Tamsaasa Kallatti:

Tajaajilli dijitaalaa hoj maata ammayyummaa dhugoomsaa jira

Ebla 29/2018 (ENA): Biiroon Misooma Innooveeshinii fi Teeknooloojii Magaalaa Finfinnee sirna tajaajila dijitaalaa ammayyeessuun, malaammaltummaa ittisuu fi oomishtummaa guddisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu beeksise.
Itiyoophiyaan sagantaa haaromsa diinagdee biyya keessaatiin teeknooloojii akka madda ijoo misooma itti fufiinsa qabuutti fayyadamuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jirti. Kanarraa kan ka’e pirojektoonni damee dijitaalaa dinagdee sochoosan milkaa’inaan hojiirra oolaa jiru.
Keessattuu waltajjiiwwan akka tajaajila wiirtuu tokkoo ( Masoob), waraqaa eenyummaa dijitaalaa (Faayidaa) fi Itiyoo koodarsii hundeessuun akkasumas fayyadamni interneetii dabaluun jijjiirama biyyaalessaaf bu’aa guddaa qaba.
Bu’aawwan teeknooloojii kunneen sirna kaffaltii moobaayilaa fi daldala elektirooniksii sirreessuu keessatti bu’aa olaanaa galmeessisuun fayyadamtoonni yeroo fi maallaqa qusachaa akka jiran ibsameera.
Itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Innooveeshinii fi Misooma Teeknooloojii Magaalaa Finfinnee Dr. Tulluu Xilahuun akka jedhanitti; Teeknooloojiin adeemsa ammayyeessuun, malaammaltummaa ittisuu fi oomishtummaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Karoora tarsiimoo waggaa saddeet Finfinnee magaalaa ismaartii taasisuuf qophaa’een misooma koridaraa fi bashannana irratti hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamuus eeraniiru.
Galmi guddaan ijaarsa magaalaa ismaartii magaalattii jiraattotaa fi daawwattootaaf mijataa fi hawwataa taasisuu ta’uu ibsuun, kunis kan mirkanaa’u yeroo tajaajilli fi bu’uuraaleen misoomaa teeknooloojiin deeggaraman ta’uu ibsaniiru.
Hojiiwwan teeknooloojii milkaa’oo magaalattii keessatti hojjetaman kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee dorgommii hoggansa magaalaa Ismaartii Addunyaa bara 2024 Kooriyaa Kibbaa Se’ul keessatti gaggeeffame irratti akka injifatan taasiseera jechuun ibsaniiru.
Fooramii Magaalaa Ismaartii Afrikaa Keeniyaa Naayiroobii keessatti gaggeeffame irratti magaalattiin beekamtii malu akka argattutti hojiiwwan kunneen gahee olaanaa taphachuu isaanii ibsaniiru.
Biiroon kun dhaabbilee federaalaa waliin ta’uun sirna teeknooloojii fooyyessuu, qindeessuu fi nageenyummaan isaa eegame taasisuudhaan dhaabbileen bulchiinsa magaalaa tajaajila isaanii dijiitaalaan akka kennan taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Bu’uuraalee misoomaa ‘Waradaa Neet gara siitii Neetitti’ guddisuun aanaa fi magaalota xiqqaa magaalicha keessa jiran teeknooloojiin walqunnamsiisuun danda’ameera jedhan.
Tajaajilli giddugala tokkoo lammiileen tajaajila mootummaa saffisaa, amanamaa, haqa qabeessaa fi dhaqqabamaa ta’ee fi teeknooloojiin deeggaramee akka argatan taasiseera jedhan.
Tajaajilli kun ifaajii fayyadamtootaa hir’isuu fi iftoomina uumuu, akkasumas amala filannoo dijitaalaa fayyadamuu hawaasa keessatti horachuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira.
Tajaajila sirna dijitaalaa keessatti hin hammatamne haaromsuu fi tajaajila giddugala tokkoo waliin wal simsiisuuf xiyyeeffannoon akka kennamus beeksisaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
See less
 
 
 
 
 
 
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015