Tamsaasa Kallatti:

Milkaa’inawwan misoomaa hunda-galeessi Finfinnee keessatti mul’atan Magaalota Afrikaa biroof fakkeenya guddaa kan  ta’anidha

Ebila29/2018(ENA):-Milkaa’inawwan misoomaa hunda-galeessi Finfinnee keessatti mul’atan magaalota Afrikaa biroof fakkeenya guddaa ta’uu isaanii hirmaattonni yaa’ii dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa ibsan.

Yaa’iin Dhiibbaa Uumtoota Miidiyaa Hawaasummaa Afrikaa (ASMIS 2026) kan jalqabaa  Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adwaatti  har’aa fi boru ni geggeeffama.

Yaa’ii kanarratti  hirmaachuuf dhiibbaa uumtonni 61 biyyoota Afrikaa 30 irraa walitti babba’an fi hordoftoota Miidiyaa Hawaasummaa Miiliyoona 321 ol qaban Finfinnee  seenaniiru.

Dabalataanis, qabiyyee  uumtonni Itiyoophiyaa 120 hordoftoota miiliyoona 150 qaban waliin ta’uun, wiirtuu Dippilomaasii Addunyaa kan taate finfinneetti  seenaa dijitaalaa haaraa barreessuuf qophaa’aniiru.

Yaa’ii 'Pulse of Africa' fi Intarpiraayizii Teknooloojii A.G.A waliin ta’uun qopheessan kun mata-duree "Dhiibbaa uumtoota Afrikaa fooyya’aaf" jedhuun geggeeffamaa jira.


 

Hirmaattonni yaa’ichaa Inistitiyuutii hubannoo Nam-tolchee (AI) Itiyoophiyaa, pirojektoota gurguddoo Finfinnee keessatti ijaaraman, misooma kooriidaraa fi hojiiwwan misoomaa adda addaa daawwataniiru.

Hirmaataan daawwannichaa lammii Keeniyaa Beetee Jooguu yaada kenneen pirojektoonni gurguddoon fi misoomni kooriidaraa finfinnee  keessatti argan  Magaalattii jiraattotaaf mijattuu gochuurra darbee  bifa ishee baay'ee jijjiiruu isaa ibseera.

Guddinni magaalaa Finfinnee, bal’inni fi miidhaginni daandiwwanii dinqisiisaa ta’uu isaa qaamaan mirkaneeffachuu isaas dubbateera.

Milkaa’inawwan misoomaa hunda-galeessi magaalattii keessatti mul’atan magaalota Afrikaa biroof fakkeenya guddaa akka ta’anis ibseera.


Dhiibbaa uummi miidiyaa hawaasummaa Burkinaa Faasoo irraa dhufe Jaaguwaar Iikkoo akka jedhetti; Finfinnee  qaamaan daawwachuu isaatti gammaduu ibsee, magaalattiin wiirtuu misoomaa namni Afrikaa hundi irraa barachuu qabdu ta’uu ishee arguusaa dubbateera.

Keessummaa simachuu  Itiyoophiyaanotaatti gammaduu kan ibse dhiibbaa uumaan  miidiyaa hawaasummaa kun, yeroo gara biyya isaatti deebi’us ambaasaaddara Itoophiyaa ta’ee akka hojjetu mirkaneesseera.

Guddinni saffisaa Finfinnee  guutummaa Ardichaatiif muuxannoo guddaa ta’uu isaas dabalee himeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015