru.
Itiyoophiyaan Keeniyaa mo’achuun dursaa garichaa ta’uun xumurteetti
Nov 26, 2025 149
Sadaasa 17/2018(TOI)-Tapha ramaddii tokkoo gulaallii Seekaafaa Waancaa Afriikaa wagga 17 gadii 16ffaan Itiyoophiyaatiin qopheessituu kan taate Itiyoophiyaan galchii 1 fi 0’n Keeniyaa mo’atteetti. Injifannoo kana hordofuun dursitee gara xumura walakkaatti kan dabarte Itiyoophiyaan qabxii 10niin ramaddii tokko dursuun xumurteetti. Keeniyaan qabxii 7’n lammaffaa bahuun xumurteetti. Garichi xumura walakkaaf darbuunsaa nibeekama. Itiyoophiyaan Dilbata dhufu Sadaasa 21 bara 2018 ramaddii lamaan irraa xumura walakkaatiin lammaffaa baatee kan xumurte Yugaandaa waliin ni taphatti. Taanzaaniyaa fi Keeniyaanis akkanuma xumura walakkaaf nitaphatu. Tapha ramaddii tokkoo har’a gaggeeffame kan biraatiin Sudaan Kibbaa galchii 2 fi 1’n Ruwaandaa mo’atteetti.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos bakka bu’aa pirezidaantii Koop32 ta’uun ramadaman
Nov 26, 2025 157
Sadaasa 17/2018(TOI) Mootummaan Ministira dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos bakka bu’aa pirezidaantii Koop32 gochuun ramadeera. Waajjirri ministira muummee akka beeksisetti akkaataa konveenshinii hammattoo jijjiirama haala qilleensaa mootummoota gamtoomaniitiin Itiyoophiyaan Koop32 waan qopheessituuf ministira dhimma alaa mootummaan Itiyoophiyaa kan ta’an Dr. Geediyoon Ximootiwoos bakka bu’aa pirezidaantii koop32 gochuun wayita ibsu gammachuutu itti dhagahama. Doktar Geediyoon hooggantoota biyya keessaa, qaamolee mootummoota gamtoomanii fitumsitoota idil addunyaa waliin tumsuun qophii Koop32 agga hoogganan beeksiseera. Biyyoonni miseensa konveenshinii hammatto jijjiirama haala qilleensaa mootummoota gamtoomanii itti gaafatama qophheessummaa Itiyoophiyaaf kennuusaaniif mootummaan Itiyoophiyaa galateeffachaa qindeessummaa Dr. Geediyoon Ximootiwoosiin hawaasa eegumsa haala qilleensaa addunyaa waliin walitti dhiheenyaan hojjechuuf qophii ta’uu ni ibsa jedheera.
Misoomni qarqara lageenii magaalichaa nageenyi lageenii akka eegamu gahee olaanaa bahachaa jira
Nov 20, 2025 385
Sadaasa 11 /2018(TOI)-Misoomni qarqara lageenii magaalaa Finfinnee bakka aara galfii fi iddoo bashannnanaan dabalatatti, nageenyi lageenii akka eegamu gochuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Magaalattii keessatti balfi dhangala’oowwaniin faalame lageenitti gadhiifamuun lageen faalaa turaniiru. Kunis lageen magaalattii jiraattotaaf, lubbu qabeeyyiif akkasumas biqilootaaf faayidaa kennuun ala, akka sodaatti ilaamaa turani. Miidhaawwan kunneen hambisuuf, magaalittiin misooma koriidaraa jalqabdeen, lageen kanaan dura akka sodaatti ilaalaman yeroo ammaa nageenyi isaanii eegamee bakka bashannaa ta’aniiru. Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa hawaasa naannoo qarqara lageenii bashannanan dubbiseen, misoomni qarqara legeenii kanaan dura sodaa hawaasaa ture yeroo ammaa bakka aara galfii fi bakka bashannanaa ta’uun dabalatatti miidhagina magaalittiif shoora olaanaa bahachaa jiraachuu himaniiru. Obbo Marsaa Baqqalaa fi obbo Girmaayee Fissahaa turtii TOI waliin taasisanin akka jedhanitti, misoomni qarqara lageenii kanaan dura lageen bakka itti balfi gatamu ta’uu fi karaa sana darbuunuu rakkisaa ture wayita ammaa garuu misoomee arguun hedduu kan isaan gammachiise ta’uu dubbataniiru. Misoomni koriidaraa qarqara lageenii kunniin magaalaa Finfinnee miidhagduu akkuma maqaashee taasisaa jiraachuu eeraniiru. Hojiin misooma koriidaraa, kun lageenii fi naannoo isaanii miidhagsuu fi qulqulluu taasisuu qofa osoo hin taanee, muuxannoo fi dandeettii Itiyoophiyaanonni kunuunsaa fi eegumsa naannoo irratti qaban kan mul’ise ta’uu kan ibsan immoo Gaaddisaa Waaqjiraadha. Misooma koriidaraa qarqara lageeniin, bakkeewwan bashannanaa mijatoo hedduun daa’immanii fi dargaggootaaf oolan ijaaramaniiru kan jedhan immoo dargaggoo Solomoon Daawitii fi Abdii Malkaamuudha. Bakki bashannanaa kun yeroo keenya bakka hin taanetti akka hin dabarsineef nu gargaaruun, qilleensa qulqulluu afuura baafachaa, gammachuu guddaa argachuuf carraa nuuf baneera jedhan.
Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaabne kunuunsaa jirra-Qonnaan bultoota
Nov 18, 2025 338
Sadaasa 9/2018(TOI)-Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaaban kunuunsaa jiraachuu qonnaan bultoonni Godina Shawaa Lixaa himan. Qonnaan bultoonni kunniin biqiloota sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaaban irraa faayidaa hedduu argachaa jiraachuu himuun, kunuunsa isaa irrattis xiyyeeffannoon hojjecha jiraachuu dubbataniiru. Qonnan bultoonni aanaa Calliyaa obbo Asfawuu Dinquu fi obbo Fayisaa Qananii, waggoottan darban Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloota dhaabuun isaanii lafa qullaa hafee ture damdamachiisuun dabalatatti, oomishaa fi oomishtummaa isaanii kan dabale ta’uu Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Kanaan dura lafti qonnaa isaanii biyyeen lolaan dhiqamee manca’aa ture, wayita ammaa garuu furmaata argachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa kanattis midhaan dheedhii adda addaa oomishaa jiraachuu eeruun qonnaan bultoonni kunnin, biqiloonni sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman gabbina biyyee dabaluun, miidhagina naannoofis shoora olaanaa bahachuu dubbataniiru. Kanaan dura osoo sagantaan Ashaaraa Magariisaa hin eegalamiin dura, roobni waktiisaa eegee hin roobu ture; amma garuu roobni waqtiisaa eegee akka roobuu fi roobni waktii malee roobees balaa akka hin geessifne nu gargaaruun oomishaa fi oomishtummaa keenya dabaleera jedhan qonnaan bultoonni kunniin. Qonnaan bultoonni kunniin hawaasa naannoo isaanii hirmaachisuun, hojii kunuunsa biyyee, daagaa hidhuu hojjetaniinii fi kunuunsa biqiloota dhaabamaniif taasisaniin jijjiirama fidaa jiraachuu himaniiru. Itti aanaa bulchaa aanaa Calliyaa fi hogganaan Waajjira Qonnaa fi Bulchiinsa Lafaa aanichaa, obbo Hinnahuu Tashoomaa akka jedhanitti, hojii misooma magariisaa godinicha keessatti hojjetamaa jiru keessatti hirmaannaan hawaasaa guddachaa kan dhufe ta’uu ibsaniiru. Aanichatti sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloonni dhaabaman, kunuunfamaa jiraachuu dubbataniiru. Aanichatti erga sagantaan dhaabbii biqilootaa Ashaaraa Magariisaan eegalamee as qabeenyi uumamaa naannoo sanaa miidhagee, haalli qillensaa toluun dabalatatti qonnaan bultoonnis oomishaa fi oomishtummaan isaanii dabaluu himaniiru. Sagantaa misooma Ashaaraa Magariisaa aanicha keessatti adeemsifameen, biqiltuuwwan biyya keessaa dhaabuun, dabalatatti biqiloota soorataaf oolan kanneen akka maangoo, muuzii, avokaadoo fi buna dhaabuun qonnaan bultoonni faayidaa olaanaa irraa argachaa jiraachuu eeraniiru obbo Hinnahuun.
Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessadha- Dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afriikaa
Nov 15, 2025 324
Sadaasa 6/2018(TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa jechuun Durataa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf ibsan. Durataa’aan kun Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuusheen ergaa baga Gammaddanii dabarsaniiru. Murtichi Ityoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa ta’uu dura taa’aan kun ibsuun, kunis kutannoo hin jijiiramne tarkaanfii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf qabdu argisiisa jedhaniiru. Itiyoophiyaan karaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin qooda hoggansa haala jijiirama qilleensaa qabdu ajaa’ibsiifataniiru. Itiyoophiyaan bosona hedduu deebisanii misoomsuu fi Ashaaraa Magariisaa dabalatee tarkaanfiiwwan eegumsa naannoo cimaa fudhachaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Taateewwan Idil-Addunyaa milkaa’inaan keessummeessuun humna dilbii qabaachuushee kaasuun yaa’iiwwan Ardii fi Idil-Addunyaa gurguddoo keessummeessuuf dhaabbatummaa cimaa fi muuxannoo qabdi jedhaniiru. Teessoo Gamtaa Afriiklaa fi Gidduugala Dippiloomaatii Addunyaa kan taate magaalaan Finfinnee yaa’icha akka keessummeessitu filatamuunshee qooda tumsa Gidduugala Idil-Addunyaatti Qabdu Caalaatti akka Guddisuus Ibsaniiru. Komishinichi Itiyoophiyaa, hammattoo jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii (UNFCCC) fi deeggartoota waliin ta’uun (Cop-32) hunda hirmaachisaa fi bu’aa qabeeessa gochuun xiyyeeffannoo duraa haala jijiirama qilleensa Afriikaa caalaatti tarkaanfachiisuu fi Tumsa Idil- Addunyaa cimsuuf dhiheenyatti akka hojjetu ibsuusaanii Gamtichi odeeffannoo TOI’f ergeen ibseera. Yaa’iin haala Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 32ffaan (cop-3o) Biraazil Belemittigaggeeffamaa jiruun Itiyoophiyaan A.L.A bara 2027 gaggeeffamu (cop-32) akka keessumeessitu filatamteetti. Biyyoonni Afriikaa (COP-32) Itiyoophiyaatiif feedhii keessummeessuuf deeggarsasaanii guutuu kennuunsaanii ni yaadatama.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 325
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 9198
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.