Sagaleen Afriikaanotaa haaraan dhiibbaa uumu kaayyoon kan gaggeeffamu abdii fi carraalee dhaloota Ardichaa kan agarsiisu ta’uu qaba - ENA Afaan Oromoo
Sagaleen Afriikaanotaa haaraan dhiibbaa uumu kaayyoon kan gaggeeffamu abdii fi carraalee dhaloota Ardichaa kan agarsiisu ta’uu qaba
Ebla 30/2018(ENA) - Yaa’iin dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa tokkummaa Ardii ijaaruuf kan fudhatamu tarkaanfii tarsiimawaa ta’uusaa hojii raawwachiisaan tajaajila oduu Itiyoophiyaa obbo Seeifee Darribee ibsan.
Yaa’iin dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS-2026) kan jalqabaa ‘Pulse of Africa’ (POA)’n intarpiraayizii teeknooloojii ‘AGA’ waliin ta’uun qopheessan gaggeeffamaa jira.
Yaa’ii mata duree “dhiibbaa Uumtonni Afriikaa fooyyofteef” jedhuun yaadannoo injifannoo Adwaatti qophaa’erratti dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa biyyoota Afriikaa 30 irraa walitti dhufan hirmaachaa jiru.
Hojii raawwachiisaan olaanaa tajaajila oduu Itiyoophiyaa obbo Seeifee Darribee, yaa’iin kun carraa dijitaalaa ardichaa egeree kan murteessu tarkaanfii tarsiimawaa ta’uu ibsaniiru.
POA,n akka uumamu ka’umsisaa mul’ata fagoo ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad ta’uusaa yaadachiisaniiru.
Akkaataa ministirri muummee Afriikaan sagalee ofiishee akka ishee barbaachisuu fi seenaashee ilmaan isheetiin seenessuu akka qabdu kallattii kaa’aniin, dhabbatichi seenessa Afriikaa isa dhugaa tamsaasuuf ergama ifa ta’een hundeeffamuusaa dubbataniiru.
Dhaabbatichi hatattamaan guddachaa jiraachuusaa eeranii, biyyoota Afriikaa 30 caalan keessatti qaqqabamaa ta’uusaa fi fudhatama argachuusaa eeraniiru.
Yaa’iin mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyofteef” jedhuun gaggeeffamu dhiibbaa Ardii guddisuu fi dadammaqsuuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru.
Dhiibbaa uumtonni dijitaalaa seenessa Afriikaa jijjiiruuf qooda ijoo akka qaban ibsaniiru.
Dhiibbaa uumtonni dhiibbaa dijitaalaa bashannansiisuuf qofa osoo hin taane barsiisuuf, tokkummaa cimsuu fi Ardicha ijaaruuf fayyadamuu akka qaban eeraniiru.
Gaggeessummaa dubartootaa kan mul’isuu fi haleellaa, saamichaa fi miidhaaa kamiyyuu kan mormu dhiibbaa dijitaalaa uumuun akka barbaachisu eeranii, seenessoota walooma, abdii fi carraalee dhalootaa olkaasanii mul’isan bal’isuun akka irraa eegamus dubbataniiru.
Guddummaa fi aadaa Afriikaa beeksisuun dhaloota dargaggootaa kalaqaa fi misoomaaf dadammaqsuu akka qaban eeraniiru.
Sosochii haaraa kana bakka argama dhala namaa, magaalaa guddoo Afriikaa fi mallattoo cichoomaa Ardichaa kan taate Itiyoophiyaarraa eegaluun akka barbaachisu kaasaniiru.
Afriikaanonni seenaa isaanii akka seenessan deeggarsa taasisanii fi guddina Ardichaaf kutannoo ministira muummee Doktar Abiyyi Ahimadiif kabaja qaban ibsaniiru.
Milkaa’ina yaa’ichaaf gumaacha kan taasisan bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Kantiibaa Adaanech Abeebee, ministeera Turizimii, inistiitiyuutii hubannoo namtolchee fi kanneen biros galateeffataniiru.