Tamsaasa Kallatti:

Paartiin badhaadhinaa hojiiwwan hawaasummaa fi dinagdee hawaasaa mirkaneessan caalaatti ni raawwata

Ebla 24/2018(ENA)- Paartiin badhaadhinaa hojiiwwan hawaasummaa fi dinagdee hawaasaa mirkaneessan caalaatti akka raawwatu miseensi hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.

Dadammaqsi filannoo walii galaa 7ffaa paartii badhaadhinaa Istaadiyoomii Fininneetti gaggeeffamaa jira.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee fi miseensi hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa Adaanech Abeebee, paartii badhaadhinaatti hogganaan waajjira damee magaalaa Finfinnee Mogos Baalchaa, af-yaa’iin mana maree magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alkadir, kaadhimamtoonni paarticha bakka bu’uun dorgoman, miseensonnii fi deeggartoonni paartichaa saganticharratti argamaniiru.

Miseensi hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa fi kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee wayita kana akka jedhanitti, hundaa olitti abbaan aangoo ummatadha.

Hirmaannaa fi tumsa ummataan alattti badhaadhina mirkaneessuun akka hin danda’amne dubbataniiru.

Waggoottan darban paartiin badhaadhinaa hojiiwwan fayyadama ummataa mirkaneessan hedduu raawwachuusaa kan dubbatan kantiibaan kun, humni lafa kanaa badhaadhina Itiyoophiyaa hin dhaabne akka hin jirre ibsaniiru.

Hojiileen misoomaa magaalattiitti hojjetaman eenyuyyuu kan hidaganne hunda kan ofkeessatti qabate ta’uu eeranii, hojiileen kunneen fayyadama dinagdee fi hawaasummaa hawaasaa kan mirkaneessanidha jedhaniiru.

Paartiin badhaadhinaa paartii waadaa gale eegudha kan jedhan kantiibaa Adaanech, akkaataa waadaa galeen maqaa gaarii magaalattii ijaaruusaa dubbataniiru.

Paartiin badhaadhinaa fuulduras fayyadama ummataa mirkaneessuuf akka hojjetu waadaa galuun “badhaadhina Filadhaa” jechuun dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015