Hojiilee misoomaa waggoottan darban raawwatamaniin fayyadama hawaasaa mirkaneessuun danda’ameera - ENA Afaan Oromoo
Hojiilee misoomaa waggoottan darban raawwatamaniin fayyadama hawaasaa mirkaneessuun danda’ameera
Ebla 24/2018 (ENA) - Hojiilee misoomaa waggoottan shanan darban raawwatamaniin fayyadama hawaasaa mirkaneessuun danda’amuusaa paartii badhaadhinaatti hogganaan waajjira dame magaalaa Finfinnee Mogod Baalchaa ibsan.
Dadammaqsi filannoo walii galaa 7ffaa paartii badhaadhinaa Istaadiyoomii Fininneetti gaggeeffamaa jira.
Kantiibaan magaalaa Finfinnee fi miseensi hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa Adaanech Abeebee, af-yaa’iin mana maree magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alkadir, kaadhimamtoonni paarticha bakka bu’uun dorgoman, miseensonnii fi deeggartoonni paartichaa saganticharratti argamaniiru.
Obbo Mogos Baalchaa wayita kana ergaa dabarsaniin, hojiilee misoomaa gurguddoo waggoottan shaman darban raawwatamaniin fayyadama ummataa mirkaneessuun danda’ameera.
Mootummaan ida’amuu Itiyoophiyaa keessatti badhaadhina mirkaneessuu kan dandeessisan bu’ura amansiisaa kaa’uusaa hubachiisaniiru.
Hojiileen namarratti xiyyeeffatan jireenya namoota hedduu bu’urarraa jijjiiruun buaa argamsisuusaanii eeranii, paartiin badhaadhinaa paartii waadaa galeef amanamu ergamasaa galmaan ga’uuf kan si’oome ta’uu beeksisaniiru.
Hojiileen Finfinnee miidhagsuuf hojjetaman jijjiirama qabatamaa fiduusaanii ibsaniiru.
Hojiilee misoomaa kanneen ciminaan itti fufsiisuu fi fayyadama ummataa caalaatti mirkaneessuuf hawaasni paartii badhaadhinaa akka filatu gaafataniiru.