Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaatti jijjiiramni damee hundaan mul’achaa jiruu Afriikaaf fakkeenya kan ta’udha

Ebla 30/2018 (ENA)-Hirmaattonni yaa'ii dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasaa Afriikaa isa jalqabaa, jijjiiramni Itiyoophiyaa keessatti damee hundaan mul'achaa jiru Afriikaaf akka fakkeenyaatti kan tajaajilu ta'uu ibsan.

Yaa'iin dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasaa Afriikaa inni jalqabaa(ASMIS 2026) mata duree "Dhiibbaa uumtoota Afriikaa fooyya'aaf" jedhuun Magaalaa Finfinnee Giddugala Yaadannoo Injifannoo Adwaatti dammaqinaan gaggeeffamaa jira.

Waltajjiin kun 'Pulse of Africa' fi Intarpiraayizii Tekinooloojii A.G.A waliin ta'uun kan qophaa'edha.

Hirmaattonni yaa'ichaa Inistiitiiyuutii hubannoo Nam-tolchee Itiyoophiyaa, pirojektoota gurguddoo Finfinnee keessatti ijaaraman, misooma kooriidarii fi hojiiwwan misoomaa adda addaa daawwataniiru.

Yeroo kanatti qabiyyee uumaa beekamaan biyya Gaanaa Bertihooldi Koobii Wiinkileer (Wode Maya), jijjiiramni gama hundaa Itiyoophiyaa keessatti mul'achaa jiru guutuu Ardii Afriikaatiif barnoota gudda kan kennu ta’uu dubbateera.

Jaalala guddaa Itiyoophiyaaf qabu irraa kan ka'e jijjiirama biyyattii keessatti Mul'ate Addunyaatti agarsiisuuf irra deebi’ee dhufuu isaa eeruun, A L.A bara 2017 Itiyoophiyaa dhufee kan ture yoo ta'u, bara 2025 fi 2026tti jijjiirama Itiyoophiyaan argisiisaa jirtu boqonnaa haaraa irra akka jirtu dhugaa ba'eera.

Keessattuu daandiwwan bal'aan ijaaramaa jiran, ijaarsi bu'uuraalee misoomaa gurguddoo fi buufatni xiyyaaraa haara ijaaramaa jiru guddina biyyattiif agarsiiftuu fi hojiiwwan dinqisiisoodha jedheera.

Milkaa'inni kun badhaadhina Ardichaatiif abdi kan kennu waan ta'eef, guutuun Afriikaa muuxannoo Itiyoophiyaa irra barachuu qaba jedheera.


 

Qabiyyee Uumaan biyya Naayijeeriyaa irraa dhufe Odiinaakaan gama isaatiin, Itiyoophiyaan misooma hubannoo Nam-tolchee (AI) irratti dursa argachuu ishee arguu isaa dubbateera.

Yeroo Tekinooloojiin Addunyaa to'achaa jiru kanatti xiyyeeffannoon biyyattiin damee kanaaf kennite kan dinqisiifatamudha jedheera.

Milkaa'inni damee kanaan argame dhuunfaas ta'e biyya misoomsuu keessatti faayidaan isaa guddaa ta'uu ibsuun, imalli tekinooloojii Itiyoophiyaa dinqisiisadha jedheera.

Qabiyyee Uumaan biyya Leesootoo irraa dhufe Te'eeloo Lu'aaloon akka jedhetti; Itiyoophiyaan kan hin koloneeffatamnee fi kalandarii mataa ishee kan qabdu ta'uun ishee Afriikaanotaaf boonuu guddaa fi ibsituu eenyummaa ta'uu isaa dubbateera.

Seenaan badhaadhaan fi aadaan jabaan biyyattiitti mul'ate, biyyoonni biroos aadaa isaanii eeggatanii akka itti fufan barnoota kan kennudha jedheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015