Tamsaasa Kallatti:

Dhiibbaa uumtonni Miidiyaa Hawaasaa Afrikaa Ambaasaaddara Aadaa fi Sagalee Dhaloota Haaraa Ta'uu Qabu

Ebla 30/2018 (ENA): Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Afrikaa ambaasaaddaroota aadaa fi sagalee dhaloota haaraa ta’uu qabu jedhan hoji gaggeessaan olaanaa dhaabbata “AGA Tech Enterprises” Gammadaa Olaanaan.


 

Walgahiin Dhiibbaa uumtota Miidiyaa Hawaasaa Afrikaa jalqabaa, kan miidiyaa “Pulse of Africa” fi “A.G.A Tech Enterprises” waliin qophaa’e gaggeeffamaa jira.

Yaadannoo injifannoo Adwaatti kan qophaa’e mata duree "Dhiibbaa uumtoota Afrikaa fooyya'eef " ​​jedhuun Finfinneetti qophaa'e kana irratti dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa biyyoota Afrikaa 30 irraa hirmaachaa jiru.

Konfiransichi dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa itti gaafatamummaa qaban jajjabeessuu, dinagdee dijitaalaa cimsuu, tumsa uumuu fi galmoota Ajandaa Gamtaa Afrikaa 2063 galmaan ga’uuf kan akeekedha.

Afrikaan akkamitti seeneffama mataa ishee ijaaruu, bu’aa amanamummaa ardii kanaa guddisu galmaan ga’uu fi eenyummaa Afrikaa uumuu akka dandeessu irratti dhiibbaa uumtummaan  miidiyaa hawaasaa ni mari’atama.


 

Konfiraansii kanarratti Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo, Hojii Gaggeessaa Olaanaa ENA Sayifee Darribee fi bakka bu’oonni Gamtaa Afrikaa fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.

Hojii gaggeessaan olaanaa dhaabbata ‘A.G.A Tech Enterprise’ Gammadaa Olaanaa waltajjii kanarratti akka jedhanitti, Itiyoophiyaan lafa madda dhala namaa, qaroominaa durii, ibsituu bilisummaa ummata gurraacha, hambaa adda addaa fi bakka gahumsa turistii ta’uu ibsani.

Yaa’iin Dhiibbaa uumtota Miidiyaa Hawaasummaa Afrikaa walgahii qofa osoo hin taane sochii dijitaalaa Afrikaa uumuuf kan jalqabaa ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan seenaan badhaatuu, dinagdee saffisaan guddachaa jirtu ta’uu eeruun, warraaqsa dijitaalaa keessatti jijjiirama dinqisiisaa ta’e irra akka jirtu dubbataniiru.


Ijoolleen ardii kanaa dhiibbaa guddaa qaban seenaa guutuu Afrikaa, ambaasaaddaroota aadaa, sagalee dhaloota haaraa ta’uu akka qabanis dubbataniiru. Akkasumas dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Afrikaa riqicha kalaqa ardii kanaa fi dhugaa addunyaa walitti hidhu ta’uu akka qabu dhaamaniiru.

Yaa’iin kun jalqabbii sochii dijitaalaa Afrikaa ta’uu ibsuun, kaayyoon keenya Afrikaa irraa dhiibbaa uumtota addunyaa uumuu ta’uu qaba jedhaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015