Tamsaasa Kallatti:

Sadarkaaleen mirkanaa’an daldala biyya alaa keessatti fudhatama dabaluuf nigargaaru


Ebla 16/2018(ENA)- Sadarkaaleen gama nyaataa, qonnaa akkasumas dameelee konistiraakshinii fi mahaandisummaa siviiliin mirkanaa’an daldala idil addunyaa keessatti fudhatama dabaluun gamatti to’annoon qulqullina oomishaalee alaa galanii walfakkaataa fi amansiisaa akka ta’u akka gargaaru inistiitiyuutiin sadarkaalee Itiyoophiyaa ibse.

Inistiitiyuutichi sadarkaalee 66 kan nyaata, qonna akkasumas dameelee konistiraakshinii fi mahaandisummaa siviilii irratti xiyyeeffatan mirkaneesseera.

Sadarkaaleen kunneen oomishaaleen biyyattii sirna gabaa idil addunyaa keessatti dorgomaa gochuu fi qulqullina oomisha alaa galanii to’achuuf qooda olaanaa akka qabaatan ibsameera.

Foortifikeeshinii dachaa ashaboo nyaataarratti godhamu akkasumas ijaarsi balaa qilleensaa fi kirkira lafaa irraa of ittisuuf dandeettii isaanii kan guddisan sadarkaaleen teekinooloojii konistiraakshinii ammayyaa boordiidhaan mirkanaa’uusaanii ilaalchisuun inistiitiyuutichi ibsa kenneera.

Hojii raawwachiisaan hariiroo ummataa fi komunikeeshinii inistiitiyuutichaa Buruuk Habtee akka ibsanitti, boordiin sadarkaalee Itiyoophiyaa wal gahii idilee 5ffaa Ebla 9 bara 2018 gaggeesseen sadarkaalee 66 dhihaataniif qoratee mirkaneesseera.

Kanneen keessaa 24 haaraa, 42 ammoo kan keessa deebi’aman ta’uu eeranii, kanneen keessaas 54 sadarkaalee dirqisiisoo ta’uun mirkanaa’uusaanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015