Tamsaasa Kallatti:

Godinichatti biqiltuuwwan bunaa fooyya’an Ganna dhufu dhaabamaniif qophiin taasifameera

Ebla 30/2018 (ENA): Godina Harargee Lixaatti Ganna dhufu biqiltuuwwan bunaa fooyya’an miiliyoona 37 ol dhaabuuf qophiin xumuramuu Waajjirri Qonnaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa Godinichaa beeksise.

Waajjirichatti Qindeessaan Misooma Bunaa fi mi’eessituu kan ta’an Obbo Olumaa Badhaanee ENA’f akka ibsanitti, Ganna dhufu aanaalee Godinichaa 13 keessatti biqiltuuwwan bunaa fooyya’an dhaabuuf qophiin barbaachisaan taasifameera jedhani.

Sanyiiwwan bunaa kunniin baay’een isaanii Giddu-gala Qorannoo Qonnaa Machaaraa irraa kan gadilakkifamaniidha.

Sanyiiwwan kunniin dhukkubaa fi hongee kan dandamatanii fi hektaara tokko irraa hanga kuntaala 17 oomishuu danda’u jedhaniiru.

Godinichatti misooma bunaa babal’isuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, qonnaan bultoonni naannichas Ganna kana biqiltuuwwan dhaabamaniif boolla qopheessaa akka jiran ibsaniiru.

Hanga ammaatti Godinichatti lafti hektaara kuma 129 ol biqiltuu bunaan kan dhaabame yoo ta’u, biqiltuun bunaa barana dhaabamuuf qophaa’e kan bara darbe yeroo wal-fakkaataa waliin wal bira qabamee yommuu ilaalamu miiliyoona 8’n caalmaa qaba.

Misooma bunaa kanaan qonnaan bultoonni kuma 232 ol hirmaattotaa fi fayyadamtoota akka ta’an ibsameera.

Gama biraatiin, qindeessaan Misooma Bunaa fi mi’eessituu Waajjira Qonnaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa Aanaa Bokkee Obbo Ibraahim Hasan akka himanitti, aanaichatti barana lafa haaraa hektaara kuma 3 bunaan uwwisuuf karoorfatamee hojjetamaa jira jedhani.

Sanyiiwwan bunaa kana keessaa sanyiin 'Bultum' jedhamu kan Giddu-gala Qorannoo Qonnaa Machaaraa irraa ba’e waggaa lama keessatti oomisha kennuu akka eegalu eeraniiru.

Aanaa Bookee Ganda Bookee Xiqqaatti qonnaan bultuun Aayishaa Mahaammad akka jedhanitti, biqiltuuwwan bunaa eeguu fi kunuunsuudhaan carraa hojii argatanii fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Kana malees, lafa ximaadii lama kan kanaan dura jimaa irratti oomishaa turan irratti biqiltuu bunaa dhaabuuf boolla qopheessaa akka jiran dubbataniiru.


 

Waggaa lamaan darban keessa misooma bunaa irratti hirmaachuun fayyadamoo ta'uu kan dubbatan ammoo qonnaan bultuu gandaichaa Moominaa Ibraahimi dha. Isaanis Ganna dhufu kana biqiltuu bunaa dabalataa 500 ol dhaabuuf boolla qopheessuu isaanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015