Raawwiin Misooma Dinagdee Magariisa Itiyoophiyaa Fakkeenyummaan kan eeramudha - ENA Afaan Oromoo
Raawwiin Misooma Dinagdee Magariisa Itiyoophiyaa Fakkeenyummaan kan eeramudha
Ebla25/2018(ENA):- Raawwiin Misooma Dinagdee Magariisa Itiyoophiyaa fakkeenyummaan kan eeramuu fi qabatamaa akka ta'e, Itiyoophiyaatti Daayirektarri Inistiitiyuutii Guddina Magariisa Addunyaa (GGGI) fi Itiyoophiyaatti Qindeessaan haala Qilleensaa Jijjiirama,Sirna Nyaataa fi Niiwutiriishinii ibsan.
Itiyoophiyaatti Daayirektarri Inistiitiyuuticha Okeechukuu Dani’eel Ogibonayaa akka jedhanitti; Itiyoophiyaan misooma dinagdee magariisaan dhibbaa jijjiirama qilleensaa dandamachuun guddinni isheen galmeessisaa jirtu, Riijinicha misoomaan walitti hidhuuf humna dabalataa uumaa jira.
Misoomni Dinagdee Magariisaa kun, gadi lakkifama kaarboonii hir'isuun, Carraa hojii babal'isuu fi Invastimantii hawwachuuf humna dabalataa uumuun isaa, muuxannoon kan irraa fudhatamu ta’uu eeraniiru.
Biyyattiin misooma anniisaa haaromfamuu kanneen akka Bishaanii, Bubbee fi aduun invastimantiiwwan gurguddoorratti gochaa jirtu, dinagdee jijjiirama qilleensaatiin hin sarbamne ijaaruuf akka ishee dandeessisu dubbataniiru.
Itiyoophiyaatti Qindeessaan Qilleensaa Jijjiirama, Sirna Nyaataa fi Niiwtirishinii Dooktor Kaffaalanyi Geetaahuun gama isaaniitiin, Misoomni Dinagdee Magariisaa Itiyoophiyaa wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee, guddina jijjiirama qilleensaa giddugaleeffate ijaaruuf akka ishee dandeessisu eeraniiru.
Kanaafis sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabuu fi hojiwwan eegumsa biyyee fi bishaanii oomishtummaan akka dabalu gargaaruu isaa kaasaniiru.
Itiyoophiyaan Gaanfa Afrikaa keessatti rakkoo sababa jijjiirama qilleensaatiin dhufe dandamachuuf humna ishee ijaaraa akka jirtu qindeessaan kun ibsaniiru.
Itiyoophiyaan naannichaa misooma waliiniitiin walitti hidhuuf hojii isheen eegaltee jirtus kan jajjabeeffamu ta'uu isaa dabalanii ibsaniiru.