Tamsaasa Kallatti:

Godina Jimmaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaaf biqiltoonni faayidaa hedduu qaban qophaa’aniiru

Ebla 28/2018(ENA): Godina Jimmaatti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaaf biqiltoonni tajaajila adda addaa kennan qophaa’uu isaanii Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.

Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Jimmaa obbo Tijaanii Tamaam, biqiltoonni misooma bosonaa, muduraaleef, miidhaginaa fi nyaata beeyladootaa dabalatee kanneen biroo of keessatti qabatan qophaa'uu isaanii ibsaniiru.

Kanas milkeessuuf lafti hektaara kuma 91 biqiltuu dhaabuuf qophaa’uu isaa fi hojiin kun akka milkaa’uuf ammaa eegalee carraaqqiin qindoominaan taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Misooma kanaaf biqiltuu qopheessuu cinatti, biqiltoota kanaan dura dhaabaman kunuunsuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsuun, baranas hojiin kun caalaatti cimee akka itti fufu dubbataniiru.

Qonnaan bultoonni Aanaa Qarsaa obbo Mulaatuu Dabalee fi obbo Tijaanii Abbaagoojjam, biqiltoonni dhaabaman wabii nyaataa mirkaneessuuf bu’uura ta’uun isaanii hojiin mirkanaa’uu fi itti fayyadamaa akka jiran dubbataniiru.

Biqiltoonni dhaabaman eegumsa naannoo, soorata beeyladootaa fi naannoo jireenyaaf mijataa uumuu keessatti hiika guddaa akka qabanis kaasaniiru.

Kanaafuu, biqiltoota dhaabaman kunuunsuu fi naannoo manca’an mukeeniin uffisuun gahee isaanii akka ba’an dubbataniiru.

Qonnaan bultoonni kunneen sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa irratti dammaqinaan hirmaachuuf qophii ta’uu isaaniis ibsaniiru.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa eegumsa naannoo cinaatti, wabii nyaataa mirkaneessuu fi dandeettii diinagdee ijaaruu keessatti inisheetivii humna guddaa qa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015