Tamsaasa Kallatti:

Midiyaaleen Itiyoophiyaa eenyummaa waloo kan ijaaranii fi galmawwan biyyaalessaaf kutannoon hojjechuutu irra jira – Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad 

Ebla 30/2018 (ENA) - Midiyaaleen Itiyoophiyaa eenyummaa waloo kan ijaaranii fi galmawwan biyyaalessaaf kutannoon kan hojjetan ta’uu akka qaban Ministirri Muummee doktar Abiyyi  Ahimad  ibsan.

Waltajjiin marii biyyaalessaa mata duree "Tarkaanfii Midiyaa Ijaarsa Seenessaaf" jedhuun Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad fi hoggantoonni mootummaa olaanoon biroon bakka argamanitti gaggeeffameera.

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad wayita sana akka jedhanitti; waggoottan jijjiiramaa keessatti riifoormii damee Miidiyaatiin taasifameen jijjiiramni mul’atu galmeeffameera.

Mootummaan jijiiramaa dandeettii damee miidiyaa guddisuu fi dhaabbilee miidiyaa bilisaa ta’an uumuuf, tarkaanfiin jalqabaa gaazexeessitoota sababa ogummaa isaaniitiin hidhamanii turan hiikuu akka ture yaadachiisaniiru.

Midiyaaleen fi gaazexeessitoonni sababa ogummaa isaaniitiin cufamanii turanii fi gara biyyaa galanii akka hin hojjenne dhorkaman, gara biyyaa galanii akka hojjetan hayyamameefiira jedhaniiru. 

Kanarra darbees Riifoormii miidiyaatiin hojmaata miidiyaaleen Alaa gabaasan itti cuufaman hambisuun akka danda’ame eeranii, mootummaa jijjiiramaatiin labsii farra shororkeessummaa dabalatee seerota hidhoo turan biroo irratti fooyya’iinsi taasifameera jedhaniiru. 
Haa ta’u malee, bilisummaan miidiyaa yeroo banamu, ogeeyyiin ogummichatti seenuu dhabanii fi bilisummaa isaanii bulchuu hin dandeenye uumamuun isaanii damee kanaaf qormaata ta’uu ibsaniiru. 

Damee miidiyaa keessatti rakkooleen guutummaa guutuutti furamuu baatus hojiiwwan gaariin hojjetamaniiru kan jedhan ministirri Muummeen, miidiyaaleen Itiyoophiyaa dhugaa arganii fi dhaga’an kan gabaasan ta’uu qabu jedhaniiru.

Midiyaaleen eenyummaa waliinii kan ijaaran ta’uu qabu kan jedhan Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad, kanaafis qindoominaa fi tumsa cimsuun mariif haala mijeessuu akka qaban dhaamaniiru.

Garaagarummaan gama Amantii, Siyaasaa fi dameewwan birootiin jiru hafee, madaalamummaan moo’achuu akka qabus dhaamaniiru.

Kaanaan dura Itiyoophiyaa  keessatti jibbinsa, tuffii, walqoqqooddaan faca’eera kan  jedhan Ministirri Muummee  Doktar Abiyyi  Ahimad, amma  miidiyaaleen tokkummaa fi seenessa dogongoraa sirreesuu irratti xiyyeeffachuu akka qaban ibsaniiru. 

Gabaasni miidiyaalee Kayyoo, Ilaalcha, gahumsa ogummaa, dhiheenya bu’uura godhachuun  hojjechuu qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015