Magaalaa Hararitti Hojiin Dhaabbii buufata saatalaayitii odeeffannoo fudhatuu jalqabame - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Hararitti Hojiin Dhaabbii buufata saatalaayitii odeeffannoo fudhatuu jalqabame
Ebla 28/2018(ENA)- Magaalaa Hararitti hojiin dhaabbii buufata Saatalaayitii odeeffannoo fudhatuu jalqabameera.
Buufata Saatalaayitii odeeffannoo fudhatu kana Pirezidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badrii fi Ministirri Innoveshinii fi Teeknooloojii Doktar Balaxaa Mollaa eegalchiisaniiru.
Pirezidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badrii wayita sana akka jedhanitti, buufanni odeeffannoo Saatalaayitii kun hojiiwwan misoomaa naannicha keessatti raawwatamaniif deeggarsa guddaa kenna jedhaniiru.
Keessattuu, galtee odeeffannoo sirrii ta’e kennuu irratti faayidaansaa olaanaa akka ta’e eeraniiru.
Hojiin dhaabbii kun yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramuuf mootummaan naannichaa deeggarsa barbaachisu hunda akka taasisu dubbataniiru.
Itti-Aanaan Daayirektara Olaanaa Inistiitiyuutii saayinsii hawaa fi Jii’oo-Ispaashiyaalii Balaachoo Tsahaay akka jedhanitti, teeknooloojiin kun odeeffannoo saffisa olaanaa fi qulqullina qabuun dhaqqabsiisuu irratti faayidaa guddaa qaba.
Akkasumas, Raadiyaasii Kiiloomeetira 35 waliin gahuun lakkoofsa sirrii kan gabaasu fi sa’aatii 24 kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
Odeeffannoon buufata Saatalaayitii Diizaayinii daandii irratti, Hojiiwwan konistrākshinii waliigalaaf, Itti fayyadama lafaa sirnaan to’achuuf, Mirkaneessa qabiyyee lafaa fi tajaajiloota biroof odeeffannoo kennuu dandeessisa jedhaniiru.
Hojiin dhaabbii buufata odeeffannoo saatalaayitii kun ji’oota lama keessatti akka xumuramu beeksifameera.