Ji'oota jahan darban keessatti Qaroon Ijaa 247 walitti qabameera - ENA Afaan Oromoo
Ji'oota jahan darban keessatti Qaroon Ijaa 247 walitti qabameera
Amajjii 8/2018 (ENA)- Tajaajilli Baankii Dhiigaa fi Tishuu Itiyoophiyaa walakkaa bara baajataa jalqabaa keessatti Qaroo Ijaa 247 walitti qabuun fayyadamtootaaf dhiyeessuu beeksiseera.
Tola ooltonni kuma 1fi 750 yeroo lubbuun darban qaroo ijaa isaanii arjoomuuf wadaa galuu isaanii itti aanaan daarektara olaanaa Baankii dhiigaa fi Tishuu Itiyoophiyaa Habtaamuu Taayyee ibsaniiru.
Kanaan dura Baankiin Ijaa Hospitaala Kompireesiivii Daagimaawii Minilikitti qofaa kan ture, yeroo ammaa Wiirtuu Yaalaa Yunvarsiitii Jimmaatti Baankiin Ijaa dabalataa banamuun isaa gara lamaatti guddisuun danda’amuu kaasaniiru.
Gama birootiin, dhiigni Yuniitiin kuma 257 fi 635 walitti qabamuu ibsuun, raawwiinsaa kan bara darbee waliin yeroo madaalamu dhiiga Yunitii kuma 40 caalmaa akka qabu mirkaneessaniiru.
Lakkoofsi Baankiiwwan Dhiigaa biyya keenyatti tajaajila kennan 60 gahaniiru jedhan itti aanaan daarektara olaanaa kun.
Fedhii dhiigaa fi Qaroo Ijaa jiruun lakkoofsi arjoomtota dhiigaa fi Qaroo Ijaa dabaluu akka qabu hubachiisaniiru.
Namoota Qoroo Ijaa fi dhiiga isaan barbaachisu waliin gahuuf hawaasni arjooma tola ooltummaan taassifamu cimsuu akka qabu waamicha dhiheessaniiru.