Tamsaasa Kallatti:

Maanchistar Yunaayitid Bireentifoordi waliin taphata

Ebla 19/2018 (ENA): Tapha xumuraa torbee 34ffaa Piriimiyerliigii Ingiliiz har'a Maanchistar Yunaayitid fi Bireentifoordi gidduutti taphatama.

Taphi gareewwan lamaan gidduutti taasifamu har'a galgala sa'aatii 4:00 irratti Istaadiyeemii Ooldiraafoorditti taphatama.
Maanchistar Yunaayitid qabxii 58’n sadarkaa 3ffaa irra jira.
Morkataan isaa Bireentifordi qabxii 48’n sadarkaa 9ffaa irratti argama.

Gareen lamaan liigii kanaan yeroo 10ffaaf kan wal arganiidha.
Taphoota sagal darbaniin Maanchistar Yunaayitid yeroo shan yoo injifatu, Bireentifoordi ammoo yeroo sadii injifateera. Tapha hafeen qixa bahaniiru.

Liigii shanan darban waliin taphatan irratti, lamaan isaanii yeroo lama injifachuun al tokko qixa ba'aniiru.
Bireentifordi taphoota liigii lamaan darban Yunaayitid waliin taphateen injifateera.

Tapha 33ffaa irratti Cheelsii 1 fi 0’n injifate Maanchistar Yunaayitid taphoota liigii shanan darban yoo injifate carraa Chaampiyoonsi Liigii darbuu ni qabaata.
Taphoota liigii shanan darban qixa bahee kan ture Bireentifoordi gara injifannootti deebi'ee Awurooppaa keessatti bakka isaa mirkaneessuuf kan taphatu ta'a.

Abbaan murtii ganna 40 Kiriis Kaavaanaag tapha kana abbaa murtii onaanaa ta’uun ni gaggeessu.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015