Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
​​​​​​​Sosochiin Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu  Namusaa fi Aadaa  Hojii Haaraa Induustirii  dagaagsaa  jira — Tajaajila Komuniikeeshinii Mootummaa
May 3, 2026 21
Ebla25/2018(ENA):- Sosochiin Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu dandeettii teeknikaa bira darbee, namusaafi Aadaa hojii haaraa Induustirii olaanaa uumuu keessatti gahee guddaa taphachaa akka jiru Tajaajilli Kominiikeeshinii Mootummaa beeksise. Kaka'umsa Ministira Muummee Doktoor Abiyyi Ahimadiin kan eegalame sosochiin Itiyoophiyaan Haa omishtuu,waarshaawwan 830 deebisee hojiitti galchuun, oomisha doolaara biiliyoona 4 tuqaa 85 biyya keessatti bakka buusuu fi gurgurtaa alaa (ekspoortii) irraa doolaara miiliyoona 433 galii gochuun, ce’umsa industirii dinqisiisaa galmeessisuunsaa ibsameera. Haa ta'u malee, mootummaan Itiyoophiyaa yeroo sochii kana jalqabu galmi isaa oomisha guddisuu fi sharafa alaa oolchuu qofa akka hin turre tajaajilichi ibseera. Tilmaama dinagdee bira darbee, milkaa’inni hunda caalu fi tarsiimoo’aan kan galmaa’e, humna namaa Itiyoophiyaa maddaa beekumsaa fi dandeettii taasisuu danda'u ijaaruu irratti akka ta'e eerameera. Har'a guddinni manifaakchariingii walitti qabama waarshaawwanii qofa ta'uun hafee, mana barumsaa gochaa(shaakalaa) bal’aa ogeeyyiin fi gaggeessitoonni dandeettii qaban kanneen Itiyoophiyaa boruu ijaaran keessatti horataman ta'uu danda'eera. Ce’umsi kun Itiyoophiyaan waltajjii addunyaa irratti dorgomaa kan ishee taasisu, dhiyeessituu meeshaalee callaa ta'uu irraa gara madda teeknoolojii fi dandeettii dhiyeessuutti kan ol guddisu ta’uu tajaajilichi beeksiseera. Kunis seenaa haaraa hundee Itiyoophiyaa boruutiif bu'uura kaa'u ta'uu tajaajilichi beeksiseera. Jijjiiramni qabatamaan Pirojektoota gurguddoo biyyaalessaa, paarkota induustirii fi Waarshaawwan gurguddoo keessatti argame, cimina imaammata mootummaa gochaan kan mirkaneessu dha jedhameera. Kanaan dura dandeettii fi kaffaltii guddaan lammiilee biyya alaatiin qofa kan gaggeeffamaa turan, Siistemoota teeknoolojii wal-xaxoon, toorawwan oomishaa ammayyaa fi Bu'uraaleen misoomaa softiweerii, har'a guutummaatti injinaroota fi teeknishaanota dargaggoota biyya keessaatiin gaggeeffamaa jiru. Jijjiiramni beekumsaa milkaa'aan kun, mootummaan Imaammata qulqullina qabu bocuu qofa osoo hin taane, Imaammata qabatamaan gara hojiitti jijjiiruu fi raawwachiisuu irratti dandeettii guddaa qabaachuu isaa agarsiistuu ta’uun ibsameera. Dargaggoonni Itiyoophiyaa damee kana keessatti hirmaatanis carraa mijataa isaaniif uumame fayyadamuun, teeknoolojii fudhachuu qofa osoo hin taane, teeknoolojicha dhuunfachuu fi madaqsuu dandeettii qaban gochaan agarsiisaa jiru. Kanaanis Itiyoophiyaan hirkattummaa teeknoolojii waggoota dheeraaf qabdu dandeettii kalaqaa isaaniitiin hambisaa, duudhaa hojii fi boqonnaa seenaa haaraa barreessaa jiraachuu tajaajilichi ibseera. Sochiin "Itiyoophiyaan Haa Oomishu" dandeettii teeknikaa bira darbee, naamusaa induustirii fi duudhaa hojii haaraa ijaaraa jira. Lammiileen damee kana keessatti bobba'an Istaandaardii to'annoo qulqullinaa addunyaa, ittifayyadama yeroo cimaa fi dandeettii gaggeessummaa tarsiimawaa gonfachaa jiru. Hojjettoota sadarkaa gadii irraa ka’ee Kaampaniwwan addunyaa keessatti hanga sadarkaa murteessummaa olaanaatti kan gahan dargaggoonni, "oomishni gaariin" Itiyoophiyaan gabaa Addunyaatiif dhiyeessitu humna namaasaa ta'uu mirkaneessuun eerameera. Mootummaan firii ce’umsa industirii kana kan madalu callaa gurgurtaa alaan qofaan osoo hin taane, lammii oomisha danda'u, teeknoolojiin gonfate fi beekumsaan badhaadhe uumuu isaatiin ta'uu tajaajilichi beeksiseera. Sosochii dandeettii kana caalaa ariifachiisuuf damicha madda teekinooloojii taasuisuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf hojiiwwan eegalaman kutannoon akka itti fufan ibsameera.
Ministeerichi sirna daldalaa ammayyeessuun gamatti gama itti gaafatama hawaasaatiin hojiilee misoomaa hedduu raawwachaa jira
May 2, 2026 293
Ebla 24/2018(ENA) - Sirna daldalaa ammayyeessuun gamatti itti gaafatama hawaasaa bahachuuf hojiilee misoomaa hedduu raawwachaa akka jiru ministeerri daldalaa fi walitti hidhaminsa hawaasaa ibse. Ministeerichi dhaabbilee itti waamamtootasaa waliin ta’uun manneen jireenyaa Baalee Roobeetti birrii miiliyoona 37 caaluun ijaarsise namoota dhadhaboo ta’aniif kenneera. Manneen jireenyaa ijaaraman 20 tokkoon tokkoonsaanii bu’urri misoomaa fi meeshaaleen hundaaf kan guutame ta’uun ibsameera. Ministirri daldalaa fi walitti hidhaminsa riijinii Dr. Kaasahun Goofee sirna eebbaarratti akka jedhanitti, dhaabbatichi sirna daldalaa ammayyeessuun gamatti itti gaafatama hawaasummaa bahachuuf hojiilee hedduu raawwachaa jira. Kanneen keessaa naannolee biyyattii garagaraatti misoomaa fi tajaajiloota lammiirratti xiyyeeffate wal fakkaataa gaggeessuun hawaasa fayyadamaa gochuurratti akka argamu ibsaniiru. Guyyaa har’aa pirojektoonni Baalee Roobeetti ijaaramanii tajaajilaaf qaqqaban fakkeenya tattaaffii taasifamaa jiruu ta’uu himaniiru. Pirojektoonni kunneen rakkoo mana jireenyaa namoota dadhaboo furuun olitti, galmoota biyyaalessaa dame Kanaan qabaman gama milkeessuutiin qooda guddaa akka qaban dubbataniiru. Dabalataanis hojii tola ooltummaa ministeerichi gaggeessu caalaatti kan cimsanii fi kan itti fufan ta’uu kaasaniiru. Wayituma kana Dr. Kaasahuun Goofee mana kitaabaa dijitaalaa ofiisaanii fi qaamolee biro qindeessuun ijaaran mana barumsaa isaanii duraa mana barumsaa Roobee sadarkaa 2ffaaf kennaniiru. Ijaarsi mana kitaabaa kun dargaggootaa fi barattoota magaalichaaf aadaa dubbisuu caalaatti kan guddisu yoo ta’u, mul’ata ijoollummaasaanii milkeessuuf kan isaan dandeessise ta’uus ibsaniiru. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Roobee obbo Diinoo Amiin gamasaaniin, deeggarsa guddina magaalichaa fi namoota dadhaboo ta’aniif minidteerichi taasiseef galateeffataniiru. Magaalaa Roobee jiraattotaaf mijattuu fi wiirtuu daldalaa gochuuf tattaaffii godhamaa jiru keessatti gargaarsi ministeerichaa gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru. Fayyadamtoota misooma kanaa keessaa Sheh Aliyyi Kadirii fi adde Faaxumaa Abdallaa gamasaaniin, ijaarsi mana jireenyaa kun rakkoo mana jireenyaa waggoota dheeraaf qaban kan furu ta’uu dubbataniiru.
Bulchiinsi Nageenya sooromaa Sodaa Gara Carraa gaariitti jijjiireera - Afyaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo
May 2, 2026 212
Ebla 24/2018 (ENA): Bulchiinsi Wabii sooromaa balaa bara dheeraa irraa gara invastimantii marsaa haaraatti ce'uu Afyaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo ibsaniiru. Bulchiinsi Wabii sooroma Hojjettoota Mootummaa guyyaa har'aa magaalota biyya keenyaa gara garaa keessatti gamoowwan ammayyaa ijaarsise eebbiseera. Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo eebba kana illachisee ergaa dabarsaniin,dhaabbatichi balaa bara dheeraa irraa gara invastimantii marsaa haaraatti ce’uu ibsaniiru. Dhaabbatichi waggoota kurnan torba darbaniif nageenya hojjettoota mootummaa ta’us, fandii sooramaa sirnaan hojjachuu fi gara invastimantiitti jijjiiruu dadhabuun isaa yeroo dheeraaf yaaddoo ta’ee ture jedhani. Haa ta’u malee, xiyyeeffannoo addaa mootummaan ce’umsaa damichaaf kennee fi tarkaanfiiwwan haaromsaa inni fudhateen labsii fi dambiiwwan bulchiinsaa haaraa ragga’aniiru. Kunis balaa dhaabbatichi kanaan dura irra ture gara carraa gaariitti jijjiiruun, fandicha eeguu qofa osoo hin taane dameewwan invastimantii adda addaa irratti bobba’uu fi dinagdee biyya keenyaa keessatti hirmaataa cimaa akka ta’u taasiseera. Gamoolee ammayyaa har’a eebbifaman qabeenya meeshaa guddaa qabaniin alatti, firii hojiiwwan haaromsaa waggoota darban keessatti raawwatamanii fi abdii ifaa egeree ta’uu ibsaniiru. Filannoowwan invastimantii babal’isuu fi tajaajila isaa teeknooloojii dijitaalaatiin ammayyeessuun hojiiwwan misoomaa eegalaman gara fuulduraattis itti fufiinsa fandichaa mirkaneessuuf cimee itti fufuus hubachiisaniiru. Afyaa’iin kun deeggarsi mootummaan dhaabbatichaaf qabu gara fuulduraattis cimee akka itti fufu waadaa kan seenan yoo ta’u, qaamota milkaa’ina isaaf gumaachan hundaaf galata guddaa qaban ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa, tattaaffii Itiyoophiyaan hawaasa saayinsii ijaaruuf taasiftu bu’uura kaa’eera
May 2, 2026 239
Ebla 24/2018 (ENA): Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa tattaaffii Itiyoophiyaan hawaasa saayinsii ijaaruuf taasiftu bu’uura kaa’uu isaa itti aanaa ministira muummee duraanii fi eegaan olaanaa Amaanaa waldichaa obbo Dammaqaa Mokonnon himaniiru. Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2004 kan hundeeffame yoo ta’u, yaa’ii Waliigalaa 21ffaa isaa gaggeessaa jira. Obbo Dammaqaa Mokonnon waltajjicharratti argamuun ergaa adabarsaniin, Waldaan kun qajeelfama Itiyoophiyaan dhaloota saayinsii ni ijaarti jedhu hojiirra oolchuuf tattaaffii taasisaa jiru keessatti gahee olaanaa taphachaa jira jedhani. Waldaa Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa fi kutannoo mootummaatiin dhaabbileen akka Saayinsii Hawaa fi Inistiitiyuutii Ji’oospaasii guddina saayinsiitiif murteessoo ta’an haala qindaa’een hundeeffamaniiru jedhan. Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa dargaggoota saayintistootaa fi astiroonoomaroota sadarkaa idil-addunyaatti beekamoo ta’an oomishuu himaniiru. Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa waggoota kurnan lamaan darban keessatti dargaggoota hedduu oomishuu fi hojiiwwan qorannoo abdachiisaa ta’an raawwachuu isaa hubachiisuun, sadarkaa addunyaatti dorgomtummaa isaa mirkaneessuuf hojiin dabalataa hojjetamuu akka qabu dubbataniiru. Warraaqsa dijitaalaa fi guddina hubannoo namtolchee waliin tarkaanfachuuf qonni saayinsii murteessaa ta’uu ibsuun, qophiin yeroon taasifamuu qaba jedhaniiru. Dargaggoota saayinsii fi astiroonomiitiin humneessuuf tattaaffiin taasifamu cimee biyyoota guddachaa jiran waliin damee kanaan qaawwa jiru dhiphisuu akka qabus hubachiisaniiru. Itti aanaan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospashiyaal Dr. Yishiruun Alamaayyoo akka ibsanitti, Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa guddina saayinsii hawaatiif imaanaa guddaa akka ta’e ibsaniiru. Saayinsiin hawaa dhimma birmadummaa, wabii nyaataa, dippilomaasii, fayyaa fi siyaasa idil-addunyaa ta’uu hubachuun, Saayinsii hawaa malee jiraachuun akka hin danda'amne ibsaniiru. Saayinsiin hawaa dinagdee fi jiraachuu biyyattii itti fufsiisuuf murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhaabbileen adda addaa hawaasni dargaggoota misoomsuuf tattaaffii taasisaa jiru deeggaruun tumsaan hojjechuu akka qaban dhaamaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Paartiin badhaadhinaa hojiiwwan hawaasummaa fi dinagdee hawaasaa mirkaneessan caalaatti ni raawwata
May 2, 2026 209
Ebla 24/2018(ENA)- Paartiin badhaadhinaa hojiiwwan hawaasummaa fi dinagdee hawaasaa mirkaneessan caalaatti akka raawwatu miseensi hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Dadammaqsi filannoo walii galaa 7ffaa paartii badhaadhinaa Istaadiyoomii Fininneetti gaggeeffamaa jira. Kantiibaan magaalaa Finfinnee fi miseensi hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa Adaanech Abeebee, paartii badhaadhinaatti hogganaan waajjira damee magaalaa Finfinnee Mogos Baalchaa, af-yaa’iin mana maree magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alkadir, kaadhimamtoonni paarticha bakka bu’uun dorgoman, miseensonnii fi deeggartoonni paartichaa saganticharratti argamaniiru. Miseensi hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa fi kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee wayita kana akka jedhanitti, hundaa olitti abbaan aangoo ummatadha. Hirmaannaa fi tumsa ummataan alattti badhaadhina mirkaneessuun akka hin danda’amne dubbataniiru. Waggoottan darban paartiin badhaadhinaa hojiiwwan fayyadama ummataa mirkaneessan hedduu raawwachuusaa kan dubbatan kantiibaan kun, humni lafa kanaa badhaadhina Itiyoophiyaa hin dhaabne akka hin jirre ibsaniiru. Hojiileen misoomaa magaalattiitti hojjetaman eenyuyyuu kan hidaganne hunda kan ofkeessatti qabate ta’uu eeranii, hojiileen kunneen fayyadama dinagdee fi hawaasummaa hawaasaa kan mirkaneessanidha jedhaniiru. Paartiin badhaadhinaa paartii waadaa gale eegudha kan jedhan kantiibaa Adaanech, akkaataa waadaa galeen maqaa gaarii magaalattii ijaaruusaa dubbataniiru. Paartiin badhaadhinaa fuulduras fayyadama ummataa mirkaneessuuf akka hojjetu waadaa galuun “badhaadhina Filadhaa” jechuun dhaamaniiru.
Itiyoophiyaan waltajjiiwwan naannoo, ardiilee fi idil-addunyaa irratti hojiiwwan dippilomaasii dantaa biyyaalessaa ishee eegsisu gaggeessaa jirti - Ministeera Dhimma Alaa
Apr 30, 2026 885
Ebla 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaan dhimmoota naannoo, ardiilee fi idil-addunyaa irratti barbaachisummaa ishee guddisuu fi dantaa biyyaalessaa ishee eegsisan hojii dippilomaasii gaggeessaa jirti jedhan Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetachoo. Ambaasaaddar Nabiyaat Geetachow sochii dippilomaasii yeroo ammaa ilaalchisee ibsa kennaniin, pireesidaantonni Burundii, Laayibeeriyaa, Moozaambiikii fi Sudaan Kibbaa torbeewwan darban keessa daawwannaa hojiif Itiyoophiyaatti taasisan yaadachiisaniiru. Hoggantoonni kunneen hariiroo biyyoota gidduu jiru daran cimsuuf daawwannaa isaaniin ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad (Dr.) waliin marii bu’a qabeessa taasisuu isaanii ibsaniiru. Itiyoophiyaan muuxxannoo ishee waliif qooduuf waliigalteewwan biyyoota lamaanii mallatteessuun hubannoo namtolchee, qonna, turizimii, ashaaraa magariisaa fi dameewwan biroon guddina olaanaa galmeessitetti waliin hojjechuuf waliif mallatteessuu ishee eeraniiru. Haaluma kanaan, Daawwannaa Ministiroota Dhimma Alaa Poorchugaal, Baanglaadeesh fi Oostiriyaa fi Ergamaa addaa Chaayinaa gaanfa Afrikaatti taasisanis eeraniiru. Kunis ejjennoo Itiyoophiyaan dhimmoota naannoo fi idil-addunyaa irratti qabdu akka gaariitti kan calaqqisiisu ta’uu ibsaniiru. Ministirri Dhimma Alaa Dr. Gidiyoon Ximootiyoos daawwannaa Iswiidinii fi Noorweeyitti taasisaniin hoggantoota hojii mootummaa akkasumas hoji gaggeessitoota dhaabbatichaa waliin marii bu’a qabeessa taasisaniiru jedhan. Itiyoophiyaan hojii dippilomaasii daldalaa fi invastimantii keessattuu anniisaa haaromfamuu danda’u, teeknooloojii, turizimii fi dameewwan biroo irratti waliin hojjechuuf kan dandeessisu raawwachuu ishee ibsaniiru. Itiyoophiyaan pirezidaantummaa Mana Maree Nageenyaa fi Nageenyaa Gamtaa Afrikaa haala gaariin raawwachaa akka jirtus ibsaniiru. Itiyoophiyaan Galooo Galaana Hormuuz irratti ajandaa marii akka dhiheessite eeruun, akkasumas dhimmoota nageenya ardiilee biroo irrattis yaada ishee ibsiteetti. Hariiroon biyyoota lamaanii, biyyoota hedduu fi hojiin dippilomaasii Itiyoophiyaa dantaa biyyaalessaa ishee eegsisuun dhimmoota naannoo, ardiilee fi idil-addunyaa irratti fudhatamummaa ishee akka dabalu himaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Hawaasummaa
Ministeerichi sirna daldalaa ammayyeessuun gamatti gama itti gaafatama hawaasaatiin hojiilee misoomaa hedduu raawwachaa jira
May 2, 2026 293
Ebla 24/2018(ENA) - Sirna daldalaa ammayyeessuun gamatti itti gaafatama hawaasaa bahachuuf hojiilee misoomaa hedduu raawwachaa akka jiru ministeerri daldalaa fi walitti hidhaminsa hawaasaa ibse. Ministeerichi dhaabbilee itti waamamtootasaa waliin ta’uun manneen jireenyaa Baalee Roobeetti birrii miiliyoona 37 caaluun ijaarsise namoota dhadhaboo ta’aniif kenneera. Manneen jireenyaa ijaaraman 20 tokkoon tokkoonsaanii bu’urri misoomaa fi meeshaaleen hundaaf kan guutame ta’uun ibsameera. Ministirri daldalaa fi walitti hidhaminsa riijinii Dr. Kaasahun Goofee sirna eebbaarratti akka jedhanitti, dhaabbatichi sirna daldalaa ammayyeessuun gamatti itti gaafatama hawaasummaa bahachuuf hojiilee hedduu raawwachaa jira. Kanneen keessaa naannolee biyyattii garagaraatti misoomaa fi tajaajiloota lammiirratti xiyyeeffate wal fakkaataa gaggeessuun hawaasa fayyadamaa gochuurratti akka argamu ibsaniiru. Guyyaa har’aa pirojektoonni Baalee Roobeetti ijaaramanii tajaajilaaf qaqqaban fakkeenya tattaaffii taasifamaa jiruu ta’uu himaniiru. Pirojektoonni kunneen rakkoo mana jireenyaa namoota dadhaboo furuun olitti, galmoota biyyaalessaa dame Kanaan qabaman gama milkeessuutiin qooda guddaa akka qaban dubbataniiru. Dabalataanis hojii tola ooltummaa ministeerichi gaggeessu caalaatti kan cimsanii fi kan itti fufan ta’uu kaasaniiru. Wayituma kana Dr. Kaasahuun Goofee mana kitaabaa dijitaalaa ofiisaanii fi qaamolee biro qindeessuun ijaaran mana barumsaa isaanii duraa mana barumsaa Roobee sadarkaa 2ffaaf kennaniiru. Ijaarsi mana kitaabaa kun dargaggootaa fi barattoota magaalichaaf aadaa dubbisuu caalaatti kan guddisu yoo ta’u, mul’ata ijoollummaasaanii milkeessuuf kan isaan dandeessise ta’uus ibsaniiru. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Roobee obbo Diinoo Amiin gamasaaniin, deeggarsa guddina magaalichaa fi namoota dadhaboo ta’aniif minidteerichi taasiseef galateeffataniiru. Magaalaa Roobee jiraattotaaf mijattuu fi wiirtuu daldalaa gochuuf tattaaffii godhamaa jiru keessatti gargaarsi ministeerichaa gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru. Fayyadamtoota misooma kanaa keessaa Sheh Aliyyi Kadirii fi adde Faaxumaa Abdallaa gamasaaniin, ijaarsi mana jireenyaa kun rakkoo mana jireenyaa waggoota dheeraaf qaban kan furu ta’uu dubbataniiru.
Bulchiinsi Nageenya sooromaa Sodaa Gara Carraa gaariitti jijjiireera - Afyaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo
May 2, 2026 212
Ebla 24/2018 (ENA): Bulchiinsi Wabii sooromaa balaa bara dheeraa irraa gara invastimantii marsaa haaraatti ce'uu Afyaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo ibsaniiru. Bulchiinsi Wabii sooroma Hojjettoota Mootummaa guyyaa har'aa magaalota biyya keenyaa gara garaa keessatti gamoowwan ammayyaa ijaarsise eebbiseera. Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo eebba kana illachisee ergaa dabarsaniin,dhaabbatichi balaa bara dheeraa irraa gara invastimantii marsaa haaraatti ce’uu ibsaniiru. Dhaabbatichi waggoota kurnan torba darbaniif nageenya hojjettoota mootummaa ta’us, fandii sooramaa sirnaan hojjachuu fi gara invastimantiitti jijjiiruu dadhabuun isaa yeroo dheeraaf yaaddoo ta’ee ture jedhani. Haa ta’u malee, xiyyeeffannoo addaa mootummaan ce’umsaa damichaaf kennee fi tarkaanfiiwwan haaromsaa inni fudhateen labsii fi dambiiwwan bulchiinsaa haaraa ragga’aniiru. Kunis balaa dhaabbatichi kanaan dura irra ture gara carraa gaariitti jijjiiruun, fandicha eeguu qofa osoo hin taane dameewwan invastimantii adda addaa irratti bobba’uu fi dinagdee biyya keenyaa keessatti hirmaataa cimaa akka ta’u taasiseera. Gamoolee ammayyaa har’a eebbifaman qabeenya meeshaa guddaa qabaniin alatti, firii hojiiwwan haaromsaa waggoota darban keessatti raawwatamanii fi abdii ifaa egeree ta’uu ibsaniiru. Filannoowwan invastimantii babal’isuu fi tajaajila isaa teeknooloojii dijitaalaatiin ammayyeessuun hojiiwwan misoomaa eegalaman gara fuulduraattis itti fufiinsa fandichaa mirkaneessuuf cimee itti fufuus hubachiisaniiru. Afyaa’iin kun deeggarsi mootummaan dhaabbatichaaf qabu gara fuulduraattis cimee akka itti fufu waadaa kan seenan yoo ta’u, qaamota milkaa’ina isaaf gumaachan hundaaf galata guddaa qaban ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Diinagdee
​​​​​​​Sosochiin Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu  Namusaa fi Aadaa  Hojii Haaraa Induustirii  dagaagsaa  jira — Tajaajila Komuniikeeshinii Mootummaa
May 3, 2026 21
Ebla25/2018(ENA):- Sosochiin Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu dandeettii teeknikaa bira darbee, namusaafi Aadaa hojii haaraa Induustirii olaanaa uumuu keessatti gahee guddaa taphachaa akka jiru Tajaajilli Kominiikeeshinii Mootummaa beeksise. Kaka'umsa Ministira Muummee Doktoor Abiyyi Ahimadiin kan eegalame sosochiin Itiyoophiyaan Haa omishtuu,waarshaawwan 830 deebisee hojiitti galchuun, oomisha doolaara biiliyoona 4 tuqaa 85 biyya keessatti bakka buusuu fi gurgurtaa alaa (ekspoortii) irraa doolaara miiliyoona 433 galii gochuun, ce’umsa industirii dinqisiisaa galmeessisuunsaa ibsameera. Haa ta'u malee, mootummaan Itiyoophiyaa yeroo sochii kana jalqabu galmi isaa oomisha guddisuu fi sharafa alaa oolchuu qofa akka hin turre tajaajilichi ibseera. Tilmaama dinagdee bira darbee, milkaa’inni hunda caalu fi tarsiimoo’aan kan galmaa’e, humna namaa Itiyoophiyaa maddaa beekumsaa fi dandeettii taasisuu danda'u ijaaruu irratti akka ta'e eerameera. Har'a guddinni manifaakchariingii walitti qabama waarshaawwanii qofa ta'uun hafee, mana barumsaa gochaa(shaakalaa) bal’aa ogeeyyiin fi gaggeessitoonni dandeettii qaban kanneen Itiyoophiyaa boruu ijaaran keessatti horataman ta'uu danda'eera. Ce’umsi kun Itiyoophiyaan waltajjii addunyaa irratti dorgomaa kan ishee taasisu, dhiyeessituu meeshaalee callaa ta'uu irraa gara madda teeknoolojii fi dandeettii dhiyeessuutti kan ol guddisu ta’uu tajaajilichi beeksiseera. Kunis seenaa haaraa hundee Itiyoophiyaa boruutiif bu'uura kaa'u ta'uu tajaajilichi beeksiseera. Jijjiiramni qabatamaan Pirojektoota gurguddoo biyyaalessaa, paarkota induustirii fi Waarshaawwan gurguddoo keessatti argame, cimina imaammata mootummaa gochaan kan mirkaneessu dha jedhameera. Kanaan dura dandeettii fi kaffaltii guddaan lammiilee biyya alaatiin qofa kan gaggeeffamaa turan, Siistemoota teeknoolojii wal-xaxoon, toorawwan oomishaa ammayyaa fi Bu'uraaleen misoomaa softiweerii, har'a guutummaatti injinaroota fi teeknishaanota dargaggoota biyya keessaatiin gaggeeffamaa jiru. Jijjiiramni beekumsaa milkaa'aan kun, mootummaan Imaammata qulqullina qabu bocuu qofa osoo hin taane, Imaammata qabatamaan gara hojiitti jijjiiruu fi raawwachiisuu irratti dandeettii guddaa qabaachuu isaa agarsiistuu ta’uun ibsameera. Dargaggoonni Itiyoophiyaa damee kana keessatti hirmaatanis carraa mijataa isaaniif uumame fayyadamuun, teeknoolojii fudhachuu qofa osoo hin taane, teeknoolojicha dhuunfachuu fi madaqsuu dandeettii qaban gochaan agarsiisaa jiru. Kanaanis Itiyoophiyaan hirkattummaa teeknoolojii waggoota dheeraaf qabdu dandeettii kalaqaa isaaniitiin hambisaa, duudhaa hojii fi boqonnaa seenaa haaraa barreessaa jiraachuu tajaajilichi ibseera. Sochiin "Itiyoophiyaan Haa Oomishu" dandeettii teeknikaa bira darbee, naamusaa induustirii fi duudhaa hojii haaraa ijaaraa jira. Lammiileen damee kana keessatti bobba'an Istaandaardii to'annoo qulqullinaa addunyaa, ittifayyadama yeroo cimaa fi dandeettii gaggeessummaa tarsiimawaa gonfachaa jiru. Hojjettoota sadarkaa gadii irraa ka’ee Kaampaniwwan addunyaa keessatti hanga sadarkaa murteessummaa olaanaatti kan gahan dargaggoonni, "oomishni gaariin" Itiyoophiyaan gabaa Addunyaatiif dhiyeessitu humna namaasaa ta'uu mirkaneessuun eerameera. Mootummaan firii ce’umsa industirii kana kan madalu callaa gurgurtaa alaan qofaan osoo hin taane, lammii oomisha danda'u, teeknoolojiin gonfate fi beekumsaan badhaadhe uumuu isaatiin ta'uu tajaajilichi beeksiseera. Sosochii dandeettii kana caalaa ariifachiisuuf damicha madda teekinooloojii taasuisuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf hojiiwwan eegalaman kutannoon akka itti fufan ibsameera.
Itiyoophiyaan wiirtuu anniisaa haaromfamuu danda’u Afrikaa ta’uuf imala ishee cimsitee itti fufteetti
May 2, 2026 205
Ebla 24/2018 (ENA): Itiyoophiyaan wiirtuu misooma anniisaa haaromfamuu danda’u ardii kanaa ta’u hundeessuuf imala taasifte keessatti bu’aa qabatamaa galmeessite cimsuu itti fufteetti jechuun Dhaabbanni Humna Elektirikaa Itiyoophiyaa beeksise.   Itiyoophiyaan madda anniisaa haaromfamuu danda’u keessatti dandeettii qabdu fayyadamuudhaan Ajandaa Gamtaa Afrikaa 2063 galmaan ga’uu fi ardii kana humna ibsaatiin walqunnamsiisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jirti. Waliigalteewwan gurgurtaa humnaa naannichaa yeroo ammaa hojiirra oolaa jiranis imalli biyyattiin gara badhaadhinaatti taasiftu bu’aa qabatamaa waliin ta’uu mirkaneessa. Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa, Aayishaa 2 fi Asallaa milkiin xumuramuu fi hojiitti galchuun dandeettiin humni humna maddisiisuu biyyattii meeggaa waattii kuma 9 fi 752 ol gaheera.   Akka ragaan Humna Elektirikaa Itiyoophiyaa agarsiisutti bara baajataa 2018 ji’oota sagal jalqabaa keessatti humni humnaa sa’aatii giigaawaat kuma 24 fi 970 biyya keessaa fi ollaatti gurgurameera. Bara baajataa kana keessa Doolaarri Ameerikaa miiliyoona 366 gurgurtaa humnaa biyyoota alaa fi dhaabbilee teeknooloojiitiif taasifameen bu’aan argameera. Kunis bara bajataa darbee yeroo walfakkaatuun wal bira qabamee yoo ilaalamu doolaara Ameerikaa miiliyoona 138’n dabaleera.   Daarektarri Kominikeeshinii Dhaabbilee Humna Elektirikaa Itiyoophiyaa Moogas Mokonnon ENA’tti akka himanitti, Itiyoophiyaan yeroo ammaa maddoota haayidiroo, qilleensaa, aduu fi ji’ooteermaaliin humna ibsaa maddisisti jedhani. Filannoo anniisaa daran babal’isuu fi dhiyeessii anniisaa haala qilleensaa dandamatu ijaaruuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus hubachiisaniiru. Mul’anni Itiyoophiyaan giddugala anniisaa haaromfamuu danda’u Afrikaa ta’uuf qabdu walitti hidhamiinsa bu’uuraalee anniisaa biyyoota ollaa waliin uumteen dhugoomsaa akka jiru ibsaniiru. Sudaan, Jibuutii, Keeniyaa fi Taanzaaniyaa waliin hariiroo gurgurtaa humnaa eegaluu eeruun, kunis imaammata alaa biyyattiin wal-misoomsuu dhugoomsuu qofa osoo hin taane, walitti dhufeenya wal-amantaa irratti hundaa'e ni uuma jedhani. Sochiin kun hooggansaa fi gumaacha Itiyoophiyaan galmoota Ajandaa 2063 gamtaa Afrikaa walitti hidhamiinsa bu'uuraalee misoomaa galmaan ga'uuf qabdu kan agarsiisu ta'uu ibsaniiru. Akkasumas galiin sharafa alaa gurgurtaa humnaa irraa argamu bu’uuraalee humnaa babal’isuu fi kunuunsuuf gargaarsa guddaa ta’uu ibsaniiru. Fakkeenyaaf, baasii ijaarsa pirojektii humna qilleensaa Ayisha II dandeettii faayinaansii biyya keessaatiin kan uwwifame ta’uu eeruun, kunis carraaqqii dhaaqqabummaa anniisaa guddisuu fi dinagdee faalama irraa bilisa ta’e ijaaruuf taasifamaa jiruuf carraa guddaa ta’eera jedhani. Itiyoophiyaan galma gurgurtaa humnaa biyyoota ollaa irra darbee biyyoota gaanfa Afrikaatti babal’isuuf karoora bal’aa qabattee hojjechaa akka jirtus eeraniiru. Sudaan Kibbaa fedhii anniisaa bitachuu waan agarsiifteef waliigalteen mallattaa’ee sadarkaa ogeeyyiitti hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru. Haaluma walfakkaatuun Somaaliyaanis fedhii anniisaa argachuu akka qabdu kan ibsan daayreektarichi, sarara humnaa biyyoota biroo fayyadamuun biyyoota daangaa hin qoodanneef anniisaa kennuuf karoorri akka jiru mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Eksipoon idil addunyaa Itiyoophiyaan haa oomishtuu 4ffaan Dilbata dhufu ifatti banama
May 1, 2026 350
Ebla 23/2018 (ENA)- Eksipoon idil addunyaa Itiyoophiyaan haa oomishtuu 4ffaan Dilbata Ebla 25 bara 2018 Finfinneetti ifatti akka banamu ministirri Industirii Malaakuu Allabal beeksisan. Industiriiwwan rakkoolee isaan mudachaa ture sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuutiin sadarkaa sadarkaan akka furamanii fi dandeettiin oomishuu isaanii akka dabalu taasifamuu mninistirichi ibsa isaanii keessatti kaasaniiru. Eksipoon Itiyoophiyaan haa oomishtuu 4ffaan mata duree “birmadummaa hunda galeessaaf Itiyoophiyaan haa oomishtu” jedhuun Ebla 25-30 bara 2018tti akka gaggeeffamu ibsanii, oomishoota Itiyoophiyaa beeksisuu fi carraalee gabaa dabalataa bal’isuun kaayyoo ijoo Eksipoo kanaati jedhan. Walitti hidhaminsa gabaa uumuu fi qulqullina oomishaa fooyyessuufis qooda guddaa ni qabaata jedhaniiru. Kalaqa jajjabeessuunis kaayyoo Eksipoo kanaa keessaa isa tokko ta’uu eeranii, cehumsa teeknooloojii fi muuxannoo wal jijjiiruu uumuunis galma isa ijoo ta’uu dubbataniiru. Walii galteewwan daldalaa 850 Eksipoo kanarratti akka taasifaman eeranii, bittaa fi gurgurtaan birrii biiliyoona shanii ol ni raawwatama jedhamee akka akka eegamu eeraniiru. Eksipoo wiirtuu konveenshinii idil addunyaa Addisitti guyyoota shaniif gaggeeffamu kanarratti namoonni biyya keessaa fi biyya alaa kuma 150 caalan akka argaman ibsameera. Eksipoo Itiyoophiyaan haa oomishtuu Kanaan oomishoota beeksisuun gamatti mariileen paanaalii garagaraa, dorgommiiwwan misooma oomishaa, industiriiwwan raawwii fooyya’aa qabaniif sagantaa beekkamtii fi sagantaaleen biroon akka raawwataman ibsa Kanaan eerameera.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa, tattaaffii Itiyoophiyaan hawaasa saayinsii ijaaruuf taasiftu bu’uura kaa’eera
May 2, 2026 239
Ebla 24/2018 (ENA): Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa tattaaffii Itiyoophiyaan hawaasa saayinsii ijaaruuf taasiftu bu’uura kaa’uu isaa itti aanaa ministira muummee duraanii fi eegaan olaanaa Amaanaa waldichaa obbo Dammaqaa Mokonnon himaniiru. Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2004 kan hundeeffame yoo ta’u, yaa’ii Waliigalaa 21ffaa isaa gaggeessaa jira. Obbo Dammaqaa Mokonnon waltajjicharratti argamuun ergaa adabarsaniin, Waldaan kun qajeelfama Itiyoophiyaan dhaloota saayinsii ni ijaarti jedhu hojiirra oolchuuf tattaaffii taasisaa jiru keessatti gahee olaanaa taphachaa jira jedhani. Waldaa Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa fi kutannoo mootummaatiin dhaabbileen akka Saayinsii Hawaa fi Inistiitiyuutii Ji’oospaasii guddina saayinsiitiif murteessoo ta’an haala qindaa’een hundeeffamaniiru jedhan. Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa dargaggoota saayintistootaa fi astiroonoomaroota sadarkaa idil-addunyaatti beekamoo ta’an oomishuu himaniiru. Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa waggoota kurnan lamaan darban keessatti dargaggoota hedduu oomishuu fi hojiiwwan qorannoo abdachiisaa ta’an raawwachuu isaa hubachiisuun, sadarkaa addunyaatti dorgomtummaa isaa mirkaneessuuf hojiin dabalataa hojjetamuu akka qabu dubbataniiru. Warraaqsa dijitaalaa fi guddina hubannoo namtolchee waliin tarkaanfachuuf qonni saayinsii murteessaa ta’uu ibsuun, qophiin yeroon taasifamuu qaba jedhaniiru. Dargaggoota saayinsii fi astiroonomiitiin humneessuuf tattaaffiin taasifamu cimee biyyoota guddachaa jiran waliin damee kanaan qaawwa jiru dhiphisuu akka qabus hubachiisaniiru. Itti aanaan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospashiyaal Dr. Yishiruun Alamaayyoo akka ibsanitti, Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa guddina saayinsii hawaatiif imaanaa guddaa akka ta’e ibsaniiru. Saayinsiin hawaa dhimma birmadummaa, wabii nyaataa, dippilomaasii, fayyaa fi siyaasa idil-addunyaa ta’uu hubachuun, Saayinsii hawaa malee jiraachuun akka hin danda'amne ibsaniiru. Saayinsiin hawaa dinagdee fi jiraachuu biyyattii itti fufsiisuuf murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhaabbileen adda addaa hawaasni dargaggoota misoomsuuf tattaaffii taasisaa jiru deeggaruun tumsaan hojjechuu akka qaban dhaamaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Teeknooloojiin sirna miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan iftoomaa fi ittigaafatama kan buusudha-Ambaasaaddar Reedwaan Huseen
May 1, 2026 321
Ebla 23/2018 (ENA)- Teeknooloojiin sirna miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan iftoomaa fi ittigaafatama kan buusuu fi hirmaannaa lammiilee kan guddisu ta’uu daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsan. Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa waliin ta’uun kan hojjete teeknooloojii miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aa ifatti hojii eegalchiiseera. Mana maree bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota demokiraasii Iwunatuu Allanee, daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa Innaatalam Mallasaa, daarektarri olaantuu abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanot Zallaqaa, daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa doktar Warquu Gaachanaa, hooggantoonni miidiyaalee akkasumas keessummoonni afeeraman saganticharratti hirmaachaa jiru. Daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen wayita kana akka jedhanitti, sirni miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hojii kan si’achiisudha. Teekinooloojiin kun iftoomaa fi itti gaafatama kan buusu akkasumas hirmaannaa lammiilee kan guddisu ta’uu dubbataniiru. Murtee kennuufis gumaacha olaanaa akka qabu eeranii, akkasumas deebii hatattamaa kennuuf gargaaruudhaan dhaabbatichaaf humna guddaa akka uumu dubbataniiru. Kun ammoo guddina damichaaf gumaacha guddaa kan gumaachu ta’uu ibsanii, teekinooloojichi hojii akka eegalu qaamolee gumaacha taasisan galateeffataniiru.
Sirni miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hubannoo nam-tolcheen deeggarame odeeffannoo sobaa ittisuuf qooda guddaa qaba
May 1, 2026 265
Ebla 23/2018 (ENA)- Sirni miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hubannoo nam-tolcheen deeggarame odeeffannoo sobaa fi dubbii jibbiinsaa ittisuu fi qooda guddaa akka qabu daarektarri olaantuu abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanoot Zallaqaa ibsan. Sirni jalqabsiisa teeknooloojii sirna miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’a Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa waliin ta’uun kan hojjetee gaggeeffamaa jira. Mana maree bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota demokiraasii Iwunatuu Allanee, daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa Innaatalam Mallasaa, daarektarri olaantuu abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanot Zallaqaa, daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa doktar Warquu Gaachanaa, hooggantoonni miidiyaalee akkasumas keessummoonni afeeraman saganticharratti hirmaachaa jiru. Teeknooloojiin miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hojiirra akka oolu godhamuunsaa hojiilee abbaa taayitichaa fi damichaa gara boqonnaa ammayyaa isa haaraatti kan ceesisu ta’uun ibsameera.   Daarektarri olaantuun abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanot Zallaqaa wayita kana akka jedhanitti, teeknooloojiin kun ergama dhaabbatichaa galmaan ga’uuf gumaacha guddaa qaba. Sirni miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hojii hordoffii fi to’annoo miidiyaalee akka ammayyeessu ibsanii, sirna dijitaalaayizeeshinii Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtuun kan wal simdha jedhaniiru. Hubannoo nam-tolcheen deeggaramuun tamsaasa odeeffannoo sobaa fi dubbii jibbiinsaa ittisuuf hojii hojjetamu bu’a qabeessa akka taasisu eeraniiru. Miidiyaaleen seera qabeessa ta’uusaanii mirkaneessuu fi sirna hordoffii fi to’annoo ifaa ta’e damee kanarratti gama diriirsuutiin qooda murteessaa akka bahatu dubbataniiru. Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa Dr. Warquu Gaachanaa, inistiitiyuutichi erga hundeeffamee kaasee hubannoon nam-tolchee hundaaf yaada jedhuun hojjechaa akka jiru eeraniiru. Hojmaata miidiyaalee ammayyeessuun qooda irraa eegamu bahachaa akka jiru ibsaniiru. Teeknooloojiin reegulaatoorii miidiyaa fi bulchiinsaa har’a ifoome gumaachi damee kanaaf gumaachu olaanaa ta’uusaa himaniiru.
Yaala Aadaa kan Ammayyaa waliin qindeessuun hojiirra akka oolu gochuuf tattaaffii taasifamuuf gaheen hayyootaa olaanaadha
Apr 30, 2026 452
Ebla 22/2018(ENA) - Yaala aadaa fi kan ammayyaa waliin qindeessuun tajaajlilaaf oolchuuf taattaaffii taassifamu keessatti gumaachi hayyootaa olaanaa ta'uu isaa itti aanaan walitti qabaa boordii Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknoolojii Adaamaa Piroofeesar Daani'eel Qixaawu ibsan. Konfiraansiin Idil-Addunyaa 6ffaan oomishaalee biqiltuu yaala aadaaf oolanii fi yaala fayyaa irratti xiyyeeffate Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknoolojii Adaamaatti geggeeffameera. Piroofeesar Daani'eel Qixaawu wayita kana akka jedhanitti, Itiyoophiyaan biqiltuu yaala aadaaf oolan hedduu qabaachuu ishee eeranii; yaala Aadaa Saayinsii yaala ammayyaa waliin qindeessuun tajaajila ummataaf oolchuun barbaachisaadha jedhaniiru. Adeemsa kana keessatti gumaachi hayyoota damee kanaa olaanaa ta'uusaa eeruun, filannoo yaalaa bu'aa qabeessa fi nageenyi isaa eegame dhiyeessuuf qooda fudhattoonni qindoominaan hojjechuun akka irra jiru hubachiisaniiru. Yunivarsiitichi biqiltuu yaala aadaaf oolan qorannoon adda baasuurra darbee, gahumsaa fi qabiyyee isaan qaban qorannoon mirkaneessuu cimsanii itti fufuu akka qabanis hubachiisaniiru. Infeekshiinootaa fi dhukkuboota daddarboo hin taane ittisuuf, biqiltuu dhimma kanaaf oolan irratti qooda fudhattoota waliin qindoominaan qorannoo gaggeessuun akka cimu ibsameera. Pirezidaantiin Yunivarsiitii Saayinsii fi Teknoolojii Adaamaa Doktar Lammii Guutaa gama isaaniiin; Yaala Aadaa Ammayyeessuu fi yaala ammayyaa waliin walitti makuuf haala danda'amu irratti, Yunivarsiitichi Hayyoota fi dhaabbilee damee kanaa biyya keessaa fi Idil-Addunyaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru.   Kanaan wal-qabatee Yunivarsiitichi Inistiitiyuutii Faarmaasiiyutikaalaa gurmeessuun, yaala aadaa irratti qorannoo itti fufsiisuuf galma qabatee hojjechaa jiraachuusaa ibsaniiru. Qorataan olaanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansan Piroofeesar Milkiyaas Indaalaa akka jedhanitti, konfiraansii kana irratti qorannoon biqiltuu farra-kaansarii fi farra-sukkaaraa ta'anii tajaajilan irratti gaggeeffamee fi qabiyyeen isaanii adda bahe ni dhiyaata. Waltajjichi biqiltuun yaala aadaaf oolan qorannoon adda bahanii fi gahumsi isaanii mirkanaa'ee gara oomishaatti haala itti ce’an agarsiisuuf kaayyoo akka qabu ibsaniiru. Wal’aantonni tajaajila yaala aadaa, qorattoonni, oomishtoonni fi to'attonni qindoominaan hojjechuun akka irra jiru hubachiisaniiru.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Wallaggaa Bahaatti Ganna dhufuuf biqiloota diinagdeef barbaachisoo ta’an dhaabuuf qophiin taasifamaa jiru itti fufeera
Apr 23, 2026 616
Ebla 15/2018 (ENA): Godina Wallaggaa Bahaatti Ganna dhufuuf biqiloota diinagdeef barbaachisoo ta’an dhaabuuf qophiin taasifamaa jiru itti fufeera jedha waajjirri qonnaa Godinichaa. Akka dursaan garee qabeenya uumamaa waajjirichaa, obbo Dassaalenyi Ballaxaa himanitti, Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan biqiltuuwwan dinagdeen barbaachisoo ta’an bal’inaan qophaa’aa jiru jedhani. Sagantaa bara kanaa keessatti gosoota biqiltuu hundaaf xiyyeeffannaan kan kennamu ta’us, gosoota dinagdeen barbaachisoo ta’aniif xiyyeeffannoon guddaan kennameera jedhan.   Biqiltoota dhaabbiif qopheeffamaa jiran keessaa kuduraalee fi muduraalee, biqiloota bosonaa fi leemmanaa fi nyaata beeyladaaf kan oolan ta’uu himaniiru. Gosti biqiltuu kun haala qilleensa naannoo sanaaf kan mijatu ta’uu fi yeroo gabaabaa keessatti bu’aa kan kennu ta’uu ibsaniiru. Muuxannoo waggoota darbanii irratti hundaa’uun bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf qophiin boolla biqiltuu qopheessuu eegalamee, qorannoo haala qilleensaa, kunuunsa biyyee fi bishaanii, akkasumas hirmaannaa hawaasaa guddisuuf hojiin qophaa’inaa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Lafti heektaara kuma 107 dhaabbii bara kanaatiif qophaa’uusaa, hojiin kunuunsa biqiltuu kunuunsuu ciminaan itti fufuusaa godina kana keessatti buufanni biqiltuu mootummaa fi dhuunfaa kuma 2, 194 irratti ciminaan itti fufuusaa ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Misoomni Ashaaraa Magariisaa Diinagdee Haala Qilleensaaf hin saaxilamne Ijaaruuf tattaaffii taasifamuuf fakkeenyadha
Apr 22, 2026 390
Ebla 14/2018 (ENA): Misoomni Ashaaraa Magariisa Itiyoophiyaa Afrikaa keessatti diinagdee haala qilleensaa dandamachuu danda’u ijaaruuf hojjetamaa jiruuf fakkeenya kan ta’u akka ta’e Dura taa’aan Boordii Gamtaa Warraaqsa Magariisaa Afrikaa (AGRA) Hayilamaariyaam Dassaalany ibsaniiru. Turtii ENA waliin taasisaniin, Dura taa’aan kun tarsiimoon misooma Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa tumsaa fi qindoomina misooma daangaa qaxxaamuraa fi ardiilee gidduutti bu’uura godhachuun milkaa’inaan hordofamuu isaa hubachiisaniiru. Tarsiimoon misooma ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa qabeenya uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa ittisuu qofa osoo hin taane, wabii nyaataa mirkaneessuu akka ta’es ibsaniiru. Keessattuu hojiiwwan misoomaa waggoota dhiyoo asitti hojjetaman dinqisiisaa ta’uu hubachiisuun, akka biyyaatti milkaa’ina guddaa argamsiiseera jedhan.   Waggoota darban keessatti biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaa’aman dhaabuun qabeenya uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa qolachuu qofaan osoo hin taane wabii nyaataaf bu’uura ta’uun agarsiifameera jedhan. Kanaaf, Afrikaa keessatti dinagdee haala qilleensaa dandamatu ijaaruuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti misoomni ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa fakkeenya ta’uu hubachiisaniiru. Biqiltuuwwan faayidaa dachaa qaban irrattis xiyyeeffannaan misooma qonnaa fi oomishtummaaf bu’uura ta’aa jira jedhan. Guddinni damichaa itti fufiinsa kan barbaadu ta’uus eeraniiru. Kanaaf biqiltuu dhaabuun barbaachisaa ta’ee osoo jiruu, shaakala kanneen dhaabaman eeguu fi kunuunsuu dagaaguu akka qabu eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 17527
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 3068
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015