Carraa mijaa’etti fayyadamuun kaardii filannoo fudhanneerra – Barattoota Yunivarsiitii - ENA Afaan Oromoo
Carraa mijaa’etti fayyadamuun kaardii filannoo fudhanneerra – Barattoota Yunivarsiitii
Ebla 24/2018 (ENA) – Carraa boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa barattoota Yunivarsiitiif mijeessetti fayyadamuun kaardii filannoo fudhachuusaanii barattoonni Yunivarsiitii Asoosaa dubbatan.
Pirezidaantiin gamtaa barattootaa Yunivarsiitichaa barataa Malkaamuu Malaakuu akka ibsetti, barattoonni Yunivarsiitichaa mirga demokiraasii isaaniitti gargaaramuun paartii ijaarsa biyyaaf, nagaa fi misoomaaf gumaacha taasisu akka filatan carraan uumamuunsaa kan jajjabeeffamudha.
Barattoonni bakka jiranirraa teeknooloojiin deeggaramanii akka galmaa’an mijachuunsaas fooyyee gaarii filannoo walii galaa 7ffaa irratti mul’ate ta’uu eereera.
Barattuu Ababaa Yenyaanoo gamasheetiin, barattoonni filannoorratti akka hirmaannu godhamuunsaa mirga filachuu qabnutti gargaaramnee paartii biyyattii nagaa fi ijaarsa biyyaatiin fuulduratti tarkaanfachiisu filachuuf carraa nuuf kenna jetteetti.
Carraa barattootaaf mijatetti fayyadamuun kaardii filannoo fudhachuusaa kan ibse barataa Abiiyan Kuukkuu, bakka jiranitti kaardii fudhachuu danda’uunsaanii yeroo fi humna waan qusatuuf jajjabaachuu qaba.
Filannoo walii galaa Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffamurratti paartii siyaasaa barbaaduuf sagalee kennuun itti gaafatama lammummaa bahachuuf qophaa’uusaa dubbateera.