Tamsaasa Kallatti:

Kabaja Ayyaana Cuuphaan wal qabatee balaan Elektiriikaa akka hin uumamne of eeggannoo taasisuu barbaachisa


 

Amajjii 8/2018 (ENA)-Kabaja Ayyaana Cuuphaan wal qabatee balaan Elektiriikaa akka hin uumamne Hawaasni of eeggannoo barbaachisaa akka taassisu tajaajilli Elektiriikaa Itiyoophiyaa hubachiise.

Yeroo hojiin Naannoo miidhagsuun hojjetamutti Utubaa Elektiriikaa, Tiraanisfoormarootaa fi sararootaa ibsaaf of-eeggannoo gochuun barbaachisaa ta’uu hojii raawwachiisaan tajaajilichaa Aniwaar Ibiraahim ENA’f ibsaniiru.

Keessumaa yeroo Ayyaanaa utubaawwan Raabsa Elektiriikaa fi bu’uuraalee misoomaa biroorratti miidhaan konkolaataa fi kanneen biroon akka irra hin geenyeef ofeeggannoo akka taasisan hubachiisaniiru.

Yeroo ayyaanas ta’e yeroo biroo hanga danda’ame bu’uuraalee Misoomaa Elektiriikaarra miidhaan akka hin geenyeef of eeggannoo taasisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Hawaasni Balaan Elektiriikaa akka hin uumamneef tumsa akka taassisu waamicha dhiheessaniiru.

Balaan elektiriikaa yoo uumamee fi odeeffannoo biroo yoo barbaadamu bibila bilisaa 905/904 bilbiluu, miidiyaa hawaasummaan beeksisuu fi wiirtuu tajaajilaa dhiheenyatti argamutti eeruu akka kennan ibsaniiru.

Gama tajaajila Elektiriikaan bu’uuraalee Misoomaa ka’umsa balaa ta’an dursuun adda baasuun hojiin utubaawwan Elektiriikii konkiriitiitti jijiiruu, saraaroota hin haguugamne kan haguugameen bakka buusuu fi bu’uuraalee misomaa deebisanii ijaaruu fi fooyyessuun bal’inaan hojjetamuu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015