‘PSG’n waggaa walitti aanuuf xumura Shaampiyonsi Liigii Awurooppaatti darbe - ENA Afaan Oromoo
‘PSG’n waggaa walitti aanuuf xumura Shaampiyonsi Liigii Awurooppaatti darbe
Ebila 29/2018(ENA) - Tapha deebii walakkaa xumuraa (Semi-final) Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa irratti Baayer Muuniik fi PSG’n goolii tokkoo fi tokkoon qixaan addaan ba’aniiru.
Tapha kaleessa galgala Istaadiyeemii Aliiyaanzi Areenaatti taphatameen, Usmaan Dembeeleen daqiiqaa 3ffaa irratti galchii lakkoofsiseen PSG dursaa taasiseera.
Haarii Keen immoo daqiiqaa 94ffaa irratti Baayer Muuniikiif galchii lakkoofsisuun walqixxeesseera.
Innis dorgommii kanaan goolii isaa 14ffaa galcheera.
Shaampiyoonsi liigichatti Injifataan Baalaandoorii yeroo ammaa Dembeeleen, lakkoofsa gooliiwwan Shaampiyonsi Liigii keessatti galche gara torbaatti ol guddiseera.
Taphichi bashannansiisaa fi goolii galchuurratti kan xiyyeeffate yoo ta’u hanga tokko wal-qocholloon keessatti mul’ateera.
PSG’n kubbaa harkatti galfachuu fi carraawwan goolii uumuu irratti fooyya’aa ture.
Bu’aa kanaan hordofee, PSG walitti qabaan 6 fi 5 injifachuun waggaa walitti aanuuf xumuraaf darbeera.
Abbaan waancaa yeroo ammaa PSG, xumuraaf darbuunsaa kun yeroo sadaffaadhaafi.
Kilabiin Paaris Kilabii Awurooppaa eegsisuuf Arsenaal waliin Hangaarii, Budaappestitti walmorkatu.
Injifataan Shaampiyonsi Liigii yeroo 6ffaa Baayer Muuniiki, waggaa ja’a booda xumuraaf darbuuf abjuun qabu hin milkoofneef.
Taphni xumuraa Arsenaal fi PSG gidduutti caamsaa 22 bara 2018 akka lakkoofsa Itiyoophiyaatti ni taasifama.