Tamsaasa Kallatti:

Yaa’ii seenessa Addunyaa waa’ee Afrikaa bifa haaraan bocuuf akeeke

Walgahiin Dhiibbaa uumtota Miidiyaa Hawaasaa (ASMIS2026) yeroo jalqabaatiif magaalaa guddoo Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Konfiraansiin kun waltajjii addunyaa irratti Afriikaan bakka qabdu irra deebiin ibsuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti tarkaanfii guddaadha.

Konfiraansiin seena qabeessa ta’e kun kan agarsiisa adda addaa aadaa ta’e waltajjii marii tarsiimoo fi yaada wal jijjiiruu cimaadha. Uumtoota qabiyyee dijitaalaa ardii kanaa fi dhiibbaa uumtota olaanoo, kanneen hidhata abdii fi kalaqaa dandeettii guddaa Afrikaan qabdu addunyaatti agarsiisaa jiran walitti fida.

Daawwannaan kaleessa Finfinneetti taasifame hirmaattonni seenaa gadi fagoo fi aadaa Itiyoophiyaa Finfinnee irratti hubannoo dhiyeenyaa akka argatan carraa uumeera.

Turtii isaanii kanaanis, Yaadannoo Injifannoo Adwaa, mallattoo walabummaa Itiyoophiyaa, industirii buddeen tolchaa Gulallee, bakka buddeen mallattoo biyyattii itti hojjetamu, akkasumas Inistiitiyuutii hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa daawwataniiru.

Daawwannaan kun walitti dhufeenyaa fi obbolummaa hirmaattota gidduu jiru kan cimsu yoo ta’u, marii hiika qabu dabalataaf akka ka’umsaattis ni tajaajila.

Daandiiwwan lafoo,misooma koriidaraa magaalaa finfinnee dawataniiru.

Har’a konfiraansichi waljijjiirraa aadaa irraa gara marii tarsiimootti kan ce’e yoo ta’u, Yaadannoo Injifannoo Adwaatti mariin adda addaa gaggeeffamaa jira.

Mariin kun kalaqa dijitaalaa keessattuu hubannoo namtolchee (AI) fayyadamuun sagalee Afrikaa guddisuu fi ilaalcha badaa mormuuf kan xiyyeeffate ture.

Ardii kana irra deebiin bocuu, seeneffama irra deebiin bocuu fi Ajandaa Gamtaa Afrikaa 2063 galmaan gahuuf gahee dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa irratti kan xiyyeeffate dha.

Haaluma walfakkaatuun mariin paanaalii kun carraawwanii fi tooftaalee sagalee dijitaalaa Afrikaa cimsuuf gargaaran ni qoratama. Dhiibbaa uumuun, tarsiimoo miidiyaa, fi ambaasaaddaroonni aadaa seenaa dhugaa qooduunii fi gochaalee miidiyaa itti gaafatamummaa qaban fudhachuudhaan ilaalcha addunyaa jijjiiruu dandeenyu irratti ni mari’atu.

Walgahiin Dhiibbaa uumtota Miidiyaa Hawaasaa jalqabaa (ASMIS2026) “Pulse of Africa” fi AGA Tech Enterprises waliin ta’uun qophaassani.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015