Tamsaasa Kallatti:

Finfinneen dorgommii biskileetii idil addunyaa keessummeessuufi

Ebla 20/2018 (ENA): Dorgommiin biskileetii idil-addunyaa siitii maawunteen baayik iliminaator UCI (City Mountain Bike Eliminator) jedhamu,kan biskileetii biyyoota addunyaa mara irraa dhufan hirmaachisu , Ebla 24 fi 25, 2018 Finfinneetti gaggeeffama.

Gamtaa Biskileetii Idil Addunyaa (UCI)’n beekamtii kan argatee fi addunyaa irratti jaalala guddaa kan horate "City Mountain Bike Eliminator Pro League" seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf Afrikaa, Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffama.

Dorgommiin kun naannoo Yaadannoo Injifannoo Adwaatti kan gaggeeffamu yoo ta'u, dorgommii kana irratti namoonni biskileetii addunyaa mara irraa dhufan hedduun akka hirmaatan Waajjirri Kantiibaa beeksiseera.

Dorgommiin kun kallattiin chaanaalii televijiinii adda addaa addunyaa irratti kan tamsa’u yoo ta'u, daawwattoonni miiliyoona 20 ol ni daawwatu jedhamee eegama.

Finfinneetti bu’uuraaleen ispoortii babal’achuun magaalattiin dorgommii ispoortii idil-addunyaa keessummeessuuf magaalaa filatamaa akka taatu ishee taasiseera jedhe waajjirichi.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee waggoota darban keessa bu’uuraalee ispoortii hedduu ijaaruun dameen ispoortii dhalootaa fi dinagdee ijaaruu keessatti gahee isaa akka ba’u taasisuu isaa odeeffannoon waajjirichaa ni mul’isa.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015