Tamsaasa Kallatti:

Yuunivarsiitichi beekumsa Mandhaalee qorannoo saayinsawaa waliin walitti hidhuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddisuuf hojjechaa jira

Ebla 29/2018(ENA): Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu beekumsa mandhaalee qorannoo saayinsawaa waliin walitti hidhuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddisuuf xiyyeeffannoo kennuu isaa beeksise.

Yuunivarsiitichi beekumsa mandhaalee qonnaan bultootaa qorannoo saayinsawaa waliin walitti hidhuuf kan kaayyefatee fi gosa isaatiin adda kan ta'e konfiraansii qorannoo qonnaan bultootaa geggeesseera.


Yuunivarsiitichi beekumsa mandhaalee qonnaan bultootaa qorannoo saayinsawaa waliin walitti hidhuu kan kaayyeffatee fi gosa isaatiin adda kan ta'e konfiraansii qorannoo qonnaan bultootaa geggeesseera.

Sagantichiratti Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dr. Birhaanamasqal Xannaa akka jedhanitti, dhaabbatichi hojii baruu fi barasiisuu cinaatti tajaajila hawaasummaa irratti xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjechaa jira.


Yuunivarsiitichi qaamolee dhimmi ilaallatu biroo waliin ta’uun oomishtummaa qonnaan bultootaa fooyyessuuf galteewwan qonnaa fi hoj maata fooyya’an dhiyeessuun gahee isaa bahaa jiraachuu eeraniiru.

Konfiraansiin kun keessattuu qonnaan bultoonni beekumsa uumamaa fi muuxannoodhan argatan gara waltajjiitti fiduun beekamtii kennuufi galtee hojii qorannoo gara fuulduraatiif akka ta'uuf yaadamee kan qophaa'e ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis, waltajjiin kun qonnaan bultoota, qorattootaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu gidduutti riqicha qunnamtii cimaa uumuun muuxannoo wal-jijjiiruuf carraa kenna jedhaniiru.

Ogummaawwan mandhaalee saayinsii qonnaa ammayyaa waliin qindeessuun qulqullinaa fi baay’ina oomishaa guddisuuf gahee qabaachuu isaas ibsaniiru.

Itti Aanaan Walitti qabaa boordii Yuunivarsiitichaa Piroofeesar Balaay Sima’aanii ergaa gama intarneetiitiin dhaamsa dabarsaniin, hojii baruu fi barsiisuu cinaatti keessattuu qonnaan bultoota hojmaata qonnaa ammayyaa madaqsuun hojiin hojjetamaa jiru jajjabeessaa fi itti fufuu kan qabudha jedhaniiru.

Keessattuu, qonnaan bultoonni beekumsa mandhaalee qaban gara waltajjiitti fiduun muuxannoo akka wal-jijjiiraniif konfiraansiin qorannoo qophaa'e kun adda ta'uu isaa eeraniiru.

Waltajjiin kun keessattuu galma biyyaalessaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf qabame akka milkaa’uuf,beekumsa mandhaalee qorannoo ammayyaa waliin walitti hidhuuf hojii jalqabame ni cimsa jedhaniiru.

Waltajjiin kun qonnaan bultoonni adda dureen gama qonnaa, Horsiisa Loonii fi dameelee birootiin muuxannoo isaanii dhiyeessuun qonnaan bultoota birootiif akka qoodan carraa kan uumudha.

Dabalataanis, qorattoonni beekumsa mandhaalee qonnaan bultootaa irratti qorannoo gaggeessuuf galtee akka argatan ni taasisa jedhaniiru.

Konfiraansii kana irratti qonnaan bultoonni, qorattoonni, bakka bu’oonni Biiroo Qonnaa Oromiyaa kan hirmaatan yoo ta’u, agarsiisni oomisha qonnaan bultootaas gaggeeffameera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015