Tamsaasa Kallatti:

Tajaajilli tola ooltummaa naannichatti hojiirra oole rakkoo fi ifaajii irraa nu baraarera

Ebla 30/2018 (ENA): Tajaajilli tola ooltummaa naannoo Harariitti hojiirra oolaa jiru rakkoolee bal’aa furuuf gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan haadholiin fayyadamtoota mana jireenyaa.
Biiroon Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggoota naannichaas tajaajilli tola ooltummaa naannichatti raawwatamaa jiru rakkoo hawaasummaa fi diinagdee maanguddootaa fi lammiilee rakkoof saaxilamoo ta’an furuu irratti jijjiirama qabatamaa fidaa jiraachuu ibseera.

 
Manni isaanii tajaajila tola ooltummaatiin kan haaromfame Aadde Yashii Dammaqaa, manni isaanii rooba Gannaa fi qilleensa Gannaaf saaxilamee, miidhaadhaaf saaxilamaa kan turan amma garuu rakkoo kanarraa baraaramuu ENAtti himaniiru.
Qaamolee mootummaa fi tajaajila tola ooltummaa kennan rakkoo isaaniif deebii ariifataa kennanis galateeffataniiru.
Fayyadamtoota mana tola ooltotaan isaaniif ijaarame keessaa tokko kan ta’an haati ijoollee shanii aadde Ashaa Usmaa'il wayita ammaa tajaajila tola ooltummaatiin waan isaaniif hojjetame galateeffachuun ijoollee isaanii barsiifachaa jiraachuu himani.

 
Aadde Faatiyaa Mahaammad mana duraan mana kutaa tokkoo kan hin mijoofne keessa jiraachaa kan turan yoo ta’u,manni isaanii tajaajila tola ooltummaan haaromsamee mana mijataa argachuu isaaniitti gammaduu himaniiru.
Biiroon Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggoota naannichaa akka beeksisetti, tajaajilli tola ooltummaa naannichatti hojiirra oolaa jiru rakkoo hawaasummaa fi diinagdee maanguddootaa fi lammiilee rakkoof saaxilamoo ta’an furuu irratti jijjiirama qabatamaa fidaa jira jedheera.
Hojiin tola ooltummaa kun tokkummaa lammiilee gidduu jiru cimsuu qofa osoo hin taane rakkoo ummataa haalaan hir’isuu isaa biirichi ibseera.

Akka itti gaafatamtuun biirichaa aadde Raamziyaa Abdulwahaab jedhanitti bara bajataa kana keessatti hojiin tajaajila tola ooltummaa naannichatti hojjetame walumaa galatti birrii miiliyoona 220 ta’a jedhani.
Kanneen keessaa manneen maanguddootaa fi qaama miidhamtootaa 154 ijaaramanii haaromfamuun dabarfamee kennaniiru.
Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii fi dhaabbileen itti gaafatamummaa qaban dhiheenya kana qaama miidhamtoota naannichaaf manneen 12 xumuranii dabarsanii kennuu isaaniis eeruun, hojiin tajaajila tola ooltummaa Gannaas cimee itti fufa jedhan.
Pireezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Hararii, obbo Ordin Badriin pirojektii mana jireenyaa Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii fi dhaabbilee dhimmi ilaallatu qaama miidhamtootaa fi maanguddootaaf ijaarame wayita dabarsanii kennan ergaa dabarsaniin, mootummaan naannichaa fayyadamummaa waliigalaa lammiilee guddisuuf hojii bal’aa hojjeteera jechuun isaanii kan yaadatamudha.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015