Tamsaasa Kallatti:

Agarsiifni oomishaalee Qonnaa fi teeknooloojii Yunivarsitichaan qophaa’e gaggeeffamaa jira

Ebla 30/2018 – Agarsiisaa fi egzibiishiniin oomishaalee fi teeknooloojii

qonnaa irratti xiyyeeffate Yunivarsiitii Madda Walaabuutti geeggeffamaa jira.

Yunivarsitichi konfaransii qorannoo biyyaalessaa beekumsa xabboo waltajjiitti fiduun beekamtii kennuuf kaayyeffate guyyaa lammaffaaf geggeessaa jira.

Sagantaa kanarrattis muuxannoon qonnaan bultoota bal'innaan dhihaachuun irrattis mari'ataameera.

Pirezidaantiin Yunivarsiitii Madda Walaabuu Dr. Birhaanamasqal Xannaa saganticharratti ergaa dabarsaniin, Yunivarsitichi beekumsa uumamaa qonnaan bultoota bira jiru qorannoo saayinsaawaan walitti hidhuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddisuuf xiyyeeffatuu dubbatan.

Konfaransii qorannoo fi agarsiifni oomishaalee qonnaatii fi teeknooloojii dhihaates kanuma bu'ura godhachuu akka ta’e yaadachiisaniiru.

Ittaanaan Pirezidaantii Yunivarsitichaa Dr. Bazzaabbih Wanddimmuu gama isaaniitiin, waltajjiin qorannoo qonnaan bulaa fi qooda fudhattoota walitti fide kun carraaf hudhaalee qorannoon adda baasuuf carraa kan uumu ta'uu eeran.

Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Baalee Obbo Aliyyii Muhammad gama isaaniitiin beekamtii fi deeggarsi Yunivarsitichi qonnaan bultoota godinichaatiif taasisaa jiru kan jajjabeeffamu ta'uu dubbatan.

Qonnaan bultoonni hirmaatan gama isaaniitiin, waltajjiin qorannoo qooda fudhattoota walitti fide kun beekumsa isaanii daran olbaasuun cinaatti hudhaalee hojii keessatti isaan mudachaa turaniif furmaata saayinsaawaa akka argataniif kan tumseef ta'uu dubbatan.

Sagantaa kana irratti qonnaan bultoota, qooda fudhattoonni damee qonnaa fi dhimmamtoonni gara garaa argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015