Atileet Yoomiif Qajeelchaan Maraatoonii Landan irratti 2ffaa bahuun xumureera - ENA Afaan Oromoo
Atileet Yoomiif Qajeelchaan Maraatoonii Landan irratti 2ffaa bahuun xumureera
Ebla 18/2018 (ENA): Atileet Yoomiif Qajeelchaan Maraatoonii Landan baay’ee eegamaa tureen sadarkaa lammaffaa ba’eera.
Dorgommii Maaraatoonii Landan 46ffaa irratti yeroo jalqabaaf kan hirmaate atileet Yoomiif Qajeelchaan sa’aatii 1:59.41’n sadarkaa lammaffaa ba’eera.
Atileetiin lammii Keeniyaa Sabestiyaan Saw sadarkaa tokkoffaan yoo xumuru, lammiin Yugaandaa Jaaqoob Kiplimoo immoo 3ffaa bahuun xumureera.