Godina Shawaa Bahaatti Muduraa fi kuduraan Jallisii Bonaan misoomuun gabaa tasgabbeessuuf gargaareera - ENA Afaan Oromoo
Godina Shawaa Bahaatti Muduraa fi kuduraan Jallisii Bonaan misoomuun gabaa tasgabbeessuuf gargaareera
Ebla 30/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaatti oomishni muduraa fi kuduraa jallisii bonaan misoome gabaa tasgabbeessuuf gargaaruu isaa Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksiseera.
Itti Aanaan Itti Gaafatamaan Waajjirichaa Obbo Abinnat Zagayyee ENA’f akka ibsanitti; Godinichatti bona kanaan jallisii aadaa fi ammayyaa fayyadamuun lafti hektaara Kuma 63 ol ta’u midhaan kuduraa fi muduraan misoomeera.
Laga Awaash jallisuu fi bishaan lafa jalaa fayyadamuun kuduraalee bal’inaan misooman keessaa Timaatimi,Shunkurta Diimaa,raafuu maramaa Dinnichaa fi oomishaalee hiddaa biroo akka ta’an eeraniiru.
Oomishaalee muduraa keessaa immoo Paappayaa, Avokaadoo, Muuzii, Burtukaana, Loomii fi Haabaabiin akka keessatti argaman addeessaniiru.
Haaluma kanaan, oomisha marsaa jalqabaa misoomerraa oomishni kuntaala miiliyoona 9 ol walitti qabamuu isaa dubbataniiru.
Oomishni walitti qabame kun gabaa tasgabbeessuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jiraachuu eeranii, qonnaan bultootaaf madda galii ta’uu bira darbee sirna nyaataa fooyyessuuf akka gargaare ibsaniiru.
Kana malees, dameen kun carraa hojii uumuu keessatti gahee olaanaa taphachuu isaa Obbo Abinnat dabalanii dubbataniiru.
Misooma jallisii bonaa kanaan dargaggoonni fi qonnaan bultoonni kuma35 ol hirmaachuu isaaniis beeksisaniiru.
Godinichatti bishaan lafa irraa fi lafa jalaa fayyadamuun misoomni jallisii kuduraa fi muduraa marsaa 2ffaa ammaas hojjetamaa jiraachuun beekameera.