Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Mootummaan Shaabiyaa diina ummataa ta’uusaa qabatamaan agarsiiseera- Jiraattota naannoo Tigiraay
Feb 6, 2026 31
Amajjii 29/2018(ENA) - Mootummaan Shaabiyaa diina ummataa ta’uu isaa gocha qabatamaan agarsiiseera jedhan jiraattonni magaalota naannoo Tigraay adda addaa ENA’n dubbise. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad yaa’ii idilee 10ffaa mana maree bakka bu’oota ummataa irratti akka ibsanitti, waldhabdeen mootummaa Eertiraa waliin uumame yeroo Waraana Kaabaa Raayyaan Ittisa Itiyoophiyaa Shiree to’achuun, waraanni Eertiraas kana hordofee manneen namoota dhuunfaa fi gamoo diiguu eegaluun akka ta’e ibsuun isaanii ni yaadatama. Magaalota Adwaa fi Addigiraatitti waarshaalee saamuunii fi bubuqqisee konkolaataan fe’achuun, akkasumas Aksumitti immoo dargaggoota irratti yakka ajjeechaa inni raawwate mootummaa Itiyoophiyaa waliin lola cimaa keessaa isa galchuu danda’eera jedhan. Kana waliin walqabatee magaalota Shiree, Aksumii fi Maqalee keessa naanna’uun galaalchaan ENA jiraattota gaafateen, mootummaan Shaabiyaa diina ummataa ta’uusaa qabatamaan agarsiiseera jedhan. Jiraattuun magaalaa Shiree Indasillaasee aadde Raahiwaa Alamaayyoo, yeroo waraana kaabaa sanatti loltoonni Shaabiyaa magaalaa Shiraaroo irraa hanga naannoo Maqaleetti lammiilee nagaa irratti ajjeechaa fi saamicha dabalatee yakkoota sukaneessaa raawwachuu isaanii himaniiru. Keessumaa magaalota keessaa warshaalee fi qabeenya ummataa adda addaa bubuqqisee fe’uun qabeenya ummataa ifatti saameera jedhan. Mootummaan Shaabiyaa nageenya kan hin barbaanne diina ummataa ta’uusaa qabatamaan agarsiiseera jedhan. Yeroo waraana Kaabaa sanatti loltoonni Eertiraa magaalota naannooTigiraay keessatti ummataa fi qabeenya irra yakka sukaneessaa hojjechuu isaanii kan himan jiraataa magaalaa Aksum kan ta’an barsiisaa Abrahaam Tamasgeenidha. Kana waliin walqabatee Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsa kennan qabatamaan mul’atee kan darbedha jedhan. Naannoo Maqalee aanaa Indaartaa ganda Masaboo keessa kan jiraatan qonnaan bulaa Malaakuu Barihaa, yeroo waraana Kaabaa loltoonni Eertiraa meeshaalee manaa, oomishaa fi beeyladoota dabalatee saamanii fudhataniiru jedhan. Sababa kanaan qonnan bultoonni hedduu rakkoo hamaa keessa bu’uu himuun, namoonni yeroo isaan yakka akkanaa raawwatan warreen dhowwachuu yaalan irratti ajjeechaa fi yakka sukaneessaa raawwachaa turuu isaanii himan. Kanaaf mootummaan Eertiraa yoomillee taanaan, mootummaa Itiyoophiyaa fi ummatsheef waan gaarii kan hin yaannee fi kaayyoo diigumsaa qabatee kan hojjetu ta’uu isaa yaada kennitoonni kunniin ibsaniiru.
Itiyoophiyaan Kaampaanota Awuroppaaf caarraawwan Invastimantii mijataa uumuun michuu amanamtuudha
Feb 6, 2026 19
Amajjii 29/2018(ENA)-Itiyoophiyaan Kaampaanota Awuroopaaf carraa invastimantii mijataa uumuun michuu amanamtuu ta’uu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri gamtaa Awurooppaa Soofii Firoom Immesberger ibsan. Ambaasaaddar Soofii Firoom Immesberger turtii ENA waliin taasisaaniin Gamtichi Mana Maree Daldalaa Awurooppaa waliin dhiheenyatti hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaatti dirreen daldalaa babal’achaa dhufuusaan kaampaanonni 180tti dhihaatan Itiyoophiyaatti hojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Komishiniin Invastimantii Itiyoophiyaa fi kaampaanonni Awurooppaa walitti hidhaminsasaanii cimsuuf marii taasisuusaaanii ibsuun, gara fuulduraattis fooramiin daldalaa Itiyoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa baatii Eblaa ni gaggeeffama jedhaniiru. Fooramichi carraawwan Invastimantii mijataa Itiyoophiyaan qabdu beeksisuuf shoora olaanaa akka qabaatu ibsaniiru. Fooyya’insi Diinagdee gooroo guutuu Itiyoophiyaa dameelee Diinagdee hedduun bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu kan ibsan ambaasaaddarri kun, riifoormichi sharafa Alaa waliin rakkoolee wal qabatan furuuf kaampaanonni Awurooppaa hedduun gara gabaa Itiyoophiyaatti akka makaman taasiseera jedhaniiru. Kaampaanonni Awurooppaa gara Invastimantii Itiyoophiyaatti makamuuf fedhiin qaban guddachaa dhufuun milkaa’ina riifoormichaaf tumsaan akka hojjetan ibsaniiru. Gamtaan Awurooppaa Aannisaa haaromfamaan, Fayyaa fi dameelee tumsa gara biroon Itiyoophiyaa waliin hojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Gara fuuladuraatti gamtichi Dinagdee marsaa , Misooma magaaalaa fi dameewwan daldalaa fi Invastimantii biroorratti michuu amanamaa Itiyoophiyaa taa’uun ittifufti jedhaniiru.
Naannoo Harariitti Milkaa’inoonni bara baajatichaa baatiiwwan ja’an darbanitti galmaa’an cimanii itti fufu – Bulchaa Nannichaa Ordiin Badrii
Feb 6, 2026 18
Amajjii 29/2018(ENA)-Naannoo Harariitti Milkaa’inoonni bara baajatichaa baatiiwwan ja’an darbanitti galmaa’an cimanii itti fufu jechuun Bulchaan Nannichaa Ordiin Badriin dubbatan. Naannoo Harariitti gamaggamni karoora raawwii hojii Mootummaa fi paartii walakkaa waggaa bara 2018 gaggeeffamuu eegaleera.   Waltajjii gamaggamichaarratti Bulchaan Naannichaa Ordiin Badirii akka ibsanitti, walakkaa waggaa bara baajatichaatti naannichatti hojiin abdachiisaan raawwatamuun danda’ameera. Xiyyeeffannoon Waltajjichaa gamaggama raawwii hojii moootummaa fi paartii baatiiwan ja’aa karoora bu’uureffate gamaggamuun hojiiwwan fuulduraatiif of qopheessuuf ta’uus eeraniiru. Waltajjiin gamaggamichaas ciminoota walakkaa waggaa bara baajatichaa jiran babal’isuun, hanqinoota mul’atan guutuun bu’aawwan argaman itti fufsiisuuf galteen kan itti walitti qabamu, akkasumas filannoo biyyoolessaa 7ffaatiif qophiin kan taassifamuu fi haalli mijataan kan itti uumamu ta’uu eeraniiru.   Keessumaa hojiiwwan gurmaa’insaa fi siyaasaa sirnaan ilaaluun hubannaa waloo qabaachuu akka qaban hubachiisaniiru. Hojiin mootummaa inni guddaan guddina Dinagdee Ariifataa mirkaneessuu fi fayyadamumma misooma uummatichaa fooyyessuuf hojiiwwan hojjetaman sakatta’amuu qabna jedhaniiru. Kanaanis omishaa fi omishtummaa dagaagsuuf, carraa hojii babal’isuu fi qaala’insa jireenyaa hir’isuuf, Invastimantii jajjabeessuu fi gama biroon hojiiwwan hojjetaman ni gamaggamamu jedhaniiru. Hirmaanaa fi qulqullina Barnootaa, tajaajila fayyaa fi dameelee Hawaasummaa biroon akkasumas ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, Galii Mana qopheessa fi diinagdee maddisiisuu duguuganii walitti qabuurratti hojii hojjetame gadi fageenyaan ni ilaalamu jedhaniiru. Rakkoo bulchiinsa gaarii dhabamsiisuu fi hoj-maata badaa hanbisuuf ilaalchisee hojiiwwan hojjetaman waltajjichaan akka gamaggamamu kaasaniiru. Naannichatti nageenya cimsuu fi olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran cimsuu akka qaban hubachiisaniiru. Waltajjii gamaggamichaarratti Afayaa’iin Mana maree naannichaa Sulxaan Abdusalam, hogganaan paartii Badhaadhinaa damee Hararii Obbo Geetuu wayyeessaa dabalatee hoggantoonni olaanoonii fi gidduugaleessaa mootummaa fi Paartii Naannichaa hirmaachaa jiru.
Zooniin Diinagdee Addaa ji'oota jahan darbanitti oomisha bakka bu'aa birrii biiliyoona 2 tuqaa 5 kan baasan Oomisheera
Feb 6, 2026 26
Amajjii 29/2018 (ENA)-Zooniin Diinagdee Addaa Adaamaa ji’oota jahan darban keessatti oomisha bakka bu’aa birrii biiliyoona 2 tuqaa 5 kan baasan oomishuun sharafa alaa baraaruu beeksise. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Kibxata darbe gaaffilee miseensota mana maree bakka bu’oota uummataa irraa gaaffii ka’aniif ibsaa fi deebii kennaniin, Sochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu oomishaalee biyya alaatii galfaman oomisha biyya keessaatiin bakka buusuun sharafa alaa doolaara biiliyoona 3 tuqaa 4 baraaruu danda’eera jedhan. Indaastiriiwwan oomisha bakka bu’aa, al-ergii fi gumaacha diinagdee irratti kaka’umsa olaanaa fi bu’aa oomishtummaa guddaa agarsiisaa akka jiran ibsaniiru.   Hogganaan olaanaa Zoonii Diinagdee Addaa Adaamaa obbo Gullilaat Abbabaa ENAtti akka himanitti, Oomisha bakka bu’ummaa irratti xiyyeeffachuun sharafa alaa hir’isuuf hojii hojjetamaa jiru keessatti bu’aan qabatamaan mul’achaa akka jiru ibsaniiru. Indaastiriiwwan Zoonii Diinagdee Addaa keessa jiran oomisha bakka bu’aa irratti xiyyeeffachuun sharafa alaa baraaruu danda’aniiru jedhan. Zoonii diinagdee kana keessatti oomishaaleen bakka bu’aa sadarkaan isaanii eegame oomishamaa jiraachuu eeruun, isaan keessaas uffata, halluu ijaarsaa fi sibiilaa, meeshaalee ijaarsaa, safartuu ibsaa fi qulqullina daa’immanii kan eegu (daayipparii) faa akka ta’an himan.   Dhaabbilee Zoonii Diinagdee Addaa Adaamaa keessa jiran keessaa Muktaar Kadir, manaajara oppireeshinaalaa Anteeksi Teekistaayilii Chaayinaa kan ta’an, dhaabbatichi uffata adda addaa omishuun gabaa Awurooppaaf dhiyeessuu fi galii sharafa alaatiif gumaacha taasisaa akka jiru ibsaniiru.   Zoonii Diinagdee Addaa Adaamaa keessa sheedonni kudha salganuu kan abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi biyya alaan qabaman yoo ta’u, lammiilee kuma 9 ol ta’aniif carraa hojii dhaabbataa uumuun isaanii himameera.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Filannoo waliigalaa 7ffaa gaggeeffamu irratti hirmaannaa cimaa taasisuuf qophii irra jirra- Paartiilee Siyaasaa
Feb 6, 2026 43
Amajjii 29/2018 (ENA) - Paartileen siyaasaa adda addaa filannoo waliigalaa torbaffaa irratti dammaqinaan hirmaachuuf qophii taasisaa akka jiran beeksisaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad dhiheenya kana Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti ibsa kennaniin, mootummaan filannoon bara kanaa muuxannoo kanaan duraa caalaa nagaa, haqa qabeessaa fi kan hunda hammate akka ta’uuf kutannoodhaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Ministirri Muummee haasaa isaanii keessatti filattota akka manaatti ykn akka utubaatti, paartileen hirmaatan ammoo akka maagaraatti fakkeessuun eeruun, akkasumas haala filannoo babal’isuuf xiyyeeffannaan addaa akka kenname mirkaneessaniiru. Hoggantoonni paartilee siyaasaa adda addaa kan ENA’n dubbise, milkaa’ina filannoo kanaaf hojii qophii barbaachisu hojjachaa akka jiran eeraniiru.   Pireezidaantii Mana Maree Biyyoolessaa Agawu fi Hogganaan Dhimmoota Siyaasaa Tumsa Nageenya Itiyoophiyaa obbo Alamarawu Yirdaawu filannoon waltajjii guddaa sagaleen olaanaan ummataa itti dhaga’amuu fi egeree biyyattii itti murtaa’u ta’uu hubachiisaniiru. Gamtaan isaanii yeroo ammaa naannolee hedduu keessatti kaadhimamaa filachuu fi galmeessaa jiraachuu eeruun, caasaa jaarmiyaa cimsuu fi manifestoo filannoo qopheessuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru ibsaniiru. Filannoon kun nagaa fi haqa qabeessa akka ta’uuf paartiin isaanii gahee isaa akka ba’us mirkaneessaniiru.   Haaluma walfakkaatuun dura taa’aa itti aanaa Paartii Dimookiraatawaa Gaamoo fi Hojii Gaggeessaa Olaanaa Tumsa Nageenya Itiyoophiyaa obbo Daaroot Gum’aa filannoo bara kanaatiif qophii eegaluu isaanii mirkaneessaniiru. Filannoon kun dimokiraatawaa fi amansiisaa akka ta’uuf Boordii Filannoo waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa akka jiran kan ibsan obbo Daaroot, paartiin isaanii tooftaalee filannoo kana irratti dorgoman bocuun hojii eegaluu isaa akeekaniiru. Qophii fi adeemsa filannoo irratti hubannoo waloo uumuuf, keessumaa waltajjii marii walduraa duubaan miseensotaa fi deeggartoota waliin qopheessuun hojjetamaa akka jiru hubachiisaniiru.
Qabsoon abbootiin keenya birmadummaa Itiyoophiyaa eegsisuuf adeemsisan dhaloota har'aaf barumsa guddaadha – Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Feb 5, 2026 128
Amajjii 28/2018 (ENA) - Qabsoon abbootiin keenya birmadummaa Itiyoophiyaa eegsisuuf adeemsisan dhaloota har'aaf barumsa guddaadha jedhan Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad walgahii idilee 10ffaa waggaa 5ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaa irratti Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatootaaf deebii fi ibsa kennaniin,qabsoon abbootiin keenya birmadummaa fi guddummaa Itiyoophiyaa eegsisuuf taasisan dhaloota ammaaf barnoota dha jedhani. Ministirri Muumee doktar Abiyyi Ahimad gabaasa raawwii hojii ji'oota 6 mootummaa federaalaa bara baajata 2018 irratti miseensonni mana marichaa gaafataniif deebii kennaniiru. Ibsa isaanii keessatti, biyya akka manaatti fakkeessanii kan kaasan yoo ta’u, qaamoleen halluu manaa jijjiiruurra utubaa manaa diiguuf hojjetan akka jiran hubachiisaniiru. Namuusni siyaasaa, sirna morma malee, kan birmadummaa biyyaarratti xiyyeeffate waliin qabsaa’uun akka barbaachisu ibsaniiru. Bakka utubaan manaa hin jirretti qalama dhaaba manaaf (keenyaa) isaaf wal mormuun bu’aa hin qabu kan jedhan Ministirri Muummee, paartileen siyaasaa akka jijjiiraman gaafachuun sirrii ta’us, dhimma birmadummaa Itiyoophiyaa dabarsanii kenneen sirrii miti jedhan. Diinonni Itiyoophiyaa baroota darban mudate fedhii utubaa biyyaa ishee diiguu akka ta’e eeruun, qaamolee utubaa Itiyoophiyaa balleessan waliin hojjechuun balaa guddaa akka ta’e hunduu akka hubatu dhaamaniiru. Seenaan keenya kanaaf barsiisaa gaarii dha; qabsoon abbootiin keenya guddummaa fi birmadummaa Itiyoophiyaaf adeemsisan dhaloota har'aaf barumsa guddaa akka ta'e agarsiiftuu dha jedhan. Fakkeenyaaf, gaafa birmadummaan biyyaa sarbame lolli koo biyya koo waliin miti; jechuun gootonni birmadummaa biyyaaf wareegaman akka jiran yaadachiisaniiru. Bu’uuruma kanaan dhaloonni ammaa daandii gootonni kanaan duraa saaqan hordofuun filannoo ijoo biyyaaf dursa kennuu akka qaban dhaamaniiru. Dhaloonni ammaa utubaa waloo Itiyoophiyaa irratti jabaatee kabajaa fi ulfina biyyaatti amanamuu akka qabus cimsanii dubbataniiru.
Mootummaan filannoo dimokiraatawaa, nagaa fi hirmaachisaa taasisuuf kutannoo qabu agarsiiseera
Feb 4, 2026 177
Amajjii 27/2018 (ENA) - Mootummaan filannoo biyyoolessaa 7ffaa dimokiraatawaa, nagaa fi hirmaachisaa taasisuuf kutannoo qabu agarsiiseera jedhan Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa. Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaa, Walgahii idilee 10ffaa waggaa 5ffaa bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeesseera. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad gabaasa raawwii hojii mootummaa ji’oota jahaa bara baajataa 2018 irratti gaaffii miseensonni Mana Marichaa gaafataniif deebii fi ibsa kennaniiru. Ibsa isaanii keessatti filannoon bara kanaa filannoo darbe caalaa haqa qabeessa, nagaa, hirmaachisaa fi fooyya’aa akka ta’u ni mirkaneessina jedhani. Mootummaan haala filannoo babal’isuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa akka jiru ibsaniiru.   Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa doktar Mabraatuu Alamuu gama qophii fi filannoo dimookiraatawaa taasisuuf gaaffilee ka’aniif mootummaan deebii quubsaa kenneera jedhani. Mootummaan Filannoo Waliigalaa Biyyoolessaa 7ffaa dimokiraatawaa, nagaa fi hirmaachisaa akka ta’uuf kutannoo qabu ibseera jedhaniiru.   Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Masfin Irkaabee filannicha karaa nagaa fi dimokiraatawaa ta’een gaggeessuuf kan dandeessisan haalonni uumamuu himaniiru. Itiyoophiyaan yeroo duula biyya baraaruu gidduu turtetti filannoo akka geggeessite yaadachiisuun, rakkoon nageenyaa filannoo baranaa gufachiisuu danda’u akka hin jirre dubbataniiru. Filannoon kun haqa qabeessa, dimokiraatawaa fi ummata biratti amanamaa akka ta’u amantaa qaban ibsuun, kanaafis paartileen kaadhimamaa galmeessuu eegalaniiru jedhan.   Miseensi Mana Maree Gorsaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa Ustaaz Kaamiil Shamsuu akka jedhanitti, filannoon agarsiiftuu shaakala dimokiraasii hawaasa tokkoo ta'uu ibsaniiru. Mootummaan filannoo bifa dimokiraatawaa ta’een gaggeessuuf kutannoo akka qabu eeruun, kana irra darbee immoo hawaasni filannoon hirmaachisaa akka ta’uuf gahee isaa bahachuu qaba jedhani.
Filannoo waliigalaa 7ffaa nagaa, dimokiraatawaa fi haqa qabeessa taasisuu keessatti gahee keenya bahuuf qophiidha - Mana Maree Dhaabbilee Hawaasa Siivilii
Feb 4, 2026 130
Amajjii 27/2018 (ENA) - Manni Maree Dhaabbilee Hawaasa Siivikii filannoo waliigalaa 7ffaa nagaa, dimokiraatawaa fi haqa qabeessa taasisuuf qophii bal’aa taasisaa jiraachuu beeksise. Pirezidaantiin Mana Marichaa Ahimad Huseen turtii ENA waliin taasisaniin, Manni Marichaa filannoo waliigalaa torbaffaa dhufu nagaa, dimokiraatawaa fi haqa qabeessa akka ta’uuf qophii bal’aa taasisaa akka jiru ibsaniiru. Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa waliin qindoominaan barnootaa fi hubannoo filannoo irratti kennuu, waltajjii falmii fi iftoomina paartileef haala mijeessuuf, hojii taajjabbii filannoo gaggeefamu irratti hirmaachuuf hojjechaa akka jiran himaniiru. Dhaabbileen waldaalee siivikii 200 ol ta’an Boordii Filannootti galmaa’anii eeyyama argachuu isaanii eeruu, dhaabbileen kunneen ragaa hojii eegaluuf isaan dandeessisu Boordii Filannoo irraa erga argataniin booda hojii isaanii ifatti kan jalqaban ta’uu himaniiru. Jijjiiramni biyyoolessaa erga mul’atee as labsiin haaraan ba’ee hojmaatni mijataan akka diriire Pireezidaantichi yaadachiisuun, kunis hirmaannaan dhaabbilee hawaasa siivikii dhimma biyyaalessaa keessatti dabaluu kan agarsissu dha jechuun ibsani. Filannoon dimokiraatawaa biyya ceesisuuf, dhaloota dhufuuf dabarsuuf, aadaa siyaasaa guddisuuf meeshaa murteessaa ta’uus eeraniiru. Lammiileen mirga dimokiraatawaa isaaniitti fayyadamanii mootummaa na fayyada jedhanii amanan karaa nagaa akka filataniif barnoota filannoo bal’aa kennuufis qophii ta’uu ibsaniiru. Paartileen siyaasaa morkattootaa yaada filannoo isaanii ummataaf akka beeksisan waltajjii haala mijeessuuf, akkasumas filattootni beekumsa irratti hundaa’uun paartii filatan akka filataniif akka hojjetan ibsaniiru. Kana jechuunis, amanamummaa adeemsa filannoo mirkaneessuuf dhaabbileen waldaalee siivikii akka taajjabdootaatti hirmaachuudhaan gahee isaanii akka ba’an eeraniiru.
Mootummaan filannoon nagaa qabeessa,hirmaachisaa fi haqa qabeessa akkasumas ulaagaa hundaan  kan duraarra fooyya’aa akka ta’u cimsee hojjechaa jira -  Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad 
Feb 3, 2026 206
Amajjii 26/2018(ENA) - Mootummaan filannoon nagaa,haqaqabeessa, hirmaachisaa fi akkasumas ulaagaa hundaan kan duraa caalaa fooyya’aa akka ta’u cimsee hojjechaa jiraachuu Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsani. Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaa bara hojii wagga 5ffaa walgahii idilee 10ffaa bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffameera. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad gabaasa raawwii hojii Mootummaa Federaalaa bara bajataa 2018 ji'oota 6 irratti gaaffii Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa dhiyaataniif deebii fi ibsa kennaniiru. Ministirri Muummee Filannoo ilaalchisuun ibsa kennaniin filannoon nagaa, haqa qabeessaa fi hirmaachisaa akkasumas ulaagaa hundaan kan duraa caalaa fooyya’aa akka ta’u cimsee hojjechaa jira jedhaniiru. Filannoon waliigalaa 7ffaan kan duraanii caalaa fooyya’aa akka ta’u bu’aasarraa ilaaluun akka danda’amu hubachiisaniiru. Manni Marichaa sagalee adda addaa qabaachuu akka qabu kan dubbatan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, filannoon kun haala Manni Marichaa sagalee adda ta’e itti dhaga’u ni uuma jedhanii amanu jedhani. Paarlaamaan sagalee paartii tokkoo qofa yoo ta’e, Itiyoophiyaaf akka hin fayyadne ibsuun, kun akka jijiiramuu fi sagaleewwan hedduun akka dhagahamaniif mootummaan ciminaan akka hojjetu dubbataniiru. Sagaleen addaa Mootummaarra darbee, Itiyoophiyaaf humna guddaa akka ta’u dubbataniiru.

Hawaasummaa
Ministeerri fayyaa tajaajila Fayyaa si'ataa fi qaqqabamaa taasisuuf deeggarsa Meeshaalee wal’aansaa fi qoricha birrii miiliyoona 80 ollitti tilmaamuu taasise
Feb 5, 2026 76
Amajjii 28/2018(ENA)-Ministeerri fayyaa tajaajila Fayyaa si'ataa fi qaqqabamaa taasisuuf dhaabbilee misooma Fayyaa garaa garaa waliin ta’uun deeggarsa Meeshaalee wal’aansaa adda addaa, qorichootaa birrii miiliyoona 80 ollitti tilmaamuu akkasumas Abuulaansii tokko Waajjira fayyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaaf gumaache. Sagantaa deeggarsaa kanarratti ministirri fayyaa doktar Maqdas Dhaabaa, de’eetaan ministira fayyaa doktar Darajjee Dhugumaa. Hoggantuun biiroo fayyaa Oromiyaa piroofeesar Natsaannat Warqinaa, hoggantoonni godinaa olaanoon fi hawaasni magaalaa argamaniiru.   Ministirri fayyaa doktar Maqdas Dhaabaa Deeggarsa kana wayita taassisan dubbii dubbataniin waliin taanee Hawaasa fayyadamaa taasisuu fi dhaloota dhufuuf waan gaarii dabarsuuf Cimnee hojjechuu qabna jedhaniiru. Qormaatileen jiraatanis hawaasni mootummaan nageenya buusuuf hojii hojii hojjetaa jiru keessatti gumaacha irraa eegamu akka taasisan Dr. Maqdas himaniiru. Godinichatti waggoota muraasaan dura rakkoo nageenyaa irraa kan ka’e qorichii fi meeshaaleen wal’aansa manca'uu isaatiin hawaasni rakkaachaa turuu kan kaasan ammoo de’eetaa ministira fayyaa doktar Darajjee Dhugumaati.   Yeroo ammaa nageenyi bu’uusaatiin qindoomina Ministeera Fayyaa fi Biiroo Fayyaa Oromiyaa akkasumas waajjira Fayyaa Godinaa waliin ta'uun kenninsa tajaajilaa ammayyaa'aa fi si'ataa taasisuuf xiyyeeffannoon ni hojjetamaa jechuun Dr. Darajjee Dhugumaa ibsaniiru. Deeggarsi meeshaalee wal’aansaa taasifame kun Hospitaalotaa fi Buufataalee Fayyaa Godinicha keessatti argamaniif kan rabsamu ta’uunis eerameera. Imaammataa fi Tarsimoo Fayyaa karoorfamee hojjetamaa jiruun hawaasa godina Horroo Guduruu Wallaggaa rakkoo keessa ture deeggaruu fi cinaa dhaabachuun misooma fayyaa galmaan gahuuf kan hojjetan ta'uu Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Pirofeeser Natsaannat Warqinah himaniiru.   Hawaasni Godinichaa dheebuu misoomaa fi guddinaa waan qabuuf Mootummaan xiyyeeffannoo olaanaa kennee hawaasa fayyaa buleessa horachuun guddina dinagdee saffisiisuu keessatti hojii cimaan hojjetamaa jiraachuu Bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa obbo Mirreessaa Fiixee himaniiru.   waajjira koomunikeeshinii Godina Horroo guduruu wallaggaarraa
Dhaabbilee Fayyaa humna namaa fi galteewwaniin cimsuun qulqullina tajaajila fayyaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera
Feb 5, 2026 59
Amajjii 28/2018 (ENA) - Dhaabbilee Fayyaa humna namaa fi galteewwaniin cimsuun qulqullina tajaajila fayyaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira jedhe Ministeerri Fayyaa. Gareen Ministira Fayyaatiin durfamu Hospitaala Waliigalaa Yuunivarsiitii Wallaggaa, Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Magaalaa Wallaggaa, Laaboraatoorii Naannoo, Fandii Qorichaa fi pirojektoota misoomaa biroo magaalaa Naqamtee daawwateera.   Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa wayita sana akka jedhanitti, sadarkaa tajaajila fayyaa fooyyessuu fi qulqullina isaa eegsisuun hawaasa fayya qabeessa uumuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira. Dhaabbilee fayyaa galteewwan meeshaalee fayyaa fi misooma humna namaa cimsuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiirra oolmaa isaafis dandeettii dhaabbilee fayyaa adda baasuun, yeroo yeroon hordoffii fi deeggarsi akka taasifamu eeruun, daawwannaan godina Wallaggaa Bahaatti taasifame kunis qaama kanaa ta’uu ibsaniiru. Dandeettii dhaabbilee fayyaa cimsuu fi tajaajila fayyaa hawaasaa bu’a qabeessa taasisuuf Ministeerichi dawaa fi meeshaalee yaalaa deeggarsa taasisuu isaa ibsaniiru. Ministeerri kun dhaabbilee fayyaa Godina Wallagga Bahaa fi Magaalaa Naqamteef deeggarsa meeshaalee yaalaa adda addaa birrii miiliyoona 22 ol ta’u taasisuu eeraniiru.   Hospitaala Waliigalaa Yuunivarsiitii Wallaggaa Magaalaa Naqamteef meeshaa yaala fayyaa kalee dhiqu afur kennuun tajaajila kennaa jiraachuun isaa waan jajjabeessaadha ta’uu ibsani. Yaala kaansarii (Keemooteraappii) jalqabuun keessumattuu kutaa dhiha biyyattiitiif aaragalfii guddaa akka ta’es himaniiru. Haata’u malee yaalamtootaa fi dhiyeessiin jiru kan wal hin simne ta’uu eeruun, gara fuula duraatti akka fooyyeffamu himaniiru. Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofeesar Natsaannat Warqinaa gama isaaniitiin, deeggarsi garee Ministeera Fayyaatiin durfamu hojiiwwan Magaalaa Naqamteetti daawwannaanii fi deeggarsi taasisan tajaajila fayyaa hawaasaa fooyyessuuf dandeettii dabalataa akka ta’u dubbatani. Itti Gaafatamaan Waajjira Eegumsa Fayyaa Godina Wallagga Bahaa obbo Bultoosaa Bushaa akka jedhanitti, kenniinsa tajaajila fayyaa gamaaggamuufi kallattii kennuudhaaf hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo qaamaan argamuun rakkoolee mudatan waliin furuuf ni gargaara. Dabalataanis Ministeera Fayyaa fi Waajjira Fayyaa Naannoo Oromiyaa deeggarsa yaalaa fi meeshaa taasisaniif galateeffataniiru.
Diinagdee
Itiyoophiyaan Kaampaanota Awuroppaaf caarraawwan Invastimantii mijataa uumuun michuu amanamtuudha
Feb 6, 2026 19
Amajjii 29/2018(ENA)-Itiyoophiyaan Kaampaanota Awuroopaaf carraa invastimantii mijataa uumuun michuu amanamtuu ta’uu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri gamtaa Awurooppaa Soofii Firoom Immesberger ibsan. Ambaasaaddar Soofii Firoom Immesberger turtii ENA waliin taasisaaniin Gamtichi Mana Maree Daldalaa Awurooppaa waliin dhiheenyatti hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaatti dirreen daldalaa babal’achaa dhufuusaan kaampaanonni 180tti dhihaatan Itiyoophiyaatti hojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Komishiniin Invastimantii Itiyoophiyaa fi kaampaanonni Awurooppaa walitti hidhaminsasaanii cimsuuf marii taasisuusaaanii ibsuun, gara fuulduraattis fooramiin daldalaa Itiyoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa baatii Eblaa ni gaggeeffama jedhaniiru. Fooramichi carraawwan Invastimantii mijataa Itiyoophiyaan qabdu beeksisuuf shoora olaanaa akka qabaatu ibsaniiru. Fooyya’insi Diinagdee gooroo guutuu Itiyoophiyaa dameelee Diinagdee hedduun bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu kan ibsan ambaasaaddarri kun, riifoormichi sharafa Alaa waliin rakkoolee wal qabatan furuuf kaampaanonni Awurooppaa hedduun gara gabaa Itiyoophiyaatti akka makaman taasiseera jedhaniiru. Kaampaanonni Awurooppaa gara Invastimantii Itiyoophiyaatti makamuuf fedhiin qaban guddachaa dhufuun milkaa’ina riifoormichaaf tumsaan akka hojjetan ibsaniiru. Gamtaan Awurooppaa Aannisaa haaromfamaan, Fayyaa fi dameelee tumsa gara biroon Itiyoophiyaa waliin hojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Gara fuuladuraatti gamtichi Dinagdee marsaa , Misooma magaaalaa fi dameewwan daldalaa fi Invastimantii biroorratti michuu amanamaa Itiyoophiyaa taa’uun ittifufti jedhaniiru.
Zooniin Diinagdee Addaa ji'oota jahan darbanitti oomisha bakka bu'aa birrii biiliyoona 2 tuqaa 5 kan baasan Oomisheera
Feb 6, 2026 26
Amajjii 29/2018 (ENA)-Zooniin Diinagdee Addaa Adaamaa ji’oota jahan darban keessatti oomisha bakka bu’aa birrii biiliyoona 2 tuqaa 5 kan baasan oomishuun sharafa alaa baraaruu beeksise. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Kibxata darbe gaaffilee miseensota mana maree bakka bu’oota uummataa irraa gaaffii ka’aniif ibsaa fi deebii kennaniin, Sochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu oomishaalee biyya alaatii galfaman oomisha biyya keessaatiin bakka buusuun sharafa alaa doolaara biiliyoona 3 tuqaa 4 baraaruu danda’eera jedhan. Indaastiriiwwan oomisha bakka bu’aa, al-ergii fi gumaacha diinagdee irratti kaka’umsa olaanaa fi bu’aa oomishtummaa guddaa agarsiisaa akka jiran ibsaniiru.   Hogganaan olaanaa Zoonii Diinagdee Addaa Adaamaa obbo Gullilaat Abbabaa ENAtti akka himanitti, Oomisha bakka bu’ummaa irratti xiyyeeffachuun sharafa alaa hir’isuuf hojii hojjetamaa jiru keessatti bu’aan qabatamaan mul’achaa akka jiru ibsaniiru. Indaastiriiwwan Zoonii Diinagdee Addaa keessa jiran oomisha bakka bu’aa irratti xiyyeeffachuun sharafa alaa baraaruu danda’aniiru jedhan. Zoonii diinagdee kana keessatti oomishaaleen bakka bu’aa sadarkaan isaanii eegame oomishamaa jiraachuu eeruun, isaan keessaas uffata, halluu ijaarsaa fi sibiilaa, meeshaalee ijaarsaa, safartuu ibsaa fi qulqullina daa’immanii kan eegu (daayipparii) faa akka ta’an himan.   Dhaabbilee Zoonii Diinagdee Addaa Adaamaa keessa jiran keessaa Muktaar Kadir, manaajara oppireeshinaalaa Anteeksi Teekistaayilii Chaayinaa kan ta’an, dhaabbatichi uffata adda addaa omishuun gabaa Awurooppaaf dhiyeessuu fi galii sharafa alaatiif gumaacha taasisaa akka jiru ibsaniiru.   Zoonii Diinagdee Addaa Adaamaa keessa sheedonni kudha salganuu kan abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi biyya alaan qabaman yoo ta’u, lammiilee kuma 9 ol ta’aniif carraa hojii dhaabbataa uumuun isaanii himameera.
Godinichatti biqiltuuwwan Bunaa sanyii fooyya’aa qaban  miiliyoonni 379 ol dhaabbiif qophaa’aa jiru  
Feb 6, 2026 31
Amajjii 29/2018(ENA) - Godina Wallaggaa Lixaatti biqiltuuwwan bunaa sanyii fooyya’aan qophaa’aa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Waajjira Qonnaa Godinichaatti dursaan garee misooma Bunaa fi shayii Ifireem Masfin ENAtti akka ibsanitti, godinichatti biqiltuuwwan bunaa Wiirtuu Qorannoo Qonnaa Jimmaarraa kan argamanii fi yeroo gabaabaa keessatti sanyii fooyya’aa kan kennan qophaa’aa jiru jedhani. Biqiltuuwwan bunaa dhaabbii Ganna dhufuuf qophaa’aa jiran, miiliyoona 379 tuqaa 8 ol ta’uusaanii eeruun, biqiltuuwwan kana buufataalee biqiltuu mootummaa fi dhuunfaa keessatti qophaa’aa jiraachuu dubbataniiru. Qophichaan qonnaan bultoonni omishtoota bunaa kuma 56 ol hirmaachaa jiraachuusaanii ibsaniiru. Biqiltuuwwan bunaa dhaabbii Ganna dhufuuf qophaa’aa jiran lafa heektaara kuma 64 ol irratti akka dhaabbatu ibsaniiru. Godinichatti omishtummaa bunaa guddisuuf qonnaan bultoonni biqiltuuwwan bunaa dullooman gamashuunii fi biqiltuuwwan bunaa sanyii fooyya’aa qaban akka dhaabbatan taassifamaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbiin biqiltuu dhuma baatii Caamsaatii hanga Adoolessa 2018tti akka gaggeeffamuu fi qonnaan bultoonni ammumaan boolla biqiltuun itti dhaabbatu qopheessuu eegaluusaanii himaniiru. Biqiltuuwwan kuma 2 ol dhukkuba kan dandamatanii fi omisha gaarii kennan dhaabbii Ganna dhufuuf biqilchaa jiraachuu qonnaan bulaa aanaa Gimbii Wandimmuu Galataa ibsaniiru. Mootummaan waggaa waggaan biqiltuuwwan bunaa sanyii fooyya’aa dhihessuusaan omishtummaasaanii guddifachuuf isaan gargaaruu dubbataniiru. Jiraataan Aanaa Hoomaa qonnaan bulaa Abdataa Likkaasaa gamasaaniin, buna itti fufinsaan misoomsuun fayyadamummaasaanii guddisuusaanii ibsaniru. Dhaabbii biqiltuu Ganna dhufuuf biqiltuuwwan kuma 3 ol dhuunfaasaaniin qopheessaa jiraachuu eeruun, yeroo ammaa qophii boolla biqiltuu fi xaa’oo uumamaa taassisaa jiraachuu dubbataniiru. Godinichatti lafti heektaara kuma 600 ol misooma bunaan misoomsamaa jiraachuu ibsameera.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Lakkoofsi fayyadamtoota tajaajila Mobaayila miiliyona 97 ga’eera
Feb 4, 2026 88
Amajjii 27/2018(ENA)- Lakkoofsi fayyadamtoota tajaajila Mobaayila miiliyona 97 ga’uusaa Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mana maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa walgahii idilee 10ffaarratti argamanii gabaasa raawwii batii 6 irratti gaaffiiwwan miseensota mana mareerraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru. Dameen dijiitalaa keeessumaa fayyadamtoonni tajaajila Mobaayilaa guddachaa dhufuusaa kaasaniiru. Yeroo jijiiramni dhufu lakkoofsi fayyadamtota mobaayilaa miiliyoona 37 akka ture kaasuun, yeroo ammaa Itiyoo- Telekoomiin, miiliyoona 87, saafaarii koomiin miiliyoona 10 ol walii gala fayyadamtoonni mobaayilaa miiliyoona 97 jiraachuusaanii eeraniiru. Kunis jijiiramaa asitti miiliyoona 60n dabaluusaa agarsiisa kan jedhan ministirri muummee, ta’us kun ga’aa akka hin taanee fi tokkoon tokkoo Itiyophiyaanotaa fayyadamtota mobaayilaa akka ta’an hojjetamuu akka qabu ibsaniiru. Dhaqqabamummaan Tajaajila neetworkii 4G fi 5G babal’achaa jiraachuu kaasuun, magaalonni kuma 1 fi 70 fayyadamtoota 4G akkasumas magaalonni 28 fayyadamtoota 5G ta’uusaanii dubbataniiru. Kunis lammiileen tajaajilaa fi daldala si’ataa akka argatan dandeessisaa jira jedhaniiru. Damee faayinaansiin waggoottan sadanii asitti lakkoofsi daddabarsa maallaqaa mobaayilaa miiliyona 58 ga’uu eeraniiru. Sirni gurgurtaa dijiitaalaas maallaqa callaan gochuurra saffisaaan gaggeeffamuu eeranii, kunis bu’aa Imaammata imala tarkaanfii Itiyoophiyaa ta’uusaa kaasaniiru. Tajaajila kaffaltii dijiitalaanis baatiiwwan ja’an darban bu’aawwan galmaa’an kan waggaa darbee yeroo Kanaan yoo madaalamu dhibbantaa 60 dabaluu eeraniiru. Qusannaa maallaqaa dijiitaalaa fi tajaajilli qusannoo guddachuusaa hubachiisaniiru.
Saawwan Booranaa sanyii fooyya’aa waliin diqaalomsuun bu’aan omisha Aannanii fooya’aa kennuu dandeessisu argameera
Feb 4, 2026 63
Amajjii 27/2018(ENA)-Inistitiyuutii Qorannoo Qonna Oromiyaatti saawwan Booranaa sanyii fooya’aa waliin diqaalomsuun bu’aa Aannanii fooya’aa kennuu dandeessisu argamuu ibse. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Tashoomaa Boggaalaa ENA’f akka ibsanitti, horiin Booranaa Foonsaanii fooyya’aa ta’us omishni aannanii irraa argamu xiqqaadha. Wiirtuu Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluuttti saawwan Booranaa Korma sanyii biyya Alaa waliin diqaalomsuun gorommiin omisha Aannanii fooyya’aa kennan dhalachuusaanii ibsaniiru. Hojii qorannoo gaggeeffameen horii Booranaa diqaalomsuun hin barbaachisu sanyiinsaanii foyya’oodha yaadamni jedhu jijiiramuu danda’eera jedhaniiru.   Fakkeenyaaf saawwan Booranaa waliin diqaalomsuun jabbiileen dhalatan guddinnisaanii saffisaa fi omisha aannanii fooyya’aa kan kennan ta’uusaanii eeraniiru. Jabbiileen sun bakkeewwan biyyattii kamittuu kan madaqan yoo ta’u waggaa tokkoo fi walakkaa keessatti deebi’anii dhaluu kan danda’an ta’uu ibsaniiru. Saawwan Booranaa omisha Aannanii guyyaatti kennan liitira lama kan hin caalle ta’uu eeruun gorommiiwwan diqaalomsuun dhalatan guyyaatti Aannan hanga liitira 10n akka elmaman beeksisaniiru.   Gorommiiwwan Booranaa dhalataa jalqabaa sanyiinsaanii fooyya’e 120 baatii 6 keessatti akka gahan taassifamuu hubachiisaniiru. Qorannoo marsaa lammataan sanyiiwwan fooya’an immoo guyyaatti Aannan liitira 15 hanga 20 akka elmaman ibsaniiru. Kanaanis Omishaa fi omishtummaa Aannanii dabaluurra darbee fayyadamummaa Qonnaan bulaa fi Horsiisee bulaa guddisuun danda’ameeera jedhaniiru    
Masoob Tajaajila wiirtuu tokkoo dhaqqabamummaa babal’isuuf  tajaajila socho’aa kennuu eegala -  Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Feb 3, 2026 110
Amajjii26/2018(ENA)- Masoob Tajaajilli wiirtuu tokkoo dhaqqabamummaa babal’isuuf tajaajila socho’aa kennuu akka eegalu Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Manni maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa bara hojii waggaa 5ffaa walgahii idilee 10ffaa bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad bakka argamanitti gaggeeffameera. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad gabaasa raawwii hojii mootummaa Federaalaa bara bajataa 2018 ji'oota 6 irratti gaaffii Miseensota Mana Maree bakka bu’oota ummataarraa dhiyaataniif deebii fi ibsa kennaniiru. Masoob Tajaajilli wiirtuu tokkoo waliin wal qabatee ibsa kennaniin, Masoob tajaajilli Wiirtuu tokkoo dhaqqabamummaa babal’isuun yeroo ammaa gidduugalawwan 33n ga’uun akka danda’ame ibsaniiru. Gara fuuladuraattis Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo babal’isuun lammiileen tajaajila mootummaa qulqullina fooya’een akka argataniif xiyyeeffannnoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo yeroon itti eegale gabaabaa ta’us damichaan bu’aan abdachiisaan galmaa’uun akka danda’ame hubachiisaniiru. Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo dhaqqabamummaa babal’isuuf tajaajila socho’aa kennuu eegaluuf haaldureen qophii dandeessisan taassifamaa jirachuu beeksisaniiru. Baasiitiin sosocho’uun bakkeewan adda addaatti sosocho’uun tajaajila “online” kennuuf qophiin dandeessisu taassifamaa jiraachuu ibsaniiru. Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo qulqullinaa fi sadarkaa tajaajila mootummaan lammiileef kennu fooyyessuun deddeebbii hanbisaa jiraachuu eeraniiru.
Eenyummeessaan Faayidaa fayyadamummaa hawaasummaa fi Dinagdee dubartootaa guddisuuf murteessaadha
Feb 2, 2026 123
Amajjii 25/2018(ENA)-Eenyummeessaan biyyaalessaa Faayidaa fayyadamummaa hawaasummaa fi Dinagdee dubartootaa guddisuuf qooda qabaachuu hoggantoonni Dubartootaa Naannoo Affaarii fi Benishaangul Gumuz dubbatan. Dubartoonni naannolee kanneenii eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa akka qabaataniif Xiyeeffannoon itti kennamee hojjetamaa jiraachu dubbataniiru. Itti Aantuun Hoggantuu Biiroo dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa naannoo Affaar Aadde Nasiroo Uudaa akka ibsaniitti, yerichi yeroo dijiitalaa waan ta’eef galmeen eenyummeessaa Dijiitaalaa Biiyyaalessaa gaggeeffamaa jiru haala dubartoota hirmaachiseen hojjetamaa jira jedhaniiru.   Keessumaa Naannichatti bakkeewwan baadiyaatti dubartoota haala Kanaan fayyadamoo taassisuuf hojjetamaa jirachuu ibsaniiru. Sadarkaa naannootti dubartoota Miiliyoona tokko fayyadamoo eenyummeessaa dijiitalaa taassisuuf qindoominaan hojjetamaa jirachuu ibsuun , eenyummeessaan Dijiitaala Faayidaa Fayyadamummaa hawaasunmmaa fi Dinagdee dubartootaa guddisuuf kan gargaaru ta’uu hubachiisaniiru.   Naannoo Benishaangul Gumuz Bulchiinsa Magaalaa Asoosaatti Hoggantuun Qajeelcha Maallaqaa Magaalaa Asoosaa Aadde Faaxumaa Mahaammad gamasaaniin, eenyumeessaan Dijiitaalaa Faayidaa tajaajilli akka si’atu gochuun hirmaanaa fi fayyadamummaa dubartootaa guddisa jedhaniiru.   Bulchiinsa Magaalaa Asoosaatti Bulchituun aanaa 01 Aadde Amuunaa Abdulwaahid akka jedhanitti, eenyummeessaan dubartootaaf Faayidaa qabu hubachiisuun hojin hubannaa uumuu hojjetamaa jira jedhaniiru. Hojii sosochii hanga ammaatti hojjetameen dubartoota hedduu fayyadamoo eenyummeessaa dijiitaalaa gochuun danda’amuu ibsun baatiiwwan itti aanaanaittis galmicha milkeessuuf ni hojjetama jedhaniiru. Gurmaa’insa dubartootaa adda addaa fayyadamuun eenyummeessaa Dijiitaalaa faayidaa akka qabaatan hojiin eegalamee cimee itti fufa jedhaniiru.
Ispoortii
Madin Itiyoophiyaan Machaal waliin taphata
Jan 26, 2026 243
Amajji 18/2018(ENA) - Piriimiyerliigii Itiyoophiyaa torbee 17ffaa oolmaa lammaffaa irratti taphoonni sadii ni taphatamu. Kilabni Madin Itiyoophiyaa Machaal waliin har’a guyyaa keessaa sa’aatii 10tti istaadiyeemi Finfinneetti taphata. Shaampiyoonaan liigii yerichaa Madin Itiyoophiyaan taphoota 16 taphachuun 4 mo'atee, 6 moo'ameera. Taphoota biroo 6 immoo wal qixa bahuun,taphoota 16 keessaa 12 galchuun,galchiin 14 itti lakkaa’ameera. Madin qabxii 18’n sadarkaa 114 qabateera. Morkataan isaa Machaal taphoota 16 hanga ammaatti taphateen taphoota 7’n mo’atee, taphoota 4’n immoo mo’ameera. Yeroo shan immoo qixa baheera. Galchii 22 lakkoofsisuun, galchiin 13 itti lakkaa’ameera. Machaal qabxii 26’n sadarkaa 5ffaa qabateera. Madin Itiyoophiyaan taphoota lama booda gara injifannootti deebi'uuf taphaphata. Machaal yoo injifate injifannoo isaa walitti aansuun yeroo sadaffaaf galmeeffata. Tapha biraatiin immoo Qiddus Goorgisiin Midire Gannat Shiree waliin guyyaa keessaa sa'aatii 7:00tti istaadiyeemii Finfinneetti ni taphata. Qiddus Goorgis bara kana hanga ammaatti taphoota 16 taphate keessaa 6 yoo injifatu, haaluma walfakkaatuun taphoota 6 immoo mo’atameera. Yeroo 4 immoo walqixa bahuun, galchii 15 galchuun, gooliiwwan 12 keessummeesseera. Shaampiyoonaa liigii yeroo 16 kan ta'e Qiddus Goorgis qabxii 22’n sadarkaa 8ffaa irra jira. Morkataan isaa Midire Gannat Shireen taphoota 16 taphatee shan injifateera. Yeroo jaha mo'amee shan qixa ba'eera. Taphoota 16 irratti goolii 16 galchuun, gooliin 13 immoo itti lakkaahameera. Midire Gannat Shireen qabxii 20’n sadarkaa 10 irra jira. Guyyaa keessaa sa’aatii 10tti Itiyoo Elektirikiin Walaayittaa Diichaa waliin istaadiyeemii Yunivarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti taphatu. Itiyoo Elektirikiin qabxii 25’n sadarkaa 7ffaa yoo qabatu, Walaayittaa Diichaan immoo qabxii 14’n sadarkaa 19ffaa qabachuun sadarkaa gadi bu’insaa keessa jira. Torbee 16ffaa irratti Maqalee sabaa’andartaa mo'amuun kan isa mudate Etiyoo Elektirikiin gara injifannootti deebi'uuf kan taphatu dha. Taphoota liigii 6 darban walitti aansuun injifannoo malee kan ture Walaayittaa Diichaan qabxii sadii yoo argate naannoo gadi bu'iinsaa keessaa bahuu danda’a.
Walmorkiin seenaa qabeessii Arsenaalii fi Maanchistar Yuunayitid Hawwiin eegamu  har’a galgala  gaggeeffama
Jan 25, 2026 288
Amajjii17/2018(ENA)- Taphni Piriimar Liigii Ingiliz sagantaa torban 23ffaan Arsenaalii fi Maanchistar Yuunaayitid har’a gaggeessan Hawwiin eegama. Taphni Kilaboota lamaanii galgala sa’atii 1:30 Istaadiyeemii Emireetisitti ni gaggeeffama. Arsenaal tapha liigichatti gaggeesseen yeroo15n yoo injifatu,yeroo2 mo’ameera. Yeroo 5n qixaan adda baheera. Taphichaan Arsenaal galchiiwwan40 yoo lakkoofsisu galchiiwwan14 keessummeesseera. Lenjisaan Lammii Ispeen waggaa 43 kan ta’e Maayikil Arteettaan kan durfamu Arsenaal qabxii 50n sadarkaa 1ffaarratti argama. Morkataansa Maanchistar Yuunaayited bara dorgommichaatti taphoota gaggeessee 22n yeroo 9 yoo injifatu yeroo 5n mo’ameera. Taphoota hafan biroo 8n qabxii qooddateera. Morkataansa Maanchistar Yuunaayited galchii 38 yoo lakkoofsisu galchii 32 keessummeesseera. Leenjisaa Lammii Ingiliz Waggaa 44n kan ta’e Maayikil Kaarikiin kan leenji’u Maanchistar Yuunaayitid qabxii 35n sadarkaa 5ffaarra jira. Kilaboonni lamaan morkiiwwan hundaan kan walitti dhufan kan ammaa yeroo 246ffaa dha. Turtii ammaan dura yeroo 245n walitti dhufanitti Maanchistar Yuunaayitid yeroo 99 injifateera. Arsenaal Yeroo 91 yoo injifatu yeroo 55n qixaan adda baheera. Piriimar liigichatti yeroo 66 taphateera. Maanchistar Yuunaayitid yeroo 25n yoo injifatu Arsenaal yeroo 23 injifateera. Yeroo 18 qixaan adda baheera. Taphoota liigichaa shanan darbanitti Arsenaal yeroo 4 yoo injifatu yeroo tokko qabxii qooddateera. Yuunaayitid Liigichatte yeroo dhumaaf Arsenaaliin kan mo’ate A.L.A. Fulbaana 4 bara 2022 yoo ta’u , wayita sana 3 fi 1n injifateera. Arsenaalii fi Maanchistar Yuunaayitid seenaa Piriimar Liigii Ingilizitti gariiwwan morkattootaa kan jedhamanidha. Kilaboonni kunnen yeroo jalqabaaf kan walitti dhufan A.L.A bara 1894 ture. Taphichaan gareewwan kunneen sadii sadiin walqixaan adda bahaniiru. Gareewwan kun tapha jalqabaarraa eegalanii walmorkii waggaa 131 waltajjii Awurooppaa fi Ingiliz irratti gaggeessaniiru. Arsenaal Waancaa Liigichaa yeroo 13 yoo fudhatu, Maanchistar Yuunayitid yeroo 20 injifachuun olaantummaa qabateera. Taphichaan Arsenaal taphoota lamaan booda gara injifannootti deebi’uuf, Yuunayitid Injifannoo darbii Maancisterbooda injifannoo ittifufaa galmeessisuuf walmorkii taassifamudha. Tapha kilaboota lamaanii Hawwiin eegamu Kireeg Paawusan Abbaaseerummaan gaggeessu. Sagantaa birootiin Kiristaal paalaas Chelsii waliin , Niwuukastil Yuunaayitidii fi Astonviilaa fi Bireentifoordi, Nootingam Foorest guyyaa sa’aatii wal fakkaataa 11:00tti taphasaanii gaggeessu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Haroo Haramaayaa misoomsuun bakka gahumsa turistii taasisuuf qindoominaan hojjetamaa jira
Feb 2, 2026 107
Amajji 25/2018(ENA) – Haroo Haramaayaa misoomsuun bakka gahumsa turistii taasisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa beeksise. Bulchiinsa Magaalaa Maayaa jalatti kan argamu bakkeewwan hawata turizimii ta’an keessaa tokko Haroo Haramaayaati. Harri Haramaayaa waggoota hedduuf gogee kan ture yoo ta’u,hojiilee kunuunsa qabeenya uumamaa fi Ashaaraa Magariisaan hojjetamaniin bishaan kuufachuun akka duriisaatti deebi’eera. Bulchiinsi magaalichaa fi hawaasni naannichaa hara sana kunuunsuunii fi misoomsuun lakkoofsi dawwattootaa dabalaa dhufuu isaa hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa aadde Jamiilaa Simbiruu dubbataniiru. Yeroo ammaa Harichi bakka bashannanaa ta’uu irra darbee,dargaggootaaf carraa hojii uumaa kan jiru yoo ta’u, diinagdee damee kana irraa argamu guddisuuf ciminaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Naannichi qabeenya uumamaa hedduu kan qabu ta’uu fi lafa madda aartistootaa ta’uu himaniiru.   Kantiibaan Magaalaa Maayaa doktar Ifraahi Waziir gama isaaniin, kunuunsa bishaanii fi biyyee akkasumas Ashaaraa Magariisaan kan deebi’e Harri kuni, kunuunsi qabeenya uumamaa cimee hojjetamaa jira jedhan. Kana malees madda galii ta’aa jira jedhan.   Harri Haramaayaa kunuunsa isaaf taasifameen miidhagee carraa hojii dargaggootaas ta’ee jiraachuu isaa argeera kan jedhan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Naannoo Oromiyaatti ogeessa turizimii Oliiyaad Bariisoo dha. Naannichatti abbootii qabeenyaa affeeruun loojiiwwanii fi riizoortiiwwan babal’isuun hojiilee fooyya’aa hojjechuun akka danda’amus ibsan obbo Oliyaad.   Haroo Haramaayaa irratti tajaajila bidiruu kan kennu dargaggeessi Muktii Ahimad daawwattoota bidiruutiin daawwachiisuun dabalatatti hojii misooma qurxummii irratti hirmaachaa jiraachuus himeera.
Misoomni ashaaraa magariisaa, sululaa fi qarqara lageenii bishaan eeguudhaan bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiru
Feb 2, 2026 89
Amajjii 25/2018 (ENA)- Misoomni ashaaraa magariisaa, sululaa fi qarqara lageenii bishaan eeguudhaan bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiraachuu abbaan taayitaa eegumsa naannoo beeksise. Abbaan taayitichaa guyyaa lafa bishaan qabnii kan baranaa mata duree “lafa bishaan qabuu fi beekumsa mandhalee, hambaa aadaa keenyaa haa kabajnu” jedhuun kabajaa jira. Itti aantuun daarektara olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Fireenash Makuraa akka ibsanitti, Itiyoophiyaan lafa bishaan qabuu fi lubbu qabeeyyii gragaraan kan badhaatedha. Qabeenyi uumamaa kunneen kunuunfamanii dhalootatti akka darban beekumsa mandhalee fi toftaawwan kunuunsa karaa aadaa qooda olaanaa bahachaa akka turan turuusaanii ibsaniiru. Hawaasni seerota aadaa fi duudhaalee dur qabuun lafa bishaan qabuu fi bishaan kunuunsaa turuusaa eeraniiru. Lafti bishaaan qabatu faayidaa olaanaa taasisaa akka jiran eeranii, bishaan faalame karaa uumamaan calaluu, balaa lolaa ittisuu fi jiidha lafaa eeguu akkasumas jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu fi hoo’a naannawaa hir’isuu wabeeffataniiru. Miidhaa qabeenya uumamaa kanneen irra qaqqabu furuuf beekumsi saayinsaawaa ammayyaa beekumsa mandhalee waliin qindeessuun hojiirra oolchuun akka barbaachisu dubbataniiru. Pirojektoonni ashaaraa magariisaa fi misooma qarqara lagaa yeroo ammaa hojjetamaa jiran nageenya lafa bishaan qabataniif gumaacha olaanaa gumaachaa akka jiran mirkaneessaniiru. Abbaan taayitichaa naannolee fi qaamolee qooda fudhattootaa dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa akka jiru eeranii, kunuunsi taasifamu mootummaa qofaan osoo hin taane itti gaafatama hawaasaa, dhaabbilee qorannoo fi dame dhuunfaa ta’uu himaniiru.
Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi hojiilee misooma sululssrratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjechaa jirti
Jan 22, 2026 231
Amajjii 14/2018(ENA) - Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi misooma sululaa irratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjechaa jiraachuu Ministirri Bishaanii fi Inarjii doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan. Ministeerri Bishaanii fi Inarjii bara baajata bara 2018 gamaaggama raawwii karoora ji'a 6 magaalaa Naqamteetti gaggeessaa jira. Doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan wayita sana akka jedhanitti, baroota darbe qabeenya bishaanii haala gaariin misoomsuun itti fayyadamuuf tarkaanfiiwwan fudhataman bu’aa gaarii argamsiisaniiru.   Itiyoophiyaan kan hordoftu itti fayyadamaa fi bulchiinsi qabeenya bishaanii haqa qabeessaa fi madaalawaa ta’een hojii misoomaa saffisiisuu keessattis gahee olaanaa qaba jedhan. Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi misooma bishaan sululaa irratti hojiiwwan bu’a qabeessa qabatamaa hojjetteetti jedhan. Gama biraatiin ministeerichi misooma bishaan kuufamaa fi fooyya’iinsa jireenyaa naannoo gammoojjiitti hojiiwwan abdachiisaa ta’e hojjechaa jiraachuu eeraniiru.   Qabeenya bishaaniin dabalatatti qabeenya anniisaa sirnaan adda baasuu fi hojiirra oolchuun itti fayyadamuu akka barbaachisu himaniiru. Waltajjii kana irratti Miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota ummataa, hoggantoonni Biiroo Bishaanii fi Inarjii Mootummaa Federaalaa fi Naannoolee, akkasumas Bulchiinsa magaalota lamaanii hirmaataniiru.
Godina Wallaggaa Lixaatti sululoota 487 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa jira
Jan 22, 2026 203
Amajjii 14/2018(ENA) – Godina Wallaggaa Lixaatti sululoota 487 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii gaggeeffamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Godinichaa ibse. Waajjira Qonnaa Godina Wallaggaa Lixaatti Dursaan Garee Eegumsa Qabeenya Uumamaa obbo Fiqiruu Birhaanuu akka jedhanitti, Godinicha keessatti sululoota 487 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa jira.   Hojiilee bara darbe kunuunsa biyyee fi bishaaniif taasifame irraa qonnan bultoonni faayidaa qabatamaan waan arganiif, kan baranaas haala gaariin irratti hirmaachaa jiru jedhan. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaaniif bara darbe taasifameen lafti dhiqamee ture deebi’ee misoomeera jedhan.   Bara darbe hojii misooma kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetaniin faayidaa argachuu eeruun, kan baranaas haala gaariin irratti hirmaachaa jiraachuu kan himan immoo qonnaan bulaa obbo Hambisaa Guddinaati. Lafti isaanii kanaan dura dhiqama biyyeef saaxilamee oomishaa fi oomishtummaan kan gadi bu’e ta’uu eeruun, amma garuu lafti isaanii damdamachuu himaniiru.   Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaaniin daagaa fi hojiiwwan eegumsa naannoo kan biroo hojjetaniin naannoo isaaniitti jijjiiramni qabatamaan argameera kan jedhan immoo qonnaan bulaa gara biroo obbo Kennasaa Ammumaa dha. Kanaafuu kunuunsa biyyee fi bishaanii misooma daagaa irratti qonnaan bultoota biroo waliin ta’uun hirmaachaa akka jiran dubbataniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 16687
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1931
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015